Injifannoon Aduwaa dhaloota har'aatiif maal akeeka?

10 Mar 2018
Injifannoo abbootiin Aduwarratti argatan, misoomarratti dabalamu qaba Injifannoo abbootiin Aduwarratti argatan, misoomarratti dabalamu qaba (Suurri Gabaaboo Gabreetiin)

Warraaqsi indastirii jaarraa 18fa keessa biyyoota Awurooppaa Dhihaatti kan eegale yoo ta'u, guddina hawaas-dinagdeefi siyaasaa, akkasumas qaroomina ardichaa gara sadarkaa olaanuutti ceesiseera.
Babal'inaafi dagaagina indastrii kanaan walqabatee garuu mi'a dheedhii warshaaleedhaaf barbaachisu argachuun immoo hojmanee guddaa itti ta'ee ture.
Boodarratti garuu wantoota dheedhii argachuuf ardiin hintuqamneefi qabeenya uumamaan badhaate Afrikaa saamuun filannoosaanii kan jalqabaa ta'e.
Kanaanis biyyoota Afrikaa addaan hirachuudhaaf Awurooppaanotni hundi hanga humnasaaniitti gara Afrikaatti bobba'an. Sirni kolonii biyyootni Awurooppaa Dhihaa Afrikaanota irratti jalqaban kun biyyoota ardittii hedduu keessatti milkaa'e.
Sochii Afrikaa koloneeffachuuf taasifamu barfattee kan eegalte Xaaliyaan, biyyi koloniin hinqabamiin Itoophiyaa waan turteef humna qabduun garanatti duulte.
Duulli xaaliyaan Itoophiyaa humnaan qabachuuf taasifte garuu seenaa ummata gurraachaafi adii keessattis boqonnaa haaraa bane.
Adiin mo'amuu akka danda'uufi gurraachi immoo mo'uu akka danda'u, wareerri Xaaliyaan taasifte Aduwaarratti mirkaneesse.
Injifannoon Aduwaa kan Itoophiyaanotaa qofa osoo hintaane kan Afrikaanotaafi ummttoota gurraacha ta'uu, torbee darbe Ministerri Waajjira Dhimmoota Kominikeeshiinii Mootummaa Doktar Nagarii Leencoo sagantaa marii kabaja ayyaana Aduwaarratti ni ibsu. Aduwaan Itoophiyaa qofaaf osoo hintaane ummata gurraacha addunyaa hundaaf mallattoo bilisummaa ta'uu himanii, kanaanis seenaa ummata gurraachaa keessatti iddoo olaanaa kan qabuufi hojiin injifannoo boonsaa kana beeksisuuf hojjatamu cimee itti fufuu kan qabu ta'uu dubbatu.
Akka ibsa ministerichaatti, gootummaafi ciminni abbootiin keenya diina biyya weeraruuf dhuferratti agarsiisan seenaa ummata gurraacha addunyaa keessatti boqonnaa haaraa saaquu bira darbee, irree tokkummaatiin dinqii hojjachuun kan danda'amu ta'uu ragaa kan baheedha.
Injifannoo Aduwaarratti argaman bara baraan kabajuufi yaadachuu bira darbe wanti qabatamaan seenaa addaa kana mul'isu iddoo sanatti akka ijaaramuuf sochiin olaanaan taasifamuusaatiin, wayita ammaa Yunvarsiitiin Paan- Afrikaanizimii ijaaruudhaaf haaldureen hundi xumuramaa jiraachuu eeru.
Seenaa boonsaa abbootii keenyaan galmaa'e kana faarsurra darbee, dhalootni amma jiru diina keenya isa guddaa ta'e hiyyummaafi boodatti hafummarratti duuluu akka qabanis ni dhaamu.
Barnoota labatni har'aa seenaa abbootii keenyaa irraa fudhate xiqqaa ta'uu kan himan immoo hirmaataa sagantichaa kan ta'an Obbo Dassaalanyi Asfaawu, yeroo ammaa ispoortiifi fiilmii biyya alaa ilaaluu malee seenaa goototaafi biyyattii dubbisuufi irraa barachuunis laafaa kan dhufe ta'uu dubbatu.
Sirna federaalizimii biyyattii keesatti diriirfameen walqabatee haalli namootni tokko tokko itti hubatan rakkina qabaachuusaafi sirnicha keessatti immoo tokkummaa ummatoota biyyaattii caalaa garaagarummaa irratti xiyyeeffatamee hojjatamuusaatiin walta'insi dur ture amma dharraa ta'aa jiraachuus ni ibsu.
Wareerri Xaaliyaaniin Itoophiyaa irratti labsiteen lolli Aduwaarratti baname sun garuu lola qaamota humna walmadaalan gidduutti taasifame hinturre.
Faashistootni meeshaalee waraanaa ammayyaafi gurguddoo ta'aniin, lammiileen Itoophiyaa immoo meeshaalee waraanaa aadaatiifi boodatti hafaa hidhachuutiin falmii taasifame waan tureef, eenyu mo'achuu akka danda'us durfamee tilmaamamee ture.
Haa ta'u malee, dhumarratti haala hineeggamneen garee meeshaalee waraanaa boodatti hafoo ta'aniin waraana ammayyaa hanga funyaaniitti hidhate qaanessee ofirraa ittisuun seenaa bara baratti yaadatamu ta'ee darbeera. Walumaagalatti, icciitiin mo'annaa Itoophiyaa lola Aduwaa onnee tokkummaa ummata biyyattii gidduu ture ta'uunsaa ifaadha. Har'a garuu tokkommaafi jaalalli ummattoota gidduu ture sun hir'achaa dhufaa jira waan ta'eef, falli tokko yoo jiraate tokkummaa duraanii deebifachuudha.
Keessattuu dhalootni amma jiran seenaa boonsaa abbootiin keenya galmeessisan kanarraa barumsa fudhachuudhaan, diina keenya kan ta'e hiyyummaa dhabamsiisuun injifannoo walfakkaataa galmeessisuu barbaachisa.

Bayyanaa Ibraahimiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001435363
Har'a/TodayHar'a/Today3323
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday5618
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week10583
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month96940
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1435363

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.