“Lafa mana jireenya barsiisotaa dhorkachuun qajeelfama cabsuudha” -Waldaa Barsiisota Oromiyaa Featured

07 Jul 2018

Obbo Waaqwayyaa Toleeraa

Akka biyyaattis ta’u Oromiyaatti rakkooleen damee barnootaa keessa jiran hedduudha. Kanneen keessaa mirga barsiisotaa karaa guutuu ta’een deebisuu dhabuun hundaa ol qulqullina barnootaarratti dhiibbaa guddaa geessisaa tureera; yeroo ammaas hojiin baruu barsiisuu yaaddoo keessa akka seenu taasisaa jira. Rakkoon kun ammoo wayita ammaa Oromiyaa keessatti daran akka hammaatu ta’eera.

Kenniisi manaafi lafa jireenya barsiisotaa sadarkaa maaliirra akka jiruufi rakkoolee mudachaa jiran ilaalchisee Pirezidaantii Waldaa Barsiisota Oromiyaa Obbo Waaqwayyaa Toleeraa waliin tibbana turtii kan taasisne yoo ta’u, akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Bariisaa: Mee maqaa keessaniifi gahee hojii keessanii nuuf ibsaa.

Obbo Waaqwayyaa: Maqaan koo Waaqwayyaa Toleeraa yoo ta’u, gaheen hojii koo Ittigaafatamaa Waldaa Barsiisota Oromiyaati.

Bariisaa: Gaaffiin lafa mana jireenya barsiisotaa erga ka’uu jalqabee oolee buleera. Hanga ammaatti hangamtu deebii aragate? Kan deebii hinaraganne hoo?

Obbo Waaqwayyaa: Dursa, wanti hubatamuu qabu yoo jiraate, ‘manni jireenya barsiisotaa waajjirasaanii isa lammaffaadha’. Kunis, barsiisaan ni karoorsa, isa karoorse ammoo mana barumsaa fiduun hojiirra oolcha, kan hojiirra oolche ammas gara mana jireenyaasaatti fudhatee sirrii ta’uufi dhiisuusaa mirkaneessa. Deebi’ee ammoo karoora baasuun hojiisaa eegala. Kunimmoo hojiin barsiisaa waggaa guutuu kan dhaabatu akka hintaane mul’isa.

Mootmmaanis ifaajii barsiisotaa kana hubachuun dambii sirna kenniisa manaafi lafa jireenya barsiisotaa 1083/2008 baaseera. Kanuma hojiirra oolchuuf ammoo qajeelfama raawwii 5/2009 qopheessuun barsiisotni mirga lafa mana jireenyaa akka argatan godheera.

Bariisaa: Qajeelfamni kun hojiirra erga oolee akka Oromiyaatti barsiisota hangamiitu lafa mana jireenyaa argate? Fedhiin jiru hoo?

Obbo Waaqwayyaa: Dhuguma dubbachuuf akka Oromiyaatti qajeelfama kana hojiirra oolchuuf tattaaffiin taasifamaa tureera. Hanga ammaatti barsiisotni 27fi 607 lafa mana jireenyaa argataniiru. Fedhiin jiru garuu kuma 126. Fedhii ykn karooraafi raawwii walbira qabnee yoo ilaalle baay’ee walirraa fagoodha. Kunimmoo barsiisotni lafa mana jireenyaa argachuu qaban ammallee osoo hinargatiin jiru jechuudha. Garuu jalqabiin jiru gaarii yoo ta’eyyuu raawwiinsaa duubatti harkifataadha.

Bariisaa: Qajeelfamni mana jireenya barsiisotaa bahuun erga hojiirra oolee guutummaatti ta’uu baateyyuu hanga kennamuu malu hinkennamiin jira. Kunimmoo gaaffii yeroo dheeraa barsiisotaa ta’uun yeroo addaddaatti gaafatamaa tureera. Hojiin baruu barsiisuus hanga addaan citutti gaheera. Waldaan keessan rakkoo kana akkamiin ilaala? Furmaatni hoo maali?

Obbo Waaqwayyaa: Nuyi, gama keenyaan rakkoo kana akka rakkoo damee barnootaatti fudhanna. Kana furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin jechuun Biiroo Barnoota Oromiyaa, Biiroo Misooma Magaalotaafi Manneenii, akkasumas caasaa godinaalee waliin marii’achaa turreerra; ammas waliin dubbachaa jirra.

