Martinuu qulqullina omishaa eeguu keessatti shoorasaa ba'uu qaba Featured

03 Feb 2017

Itoophiyaan hojiilee gurguddoo fuulduratti ishee eeggatan injifannoon ba'uuf gama maraan of qopheessuurratti argamti. Hojiiwwan bara Karoora Guddinaafi Tiraanisformeeshinii Jalqabaa keessatti utuu hinraawwatamiin hafan, karoora isa lammaffaa keessatti raawwachuuf sochii cimaa gochuurratti argamti.

Haaluma kanaan Karoora Guddinaaf Tiraanisformeeshiinii lammataa keessatti ga'ee guddina manufaakchariingii raawwiin isaa gadi aanaa ture gara dhibbeentaa 20tti ol guddisuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Dameen kun ammoo guddina dinagdee biyyattii keessatti ga'ee guddaa kan qabu misooma qonnaa fooyyessuudhaaf shoora guddaa kan taphatuudha. Misoomni qonnaa manufaakchariingiidhaan yoo hindeggaramne fooyya'uu hindanda'u.

Kunis omishaaleen qonnaa industiriidhaaf akka dhihaatan gochuudhaan misoomni qonnaa teknolojii ammayyaafi fooyya'oo akkasumas galtee industiriitti fayyadamuudhaan callaan waliigalaa akka guddatu taasisuudhaani. Kanaafuu ajandaan karoora guddinaafi tiraanisfoormeeshinii lammaffaa manfaakcharingiin akkamitti industirii haa qajeelchuudha.

Manufaakcharingiin dinagdee biyyaa keessatti ga'een inni qabu dhibbantaadhaan shan akka ta'eefi walumaagalatti industiriin jechuunis albuudini, konistiraakshiniiniifi manufaakchariingiin ga'een isaanii dhibbantaa 15 akka ta'e ogeessonni damee kanaa ni ibsu. Haa ta'uutii muuxannoon biyyoota guddinarratti argamanii yeroo ilaalamu guddinni kan argamu damee manufaakchariingii guddisuudhaani. Kanaafuu ga'ee damee kanaa dinagdee biyyattii keessatti dhibbantaa 20n ga'uudhaaf hojjetamaa jira.

Kanaa wajjin walqabatee ga'ee alergii biyyattii guddisuun guddina dinagdeetiif shoora mataasaa akka qabu hubachuun barbaachisaadha. Kanaaf ammoo omishaalee qonnaa duudhaa itti eda'uudhaan gabaa biyya alaatiif dhiheessuun tooftaa isa tokkoodha. Kanaaf ammoo manufaakchariingiin daandii isa guddaadha.

Biyyi keenyas kanuma bu'uurefachuudhaan paarkiiwwan industirii manufaakchariingii irratti xiyyeeffatan babal'isuurratti argamti. Haaluma kanaan paarkiiwwan industirii shanan hojiin isaanii raawwatee kaan ammoo gaggeeffamuurratti argaman kanneen akka paarkii Hawaasaa, Boolee-Bulbulaa, Maqalee, Kombolchaafi Jimmaa malee paarkiiwwan Agroo Indusirii haarawaan naannoowwan Mootummaa Amaaraa, Oromiyaa, Tigiraayiifi Ummattoota Kibbaatti ijaaramuurratti argamu.

Paarkiiwwan kunneenis omishaalee qonnaa akka galteetti fayyadamuun omisha sadarkaasaa eeggate haalaan qopheessanii gabaa addunyaatiif dhiheessuuf kan gargaaran akka ta'e hubatama. Paarkiiwwan kun omisha misooma qonnaatti duudhaa dabaluun gabaa addunyaaf dhiheessanii sharafaa alaa gabbisuun gamatti waggootii kurnan dhufan keessatti lammiiwwan biyyattii kuma 419fi kallattiidhaan kuma 210f ammoo alkallattiidhaan carraa hojii kan uumuudha.

Faayidaaleen armaan olii kunniin akkuma jiranitti ta'anii wanni xiyyeefannaa argachuu qabu qulqullina omishaalee misooma qonnaa keenya haalaan fooyyessaa deemuun dhimma xiyyeeffannaa guddaa barbaaduudha.Yeroon amma keessa jirru kun yeroo dorgommiin guddaan itti gaggeeffamuufi biyyoonni sadarkaa qulqullina omisha addunyaa guutan gabaa keessa turuu itti danda'aniifi kanneen qulqullina hinqabne ammoo itti harca'aa deemaniidha.

Kanaafuu harcaatiirraa hafnee gabaa addunyaa keessatti dorgomaa cimaa ta'uudhaan bu'aa argamuu qabu biyyi keenya argattee lammiin biyyattiis sadarkaa sadarkaadhaan bu'aa kanarraa fayyadamoo akka ta'an gochuuf omisha misooma qonnaa jalqabarraa hanga xumuraatti jechuunis oyiruurraa hanga warshaatti jiran irratti ofeeggannoon hojjetamuu akka qabu taasisuun barbaachisaa ta'a. Kanaaf ammoo mootumaarraas ta'e lammii biyyattii hundarraa ga'ee guddaatu eegama. Waan kana ta'eefis martuu ga'ee qulqullina omishaa biyyaa eeguu keessaatti shoora isarraa eegamu ba'uu qaba.

 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000478547
Har'a/TodayHar'a/Today755
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday2180
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week11313
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month24648
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days478547

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.