Hanqinoota hojiirra oolmaa sirna federaalizimii biyyattiirratti mul’achaa jiran

19 Feb 2018

Waggoota muraasaa as kutaalee biyyatti garagaraa keessatti nagaafi tasgabbiin dhabamuun lubbuu lammiilee hedduu galaafateera; qabeenya maallaqaan tilmaamuu hindandeenyes mancaasuu danda’aeera. Yeroodhaa yerootti nageenya boora’aa jiru kanaan walqabatees sababootni garagaraa dhiyaachaa yoo jiraataniyyuu rakkoolee mul’atan furuun kutannoo hundaa kan gaafatu ta’eera.
Ji’uma darbe keessa ADWUIn rakkoolee jiran maraa furuuf murteewwan siyaasaa jajjabeessoo kan dabarse yoo ta’u, sochiileen misoomaa eegalamanii jiran osoo hindhaabatin itti fufsiisuuf ammayyuu hojmaneen ariitiin hojjetamuu qaban hedduu ta’uusaanii hayyuuleen addaddaa ni eeru. Kana waliinis sirna federaalizimii biyyattiin hordofaa jirturratti sodaawwan uuman furuun tarkaanfii jalqabaa ta’uusaa ni ibsu.
Yunivarsiitii Sivil Sarvisii Oromiyaatti Doktar Milkeessaa Biragaa Pirezidaantii Ittaanaa yoo ta’an, yeroo dhiyoo as rakkooleen mudachaa jiran sirna federaalizimii Itoophiyaan hordofaa jirturratti sodaa uumuusaa ibsu. Biyyattiin sirna federaalizimii eenyummaafi afaanirratti hundaa’e filachuun ittiin gaggeeffamaa kan jirtu yoo ta’u, gaaffilee ummataa hedduu deebisuu sirna danda’eedha jedhu. Gama kanaanis waggoota 30 dura carraa bittinnaa’uu Itoophiyaa mudachuuf akeekellee kan hambise ta’uus dubbatu.
Namootni tokko tokko tasgabbaa’uu dhabuun biyyattii rakkoo sirni federaalizimii fideedha, jechuun komatu. Yaada kana kan hinfudhanne Doktar Milkeessaan, rakkoo guddaan jiru sirnicha osoo hintaane sirna federaalizimii karaa dogoggoraan hubachuun warreen qixa sirriin hojiirra hinoolchineedhajedhu. Yeruma darbe keessallee walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaafi Somaalee Itoophiyaa sababeeffachuun jeequmsi uumame daangaa naannolee lameenii bu’uura seeraatiin hiikamuu dhabuusaa akka fakkeenyaatti kaasu. Kunimmoo heerri biyyattii mootummaa federaalaatiin sirnaan hojiitti hiikamaa waan hinjirreef yeroo yerootti madda rakkoolee ta’aa jira jedhu.
Itoophiyaa keessatti biyyoota Afrikaa kamirrayyuu caalaa heddumminni afaanii, aadaa, amantiifi gosaa waan jiruuf sirni federaalizimii haala qabatamaa biyyattii irratti hundaa'uun kan qophaa’e ta’uu dubbatu. Ta’us rakkoolee hedduu sirnicha keessatti mul’achaa jiran furuu dhabuun hangam aarsaa guddaa kaffalchiisaa akka jiru hubachuun ni danda’ama. Kana furuun ammoo kutannoo muutummaafi hawaasa maraa ta’uu hubachiisu.
Obbo Nawusannaay Balaay ammoo Yunivarsiitii Finfinneetti Barsiisaa Wiirtuu Federaalizimii yoo ta’an, sirna federaalizimii biyyattiirratti rakkoo hamaan uumameeraa? gaaffii jedhuuf, sodaa uumamuusaa ibsanii, kan walnama falmisiisan garuu sababoota rakkoolee uumamaniirrattiidhaa jedhu. Inni guddaan sirnichi rakkoo waan qabuuf osoo hintaane, dogoggoraan hojiitti hiikamuusaati jechuun yaada Doktar Milkeessaan kaasan deggeru.
