Gahee ummata Oromoo Itoophiyaa ijaaruu keessatti Featured

05 Mar 2018
Dr. Indaalew Fufaa Dr. Indaalew Fufaa

Itoophiyaa, ummata Oromoorraa gargar baasanii ilaaluun rakkisaadha. Sababiinsaa ummtni Oromoo jalqabarraa kaasee biyyattii ijaaruun har’a akka geessu taasisuu keessatti qooda olaanaa kan qabu ta'uu qorattootni seenaa ni ibsu. 

Hidda latiinsa Afroo-Eeshiyaa arfan keessaa irra jireessaan daangaa biyyattii keessatti bal’inaan tamsa’uun jiraachaa kan turaniifi ammas jiran Kuushota yoo ta’an, kanneen keessaa ammoo ummatni Oromoo baay’ina ummataafi daangaa lafaatiin guddaa ta’uunsaa beekamaadha.
Jaarraawwan hedduu darbanirraa kaasee hanga har’aatti ummatni Oromoo Itoophiyaa ijaaruu keessatti gahee guddaa kan qabu yoo ta’u, qaroomina durii eeguufi eegsisuu keessattillee shoorri ummatichaa tilmaama keessa kan hingalle ta’uudha, hayyuuleen seenaa kan dubbatani.
Yunivarsiitii Finfinneetti Pirofesar Tasammaa Taa’aa Qorataa Seenaa Itoophiyaafi Afrikaa yoo ta’an, Itoophiyaa ijaaruu keessatti hundeefi qooda guddaa kan qabu ummata Oromoo ta’uu dubbatu. Kunis, jaarraa hedduuf saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii akka simiintoo walitti qabuun karaa nagayaan waliin jiraachaa kan ture yoo ta’u, har’as taanaan saboota biroof kabaja guddaa kennuun waliin jiraachaa jira. Kunimmoo jalqabumaa kaasee Oromoon Sirna Gadaa Dimokiraatawaa ta’een bulaa waan tureef, saba qulqullummaafi dhugaatti amanu ta’uusaa kan ifatti argisiisuudha jedhu.
Seenaa Itoophiyaa keessattis waa’een biyyattii ijaaruu si’a ka’u, daangaa biyyattii kabachiisuuf gatii guddaa lammiileen Oromoo Adwaarratti baasan beekuun gahaadha. “Fardeen Oromootaa utuu hinjiran ta’ee, Minilikiifi Iteegee Xaayituun ALA bara 1896tti Adwaarratti ni mo’uun sobadha” jechuun hayyuuleen seenaa Xaaliyaanii barreessaa akka turan kan himu. Kunimmoo kutannoofi ciminoota Fitawuraariin Gaboo Gurmuufi Dajjaasmaach Baalchaa Saafoofaa weeratoota Xaaliyaanii daangaa biyyattii cabsan qolachuuf xiiqeffatanii lolaa turan. Bara sana gareen gootota Wallaggaafi Harargeerraa deeman 'Raas Mokkonnoon' jalatti hiriiruun weerara faashistootaa dursanii Maqaleefi Ambaalaageerratti mancaasuu danda’uusaanii seenaan kan ibsu ta’uu eeru.
Sabni Oromoo Itoophiyaa ijaaruuf lafeesaa itti cabseera; dhiigasaa kan biroo caalaa dhangalaaseras jedhu. Dhugaan kun garuu sirna mootota darbaniin ukkaamsamaa waan tureef, qaamoleen jibbiinsa ummatichaa qaban ummatni Oromoo biyyattiif akka waan bu’aa tokkollee hinbuusneetti dubbachaa turan. Hanga yeroo dhiyoottillee ilaalchi kun mul’achaa akka ture dubbatu.
Akka Pirofesar Tasammaan jedhanitti, ummatni Oromoo sirna Gadaatiin waan buluuf, guutummaatti dimokiraatawaa ta’uusaa eeranii, walqixxumaa sabootaa, sablammootaafi ummattoota hundaatti amana. Wayita ammaas sirna walqixxummaa diriirsuun barbaachisaa waan ta’eef, gama eenyummaa, aadaa, afaaniifi misooma hawaas-dinagdee, akkasumas siyaasaan rifoormiin gadi fageenyaan taasisafamuu akka qabu.
Barsiisaa Yunivarsiitii Arsii Doktar Indaaloo Fufaa gama iosaaniitiin akka jedhanitti, Itoophiyaa ijaaruu keessatti gahee Oromoon qabu guddaa ta’uusaa ragaalee seenaa wabeeffachuun dubbatu. Aadaa, duudhaafi amantii ummatni Oromoo ittiin of ibsaa tureefi jiru sabootaafi sablammoota biroof fakkeenya gaarii ta'a. Keessumaa Sirni Gadaa Oromoo guutummaatti dimokiraatawaa ta’uusaa akka fakkeenyaatti kaasuun, kunis, beekamtiifi dhageettii Itoophiyaaf gahee guddaa qaba jedhu.
Kana malees, weerara daangaa biyyattii darbuun seenee ture qolachuu keessattis goototniifi fardeen Oromoo addadurummaan eeramu. Faashistoota Xaaliyaanii halkaniifi guyyaa hirriba dhorkaa kan turan kanneen akka Gabramaariyaam Gaarii, Garasuu Dhukii, Dajjaasmaach Baalchaa Saafoo, Gaboo Gurmuu, Balaay Zallaqaafaa akka fakkeenyaatti eeramu. Goototni kunneen ammoo maqaasaanii falmachuurra biyyattiif falmaa turuusaanii ifatti kaasuun yaadaPirofesar Tasammaa cimsu.
Seenaa darbes ta'e yeroo ammaa wayita ilaalamu ummatni Oromoo sabootaafi sablammoota biroorratti dhiibbaa geessisaa kan hinturre. Oromoon kaleessas ta'e har’a cunqurfamuu waan barbaanneef mirgasaa kabachiisuuf yeroo kamiyyuu qabsoo taasisaa tureera; ammas taasisaa jira. Dhalootni qubees qabsoo ummatichaa fuulduratti tarkaanfachiisaa kan jiran ta'uu himu.
Walumaagalatti, saba kamirrayyuu gaarummaafi guddummaa biyya kanaaf hojjechaa kan turan Oromootadha; garuu waa’een Oromoo biyyattii keessatti si’a ka’u akka kirkira lafaatti ka'uu hinqabu. Qaamoleen jibbiinsa lallabuun dhaloota har’aa shakkisiisaa jiranis of sirreessuu qabu. Gochaafi ilaalcha kana cabsuu keessatti gaheen hayyuulee olaanaadha.

Takkaalliny Gabayyootiin

 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001435365
Har'a/TodayHar'a/Today3325
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday5618
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week10585
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month96942
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1435365

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.