Bariisaa: Erga waltajjii mariitiin waliigalteerra geessanii sababa maaliif duubatti harkifachuu danda’eree?

Obbo Waaqwayyaa: Gaaffii kana nutis akka gaaffiitti fudhachuun qaamolee dhimmi ilaallatu waliin adda baasuuf yaalleerra. Rakkooleen jiran gama lamaan ilaalamu. Tokkoffaa, bulchiinsi magaalotaas ta’e aanaaleen haalota mijataa osoo qabanii garuu barsiisotaaf lafa mana jireenya hinkenniin jiraachuusaaniiti. Kunis, hoggansi jiru xiyyeeffannoo kennuu dhabuun ykn birokiraasii baay’isuutiin ykn ammoo ilaalchaafi ejjennoo dulloomaa qabachuun duubatti akka harkifatu godhaniiru. Lammaffaa ammoo lafa mana jireenya barsiisotaa kennuuf fedhii osoo qabanii, garuu qonnaan bulaaf beenyaa gahaa kaffaluuf kanneen rakkataniidha. Kunimmoo aanaalee baadiyyaa Oromiyaatti kan mul’atu yoo ta’u, beenyaa kaffaluuf humnasaanii ol ta’uu argisiisa.

Bariisaa: Rakkoon bajataa jiraachuusaa barsiisotaaf hubannoo uumtan jiraa?

Obbo Waaqwayyaa: Eeyyee, iddoowwan addaddaatti si’a hedduu barsiisota waliin fuulaafi fuulatti marii’achaa turreerra. Kanaan durallee godinaalee Oromiyaa fagoorraa walqindeessuun gara waajjira keenyaatti dhiyaachuun iyyachaa turaniiru. Nuyis keessummeessaa turre. Hanga barbaadame ta’uu baatus qabsoo taasifameen barsiisotni muraasni lafa jireenyaa argachuu danda’aniiru. Obsaan eeggachuu akka qabanis hubannoo uumneerra.

Bariisaa: Rakkoo kana hundeerraa furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii’attaniittu. Kallattiin isin keessan maal fa’i?

Obbo Waaqwayyaa: Dhimmi lafa jireenya barsiisota haala qajeelfamaatiin raawwachuu akka qabu waliigalteerra gahamee ture. Bulchiinsi magaalotaafi aanoleen haala mijataa qaban ariitiin lafa mana jireenya barsiisota hanga Adoolessa 30 bara 2010tti kennuu akka qaban kallattiin taa’eera. Hanga yeroo jedhame kanaatti magaalotniifi aanoleen hinkenniin hafan garuu tarkaanfiin bulchiinsaa kan fudhatamu ta’uusaa kallattiin kaa’ameera. Kanneen beenyaa kaffaluu hindandeenye ammoo koreen tokko hundaa’uun furmaata barbaadaa jira. Akkuma xumuraniin kaabinee naannichaaf kan dhiyeessan ta’a.

Bariisaa: Sababa lafa mana jireenya barsiisotaan hojiin baruu barsiisuu addaan cituu qaba turee? Eenyutu itti gaafatama?

Obbo Waaqwayyaa: Dhuguma dubbachuuf yoo ta’e, hojii baruu barsiisuu dhaabuun sirrii hinturre. Barnoota kan barachaa jiru barattootadha; isaan ammoo daa’imman boru biyyattii gaggeessanidha. Sababa kanaan daa’imman barnootasaanii dhabuu hinqabani. Barnoota addaan kutuun fudhatama akka hinqabnes barsiisota waliin irratti waliigalleerra. Gochi akkasii lammaffaa deebi’uu hinqabu. Gaaffiin lafa jireenya barsiisotaa gaaffii mirgaa waan ta’eef, seeraan deebii argata. Qaamoleen hojiitti hiikuu dhiisanis seeraan kan gaafataman ta’a; tarkaanfii bulchiinsaas kan fudhatamu ta’uusaa mootummaan ibsaa tureera. Qaamoleen kunneenis qajeelfama cabsuu akka ta’e hubannoo qabu.

Bariisaa: Magaalotaafi aanaalee qajeelfama kenniisa manaafi lafa jireenya barsiisotaa hojiirra hinoolchine akka fakkeenyaatti eeruu dandeessuu?