Akka ibsasaanittis, sirnichi balaarra bu’e jechuun heddumminni sabootaa, sablammootaafi ummattoota biyyattiis walumaan rakkoof saaxilame jechuudha. Kanaaf ammoo kutaalee biyyattii garagaraa keessatti lammiilee dararfamaa jiran akka fakkeenyaatti eeru. Heerri biyyattii namni kamuu kutaalee biyyattii keessa naanna’uun hojjechuufi qabeenya horachuu kan danda’u ta’uusaa ibsa. Haa ta’u malee haalotni wayita ammaa mul’achaa jiran ija kanaan yoo ilaalamu kan walfaallessan waan ta’eef, waldaaleen siivikii, qaamoleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiraniifi hawaasni marti gahee isaanirraa eegamu sirnaan bahachuu akka qaban hubachiisu. Filannoon jirus heera biyyattiin qabdu osoo hinjallisiniifi irraa hinhir'isin hojiirra oolchuutiin furmaata fiduun murteessaa akka ta’eedha kan ibsani. Mootummaan seerota hundaa kabajuun hojiirra yoo oolche rakkooleen mudachaa jiran hundumtuu fala kan argatan ta'uu himu.
Haala qabatamaa duraaniirra ka’uun rakkooleen wayita ammaa mudachaa jiran maddisaanii maali? Akkaataa sirna federaalizimii hojiirra oolfamaa jirus rakkoo qaba yoo jedhamu maal jechuudha? Gaaffilee jedhaniif Doktar Milkeessaan akkas jechuun deebisu. Maddi rakkoolee kanaa dirreen siyaasaa dhiphachuusaati; keessummaa sadarkaa biyyaalessaatti filannoon marsaa 5fa adeemsifameen teessoon paartileen siyaasaa argatan gadaanaa ykn zeeroo ta’uunsaa imalli dimokiraasii biyyattii duubatti harkifataa akka ta’u dirqamsiiseera.
Namni kamuu biyyasaarratti nageenyaan jiraachuus fedha guutuu qaba kan jedhan Doktar Milkeessaan, shorkeessitoota ittisuuf labsiin bahee hojiirra oolaa jirus lammiilee hedduurratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira. Kunimoo dhimma kanarratti seerri barbaachisaa yoo ta’eyyuu akkaataan hojiirra oolmaasaa garuu sakatta’amuu akka qabu hubachiisu.
Akka ibsa Doktar Milkeessaatti, yeroo yerootti rakkoolee siyaasa biyyattii mudachaa jiraniif sababni biraa ammoo iddoowwan addaddaatti bakka bu’ummaan sabootaa bifa madaalawaa ta’uu dhabuusaati. Fakkeenyaaf, damee raayyaafi eegumsa biyyaa irratti hoggantootni olaanaan bakka bu’an namoota qomoo tokko qofarraa ta’uunsaanii gaaffii keessa akka galu godheera. Kunimmoo olaantummaa gosa tokkoo jechuu osoo hintaane bakka bu’ummaan kan hiikamuudha. Baroota kurnan lamaan darban keessattis sochiilee misoomaa taasifamaniin bu’aaleen hedduu galmaa’aniyyuu gama siyaasaan garuu heera biyyattiin qabdu sirnaan hojiirra oolchuu dhiisuutiin rakkooleen nageenyaa mudachuu danda’aniiru. Keessumaa mootummaan federaalaa xiyyeeffannoon yoo hinhojjenne balaa hamaa dhaqqabsiisuu akka danda’a jedhudhu.
Darikterri Olaanaa Giddugala Aadaa Oromoo Doktar Garramuu Hulluuqaa gamasaaniin, akkuma hayyuuleen lamaan ibsan rakkoo ijoon sirna federaalizimii biyyattii akkaataa sirrii hintaaneen hojiitti hiikamuu dhabuusaati. Sirni kunis waggoota kurnan lamaan dura ummattootni biyyattii fedhiisaaniitiin mirgoota uumamaafi dimokiraasii kabachiisachuuf qabsoo guddaadhaan sirna argatan ta’uu eeru. Kunimmoo sirna tokkummaafi konfedereeshiiniirra sirni amma hordofamaa jiru fudhatama guddaa qabaachuusaa mirkaneessuun kan rakkisu miti.
