Madaa bule tuttuquu moo fayyisuu?

27 Apr 2018

Rakkooleen bulchiinsa gaariifi sassaabdummaa kiraa biyyattii keessatti babal’achaa waan dhufaniif, nagaafi tasgabbiin itti fufiinsa qabu akka hinjiraanne taasiseera. Kanarraa kan ka’e labsiin yeroo hatattamaa irra deebiin labsamuunsaa kan yaadatamudha.

Rakkoo uumamaa turan matumaa furuuf sosochiifi kutannoon gama mootummaan calaqqisaa jiru akka cimuufis ummatni itti dhiyeenyaan hordofachaa jira.

Kunimmoo qaamoleen gocha sassaabdummaa kiraa keessatti kufanii jiran gareedhaan walitti hidhamanii qabeenya biyyattii saamaa waan turaniif, umriinsaanii akka gabaabbatuufidha.

Haala kanaan qabsoon ummataa yeroorraa yerootti bifasaa jijjiirraachuun finiinaa kan ture yoo ta’u, haaromsa gadi fagoo taasifameen jijjiiramni mul’achaa jiru ummata bal’aa garaa kan ciibsu ta’ee mul’achaa jira.

Kunimmoo kan mul’isu, barri kun bara ummata sobanii jiraatan akka hintaanedha. “Yaa soogiddaa yoo ofiif jette mi’aayi, yoo didde dhagaadha jedhanii sigatu” akkuma jedhamu hoggansi kana booda aangootti bahu kan ummataaf jiraatu ta’uu hubatamuu mala.

Hoggansa amantaan ummataa irra hinjirre buqqisanii, kanneen antummaa ummataa qaban bakka buusaa deemuun jijjiirama ummatichi barbaadu yoo ta’u, kanneen qabeenya ummataa saamaa turan seeratti akka dhiyaataniif hoggansi haaraa of kennee hojjechuu barbaachisa.

Yeroo ammaallee hoggantootni antummaa ummataa hinqabne aangoo akka gad lakkisan taasifamaa jiru. Aangoo akka gadi dhiisan qofti gahaa dha jechuun kan ulfaatu yoo ta’u, qaamolee kanneen seeratti dhiyeessuuf yeroo fdhachuu hinqabu. Hanga kuni hintaanetti faayidaan ummataa eegameera jechuun kijibadha.

Hoggantoonni antummaa ummataa qabatamaan mul’isu jedhamuun abdataman hojiitti bobba’aa kan jiran yoo ta’u, madaa hawaasaa tuttuqaa yeroo lakkaa’uurra qabatamaan jijjiirama hawaasni barbaadu galmeessisuuf kutannoon hojjechuu qabu.

Jijjiiramni barbaadamu kunis kan ijaan mul’atu, itti quufinsa hawaasaa qabatamaan kan mirkaneessu yoo ta’een alatti, abdii ijaan hinmul’atne tarreessuun gonkumaa jiraachuu hinqabu. Ministirri Muummee Itoophiyaa haaraa Doktar Abiyyi Ahmad haasaa taasisan keessatti, “Abdii sobaa hawaasaaf galuun dogoggoradha, kan dubbatame hojiitti hiikuun ammoo cimina waan ta’eef hunduu tumsuu qaba” kan jedhudha.

Kunimmoo hoggantootni haaraa gaaraa kaasee hanga dakaatti muudaman marti hanqina kaleessa ture sababeeffachuun ergama isaan itti laatame lafarra akka hin harkifneef kallattiin taa’ee jiru cimaa ta’uusaa argisiisa.

Dogoggorootni kaleessa turan irraa baratamu malee irra deebi’amanii argamuu hinqabani. Hoggantootni haaraa muudaman kana hubachuun isaanirraa eegama.

Itti gaafatamummaan ulfaataadha, ofirra darbanii biyyaaf jiraachuu jechuu yoo ta’u, faayidaa al kallattiin argamu dhuunfachuuf jecha yaaliin taasifamu garuu dhumnisaa salphinadha.

Kaleessa qabeenyi hawaasaa saamameeras, kaazinaan mootummaas duwwaa ta’uu danda’a. Ta’us, hojii kaleessa babbadaa ture ilaalanii kutannoo hawaasa tajaajiluuf qaban laaffisuun barbaachisaa waan hintaaneef, of kennanii hojjechuun dirqama hoggansaa kennameerudha.

Ummatni haaromsa taasifamaa jiruun bakka garagaraatti gammachuusaa ibsachaa kan jiru yoo ta’u, fedhii ummtaa eeguuf, akkasumas dursiisuuf eeggannootiin hojjechuun barbaachisaadha.

Gammachuun ummataa calaqqisaa jiru kun ija godhatee mul’achuu kan danda’u, seenaa odeessuun osoo hintaane qabatamaan waan hawaasni barbaadu hojiitti hiikuun ta’uu qaba. Kunimoo kufaatii dhufuu malu gamanumaan ittisuudha.

Hawaasni mootummaasaa jaalatu yoomiyyuu yaada ijaarsaa kan kaasu yoo ta’u, mootummaanis gurrasaa ummataaf kennuun isarra jiraata. Kun taanaan ammoo hoggayyuu hawaasni mootummaa cina kan hiriirudha.

Walumaagalatti, muudamtoonni aangoon ummataaf amantaafi imaanaan itti laatame fayadamummaa lammiilee biyyattii mirkaneessuuf hojjechuu qabu. Ergama isaanitti laatame lafarra harkisuuniifi guutummaatti furuu dhabuun rakkoo biraa uumuu akka ta’e hubachuun murteessaadha. Madaa bule tuttuquurra fayyisuutu caala kan jenneefis kanumaafi.

Waasihuun Takleetiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001819053
Har'a/TodayHar'a/Today4968
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3589
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week9633
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1819053

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.