Obbo Waaqwayaa: Eeyyee! Hanga ammaatti magaalotnis ta’e aanaaleen qajeelfama kana duubatti akka harkifatu gochaa jiran hedduudha. Fakkeenyaaf, Bulchiinsa Magaalaa Galaan, Duukam, Sabbataa, Godina Shawaa Kaabaa keessaa ammoo Alaltuufi kanneen biroo maqaa dhahuun ni danda’ama. Raawwiin Bulchiinsa Magaalota Adaamaa, Burraayyuu, Gabra Gurraachaa(Kuyyuu)fi Sandaafaa garuu jajjabeessaadha.

Bariisaa: Aanoleefi magaalota addaddaatti barsiisotni waldaatiin gurmaa’uuf fedhiin akka hinjirree dubbatamaa jira. Ka’umsi kanaa maali?

Obbo Waaqwayyaa: Barsiisotni gurmaa’uuf fedhii akka hinqabne ni beekna, garuu hinjajjabeessinu. Barsiisotni gurmaa’uu kan jibbaniif yaaddoorraa kan ka’eedha. Kunis, gurmaa’uutiin yoo lafa mana jireenyaa fudhatan akkawaan kaartaafi pilaanii yeroo gabaabaa keessatti fudhachuu hindandeenyeetti waan ilaalamuufidha. Kun garuu sirrii miti. Gurmaa’anii yoo fudhatan garuu carraa liqiifi bu’uuraalee misoomaa argachuuf salphaadha.

Bariisaa: Qaala'ina gatii lafaarrattis barsiisotni komii kaasaa jiru. Akkamiin ilaaltu?

Obbo Waaqwayyaa: Akka qajeelfama 5/2009tti barsiisotaaf lafti mana jireenyaa yoo kennamu istaandaardii magaalotaarratti hundaa’uunidha. Kunis, magaalota liiziin bulan keessatti ka’umsa gatii liiziifi bal’ina lafichaa waliin baay’isuun kaffalchiisuu akka qaban eerameera. Magaalota kiraayiitiin bulanirratti garuu gatii kiraayii lafaafi bal’ina lafichaa, akkasumas istaandaardii mana laficharratti ijaaramuu kaffalchiisuu akka qaban ifatti taa’eera. Kana jechuun ammoo gatiin kiraayii lafaa %10 yoo ta’u, gatiin istaandaardii manaa ammoo %10 walumatti %20 kaffaluu akka qaban kaa’ameera. Qajeelfama kanaa ala ol qabanii kaffalchiisuun bu’uura seeraa waan hinqabneef yakkadha; ni gaafachiisas.

Bariisaa: Bulchiinsa magaalotaafi aanaaleerraa maaltu eegama?

Obbo Waaqwayyaa: Lafa mana jireenya barsiisotaa haala qajeelfamaatiin kennuu dhiisuun qajeelfama mootummaa cabsuudha. Rakkooleen tokko tokko waan jiraniif adeemsa keessa furaa deemuun murteessaadha. Haalotni mijataa yoo hinjiraanne ammoo barsiisotaaf hubannoo kennanii tasgabbeessuun bu’aa qabeessadha. Hundarra ammoo mirga barsiisotaa eeguun qulqullina barnootaaf xiyyeeffannoo kennuu waan ta’eef, hatattamaan furuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Barsiisotni hoo maal gochuu qabu?

Obbo Waaqwayyaa: Sadarkaa kamittuu lafa mana jireenyaa argachuun salphaa miti. Adeemsi hoggansa sadarkaa gadiirra jirus rakkoo waan qabuuf, kana hubatanii qulqillina barnootaaf dhimmamuu qabu. Karaa nagaafi tasgabbii qabuun dirqamasaanii akkaa bahatan mirgasaanii kabachiifachuu danda’u. Waldaan Barsiisota Oromiyaas mirga barsiisotaa eegsisuuf yeroo kamuu tattaaffii walirraa hincitne kan taasisu ta’uusaa mirkaneessuun barbaada. Bara barnota dhufuufis dursanii yaada haaraatiin of qopheessuu qabu.

Bariisaa: Ibsa nuuf kennitaniif isin galateeffanna!

Obbo Waaqwayyaa: Isinis galatoomaa!

Takkaalliny Gabayyootiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001642508
Har'a/TodayHar'a/Today3496
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7153
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week4913
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1642508

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.