Sirni siyaasa biyya tokkoo heddummina aadaa, afaanii, qomoofi kan biroorratti kan hundaa’e jechuun sirnicha keessatti bu’uurri yaadoleefi caasaaleen mootummaa hundi tokkummaafi heddummina hammachuun kan ittiin gaggeeffamani yoo ta’eedha. Ijaarsa caasaalee mootummaa federaalaa keessattis heddumminni kan calaqqisuu qabu yoo ta’u, daanguma biyya tokkoo keessatti ibsituuwwan garee ykn hawaasa tokkoo haala qubsuma lafaanis ta’e seenaatiin wal unatanii yoo jiraataniidhaa, jedhu.
Ija kanaan yoo ilaalamu sirni federaalizimii biyyattii heddumminarratti hundaa’e ka’umsisaa eenyummaa akka ta’e eeru. Rakkooleen mudachaa jiran ammoo kanneen akka mirga of misoomsuu dhorkamuu, dhiitamuu mirga namummaafi dimokiraasii, rakkoolee bulchiinsa gaariifi sassaabdummaa kiraa maqaa dhahuun kan danda’amuudha. Dhiibbaawwan kunneen ammoo balaa guddaa waan qabaniif, sirreeffamuu akka qaban hubachiisu. Ummatootni biyyattii dhiibbaa fiwudaalizimiifi sirna dargii illee gaaffii qomootiin walqabsiisanii kuffisuu akka danda’anis yaadachiisu.
Seenaa biyyattii keessatti sabootni, sablammootniifi ummatootni sababa walitti bu’iinsaan waldiiganii hinbeekan kan jedhan Doktar Garramuun, hoggantootni sabootaa waldhabaniyyuu rakkoolee uumamaa jiran maraaf maddisaa sirna federaalizimii biyyattiin hordofaa jirtuudha jedhanii jala muruun sirrii akka hintaane hubachiisu. Kunimmoo sirni hordofamaa jiru itti gaafatamummaa guutuun, iftoominaafi dandeettii raawwachiisuu olaanaatiin deggaramee hojiirra oollaan biyyattiif carraa guddaa uumuu kan danda’uudha jedhu.
Mana Maree Federeeshinii Dameen Barsiisa Tokkummaa Dimokiraasummaafi Heeraatti, Barreessituun Koree Dhaabii Dhimmoota Ijaarsa Nageenyaa Aadde Fireweyinii Gabrazaabeer akka ibsanitti, wayita ammaa sababootni rakkoolee kutaalee biyyattii keessatti mul’achaa jiran hedduudha. Keessumaa akkaataa hojiirra oolmaa heeraarratti hanqinootni jiraachuurraa kan ka’e qabiinsi mirgoota namummaafi dimokiraasii haalaan hojiitti hiikamuu hindandeenye. Kunimmoo ilaalchi dhiphummaafi of tuulummaa akka babal’atu gochuutiin bulchiinsi naannoleefi federaalaa akka laafu taasisuusaa eeru. Sochiin akkasii itti fufiinsaan lafa qabannaan ammoo sabootni, sablammootniifi ummatootni biyyattii dhiibbaan nurra gahe jechuun sirna federaalizimii balaarra buusuu waan danda’aniif, osoo oolee hinbuliin rakkoolee jiran maraa furuun barbaachisaa ta’uusaa yaadachiisu.
Walumaagalatti, dirree dimokiraasii qabatamaatti bal’isuuf labsii farra shororkeessummaa fooyyessuu, tokkummaa biyyaarratti xiyyeeffannoon hojjechuu, mirgoota namummaafi dimokiraasummaa eeguufi eegsisuu, akkasumas paartilee siyaasaa maraa waliin waliigaltee uumuun murteessaa ta’uu ibsu hayyuuleen kunneen.

Qindeessaan Takkaalliny Gabayyoo

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001435942
Har'a/TodayHar'a/Today3902
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday5618
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week11162
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month97519
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1435942

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.