“Hanqinoota mudatan sirreessaa haaromsa biyya keenyaa itti fufsiifna” - Hirmaattota konfaransii dhaabbattummaa DhDUO Featured

23 Jun 2018

Konfaransii dhaabbattummaa 8fa DhDUO Waxabajjii 3 hanga 5 bara 2010tti Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti adeemsifamaa turerratti dhaabbbatichi rakkoolee ilmala haaromsaa eegalame gufachiisan furuuf marii bal'aa taasiseera.

Hirmaattonni konfiraansichaa ibsa ejjennoo abbaa qabxii 11 baasaniin akka ibsanitti, DhDUOn dhaaba ummatarraa ummataaf dhalatee qabsoo ummata Oromoo hoogganuun waggoota darbaniif bu’aa ba’ii injifannoofi rakkoolee babal'aa keessa fulla'ee ifa barii qabsoo haaromsaarra gaheedha.

Dhaaba duudhaaleen aantummaafi ummatummaa keessoosaatti hidda dagaagfatee duudhaalee kanneen guddisuufi caalmaatti gabbisuuf waltajjiiwwan qabsoo keessa darbe hundatti aarsaa boonsaa kafaleedha.

DhDUOn waltajjii qabsoo har'a fayyadamummaan ummata Oromoo akka mirkanaa'uuf qabsoo hadhaawaa taasiseen abdii egeree naannoofii biyyaa itti ifuu jalqabe kanatti koonfaransii keenya yoo gaggeessu gama tokkoon boqonnaa qabsoo darberraa barnoota argannetti fayyadamnee egeree keenya milkeessuuf kan itti karoorfannu, gama biraatiin ammoo imaanaa guddaa biyya bulchuu ummanni nutti gate injifannoon bahachuuf yeroo kamiyyuu caalaa ummata hirmaachifnee kan itti hojjennu ta’uu qaba.

DhDUOn dhaaba waltajjii qabsoo irra gahe sirriitti adda baafatee, qabsoo cimaa keessoosaatti geggeessuun dhaabatee of ilaalaafi of sirreessaa dhufeedha. Imala qabsoo hidhannoorraa hanga qabsoo farra hiyyummaatti haalli ture hundi hanguma danqaa qabsoo keenyaafi harkifannaa injifannoo keenyaatiif sababa ta’e, battala tooftaa addaatiin hogganuun ummatatti siqaa ummataan qeeqamaa deeme hundatti gara carraa gaariifi injifannootti geeddaramee madda milkaa’inaas danda’uu isaaf waltajjiin qabsoo injifannoo har'a irra geenyee ragaa tokko ta'uu danda’a.

Waltajjiin har’a irratti argamnu kunis bu’aa ba’ii qabsoo keessa darbamee gaaffii ummata Oromoo baroota dheeraa deebisuun injifannoo boonsaan galmeessifne hojii egereetiif abdii kan namatti horu tahullee sadarkaa qabsoon ummata Oromoo irra ga'eefi bal'ina rakkoo bulchiinsa gaarii ummata keenya mufachiise waliin wal bira qabnee yoo ilaallu tabba bahuu jalqabne malee tabba waan hinba'iniif balaan nu mudachuu malaa sodaa kan of keessaa qabuudha.

Qormaanni humna jijjiiramaafi humna sassaabdummaa kiraa akka ittifufu barbaadu gidduutti taasifamus calaqqee injifannoo amma ummanni keenya gonfachuu jalqabe kana bu’aatti jijjiiruufis ta'e kichuutti kutuuf ga’ee qabaata.

Injifannuma kana keessa rakkoon ilaalchaa tokkummaa ummata Oromoo diigu, aantummaa ummataa laaffisu, rakkoon olaantummaa seeraa kabachiisuu dhabuu, qajeeltoowwan sirna federaalizimiirratti sirnichaafi hanqina raawwii sirnichaa adda baasuurra duuchumatti sirna federaalizimii shakkuun mullattoo qormaata imala egeree ta'e furuuf marii bal'aa gaggeessineerra.

Qajeeltoof duudhaa dhaaba keenyaa qabannee hawaasa dimokratawaa bilisummaa yaadaafi ofitti amanamuummaa qabu uumuuf kan qabsoofnu tahullee hojjiimaata dhaabaa kabajuufi kabachiisuu dhabuun ammoo ibidda boba’uuf beenzina ta’ee rakkoo akka naannoofi biyyaatti keessa gallee turre keessatti sababoonni hedduun yoo jiraatanis, bu’uurrisaa inni guddaan rakkoo dimokraasii keessoo dhaabaa ta'uun adda ba'ee irratti walii galamee jira.

Haa ta’u malee dhaabni keenya hanqinoota hoggansa keenyarraa maddan sirreessuudhaan haaromsa biyya keenyaa itti fufsiifna” mataduree jedhuun haaromsa cimaatti galuun abdii dukkanaan duubaa ibsuu danda’eera.

