Lammiilee Afrikaa walitti fiduun cimina ardittiif Featured

23 Jun 2018

Walitti dhufeenya lammiilee gaanfa Afrikaa cimsuun dhimma yeroo kanaati

Ministirri Muummee mootummaa Rippabilikii Federaalawaa Dimokraatawaa Itoophiyaa (RFDI) Doktar Abiyyi Ahmad Wixata darbe Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti argamuun gaaffiilee haala yeroorratti miseensotarraa dhiyaataniifiif ibsa kennaniiru.

Ibsasaanii kanaanis, ardii waan hundumaan dhageettii qabdu uumuuf, Gamtaan Afrikaa lammiilee ardittii keessa jiraatan maraa gama hawaas-dinagdeetiin walqunnamsiisuuf dhimmamuu qabu malee walirraa akka fagaataniif hojjechuu akka hinqabne eeran.

Mootummaan Itoophiyaas hariiroo biyyoota ollaa biyyattiifi lammiilee Afrikaa Bahaa keessa jiraatan cimsuuf, akkasumas tokko taasisuuf yeroo kamirrayyuu murteessaa waan ta’eef kutannoon kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

Kanuma ilaalchisee xiinxalaa siyaasaafi Ittigaafatamaa Biiroo Dhimma Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa, Doktar Milkeessaa Miidhagaa waan jedhan qabu. Haala kanaan, daangaan biyyoota Afrikaa marti jaarraa 18fa keessa koloneeffattoota Awurooppaatiin waan qoqqoodameef namtolcheedha jechuun yaada Doktar Abiyyi cimsu. Kunis hawaasa duudhaa, aadaafi afaan tokko qabaachuun baroota dheeraaf waliin jiraachaa ture gargar baasuu danda’eera jedhu.

Akkuma Doktar Abiyyi, “Oromoo Booranaa Itoophiyaafi Keeniyaa, Kunaamaa Itoophiyaafi Eertiraa, Affaar Itoophiyaafi Jibuutii, Sumaalee Itoophiyaafi Somaaliyaa, keessa jiraatu ulaagaa kamiinuu adda baasuun ulfaataadha; waan hin yaadamneefi hindanda’amneedhas” jechuun ibsan hawaasa walkeessa jiraachaa jiru akka jireenya guyyuusaa waliin hingaggeeffanneef dhorkuun ykn daangessuun gonkumaa kan hindanda’amne ta’uu dubbatu.

Koloneeffattootni Afrikaa hawaasa baroota hedduuf waliin jiraachaa turan adda qoqqooduun kaayyoosaanii galmaan gahataniiru. Kunimmoo abbaan daangaa biyyoota Afrikaa koloneeffattoota Awurooppaa waan ta’aniif, boombii yeroo eeggatee dhohu ta’eeras jechuun waldhabdee Itoophiyaafi Eertiraa akka fakkeenyaatti kaasu.

Bu’uurri waldhabdee Itoo-Eertiraa dhuguma rakkoo daangaa osoo hintaane warreen qindoominaan halkanii guyyaa faayidaa dhuunfaasaaniitiif socho’anii akka ta’es eeru. Hawaasni daangaarra jiraatu ammallee dhiigaan tokko, afaan tokko dubbata, aadaafi duudhaa tokko qabu, hundaa ol ammoo gaddaafi gammachuu waliin hirmaachuurra darbee waan argatan waliin qooddatanii nyaatanii buluudha. Kunis ummati Itoophiyaafi Eertiraa maatii tokko ta’uusaanii kan mul’isuudha jedhu hayyichi.

Maatiin tokko ammoo waldhabuufi walwaraanuu osoo hintaane hariiroo hawaas-dinagdeetiin walitti dhufuu ykn tokkoomuu qabaa jedhu.

Kana gochuuf ammoo dhimma daangaa leellisuu dhiisanii bu’uuraalee misoomaa ummattoota biyyoota lameenii fayyadu diriirsuun hundarra murteessaa ta’uu eeru. Kallattiifi ejjennoon hoggansa Doktar Abiyyis kanuma kan calaqqisiisu ta’uu ibsu. Kunimmoo hojii gaarii ummataafi hoggantoota biyyoota lameeniin deggaramuu akka qabuudha kan eeran.

Karoora lammiilee Afrikaa keessumaa ummattoota gaanfa Afrikaa keessa jiraatan maraa ‘viizaa’ malee akka walitti dhufan gochuu ilaalchisees, karoora murteessaa ta’uu Doktar Milkeessaan ni dubbatu.

Kana yoo ibsanis, “Ummata waanta maraan tokko ta’e gidduutti garaagarummaa uumuuf ulaagaa waliin jireenyaa qopheessuun, ykn karaa salphaadhaan akka walitti hindhufne gochuun walitti bu’iinsaaf karaa saaquudha” jedhu.

Kanaaf, sabootni, sablammoonniifi ummattootni daangaa biyya tokkoo keessas ta’e ollaa jiraatan akka maatii tokkootti waliin jiraachuu qabu. Waldhabuun, waljifachuun, waldhiibuufi walajjeesuun, akkasumas balaa hamaaf walkennuun qaroomina osoo hintaane doofummaa ta’uun hubatamuu qaba. Jaarraan amma keessa jirrus kanuma fedha waan ta’eef jedhu.

Dimshaashumatti, ‘Viizaadhaan’ lammiileen gaanfa Afrikaa akka waliin jiraatan dhorkuun kanaan dura kan hindanda’amne ture jechuun fakkeenyaan kaasanii yaadasaanii goolabu.

Obbo Ismaa’el Omar Gilee Dirre Dawaatti dhalatanii kan guddatan yoo ta’u, rakkoo tokko malee Jibuutiitti imaluun barumsasaanii xumuran. Har’a garuu pirezidaantii Jibuutii ta’anii biyyattii marsaa lamaaf hogganaa jiru.”

Kunimmoo ummata waan hundaan tokko ta’ee yeroo dheeraaf jiraachaa ture, ammas jiru gidduutti daangaa namtolchee daangessanii dararsuun faayidaa akka hinqabne argisiisa jechuudha. Kanarra hojiilee misoomaa hawaasaafi labata boruu fayyadurratti xiyyeeffachuun murteessaadha; qaroominas.

Takkaalliny Gabayyootiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001642463
Har'a/TodayHar'a/Today3451
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7153
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week4868
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1642463

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.