Hojimaata dhaabaafi duudhaa ummatummaa qabannee yoo hojjanne qaawwa xan'acha gufuu hojii keenyaa arginee ilkaan buqqisnee fayyisuuf hojii hojjanneen nus ummata keenya abdii godhannee, ummata keenyaafis abdii taane.

Rakkoowwan bal'aa marii sadarkaa sadarkaan gaggeeffamerraa ka’ee ijaaramni dhaabaa sadarkaan jiru akka sakatta’amuufi cimu taasifamuun, caasaan keenya sadarkaan jiru erga qulqullaa’ee cimeefi irra deebiin ijaaramuunsaas dhimma murteessaa yeroon gaafatuudha.

Kutannoon jijjiiramaa kun kaleessa wareegama boqonnaa qabsoon gaafatu hunda kaffaluudhaan ijaarsa naannoofi biyya keenyaa keessatti ga’ee adda durummaa gumaachaa kan ture DhDUOn, har’as mirga ummata Oromoo, sabootafi sablammoota naannoo keenya keessa jiraataniifi kan ummattoota biyyattii karaa guutuu ta’een akka kabajamuuf ejjennoofi kutannoo cimaa qabaachuusaa kan nutti argisiiseefi nus dubbii ija qabsoo ummataatiin ulfeessinee akka ilaallu nu taasiseera.

Gaaffiiwwan siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa ummatichaa deebisuuf karaa tarsiima’aa ta’een hojjannee, hojjachiifneefi hooggannee hanquu kaleessarraa barannee har’a kan hogganuufi tarsiimoowwan dhaaba keenyaa egeree keenya milkeessan hojiirra oolchuudhaan fagootti ilaalaa hojii keenya hunda bu’aa ummataaf buufneen madaalaa kan imallu taha.

Kun ammoo toora dhaaba keenyaa qabannee rakkoon nuti hinhiikneefi injifannoowwan nuti hin galmeessisne akka hinjirre kan ifatti nutti mul'isuudha.

Iccitiin har'a gaaffiiwwan siyaasaa ummata Oromoo barootaaf lafarra foqoqaa turan deebii akka argatan kan ta’e kutannoon qabsaa'uu, ejjennoo cimaafi wareegama qabsichi gaafatu kamuu kaffaluuf qophaa’ummaa jiru ta'uun isaa boru kan caalu hojjechuuf dura ofitti deebi’anii keessa ofii sakatta’anii bakka jiran baranii dammaquu qofa akka gaafatu kan irraa baranneedha.

Bakka dammaqnetti ammoo deebiin gaaffii siyaasaa qofti kophaasaatti galma waan hintaaneef injifannoon siyaasaan argame dinagdeedhaan dabaalamuu akka qabus kan nutti mul'iseedha.
Dhaabbanni keenya imala haaromsaatiin dhaabbatee, yeroo gahaa fudhatee, gubbaa hanga gadiitti keessoosaa sakatta’ee of haaromsuuf qabsoo obsa fixachiisaa taasiseen sadarkaa tooricha ittifufsiisuu isa dandeessisurra gahee ammaas aadaan dimokraasummaafi ummatummaa dhaaba keenyaa har’as komiiwwan karaa kamiinuu ummata biraa ka’an dhaggeeffachuu, tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun ummata waliin mul’ata naannoofi biyya keenyaa dhugoomsuuf hojjechuu nu gaafata.

Kanumarraa ka’uun injifannoowwan hanga ammaatti sochii haaromsaatiin argaman kunuunsuufi boqonnaa ittaanutti ceesisuu, walamantaafi waldhaggeeffachuu uumamaa dhufe cimsuu, abdii ummanni hoggansa keenyarratti horachuu calqabe dagaagsuudhaan haroomsa keenya bu’uura cimaarratti ijaaruu akka qabnu cimsinee amanna.
Walumaagalatti, nu hirmaattonni koonfaransii dhaabbatummaa 8fa yeroon irratti argamnu yeroo murteessaafi qabsoo cimaa barbaadu ta’uusaa, fallisaa ammoo xiiqiin fuulduratti tarkaanfachuu qofa akka ta’es mariiwwan keenyarraa hubanneerra.

Injiifannoowwan aragaman kunuunsee ceessisuu kan danda’u miseensaafi hoggansa sadarkaan jiru waan ta’eef rakkoo keessoo keenyaaf ofuma keenya ceephessinee sirreessuuf akkanumas ittigaafatamummaa akka biyyaatti nutti gatame milkeessuuf humna walii taanee, walcimsiinee bahachuu akka qabnu irratti waliigalleerra.



Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001642464
Har'a/TodayHar'a/Today3452
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7153
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week4869
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1642464

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.