Milkaa'ina hidhichaaf tokkummaan haa hiriirru Featured

24 Feb 2017

Dhimmoota tokkummaafi waliigaltee biyyaleesaa uuman hedduu keessaa Hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa isa tokko. Ijaarsi Hidha Haaromsaa kun rakkoo hir'ina humna ibsaa biyya keessatti mul'atu furuun gamatti fayyidaan inni gama dinagdee biyyatti cimsuuf qabu olaanaadha. Kanuma hubachuudhaan lammileen biyya keenyaa biyya keessaafi ala jiraatan marti guyyaa ijaarsisaa eegaalee kaasee miira tokkummaatiin maallaqa, beekumsaafi humna qaban maraan hirmaataa kan jiran.

Hojiin ijarsa hidhichaa halkanii guyyaa addaan akka citne ummanniifi abbootiin qabeenyaa nuffii tokko malee boondii bituunfi kennaa addaa gumaachuun deggaraa jira.

Waajjirri Waltaasisaa Hirmaannaa Ummataa Biyyaalessaa Hidha Itoophiyaa Guddichaa tibanna akka ibsetti, waggoota ja'an darban keessa qarshiin biliyoona 9.2 ol walitti qabamuun ijaarsasaaf ooleera. Waajjirichi bara bajataa kanas qophilee ummata hirmaachisan addaddaa qopheessuun qarshii biliyoona 1.8 walitti qabuuf karoorfatee walakkaa bajataa kanatti qarshiin miliyoona 400 ol walitti qabameera. Qarshii hafes walitti qabuuf hojilee dadammaqsa ummataa gochaa akka jiru beeksiiseera.

Akkuma abbaan amanti tokko “Ijaarsa hidhichaa galmaaan ga'uuf nama du'ee awwaala keessa jiruun ala lammin martuu waan danda'u maraan gargaaruu qaba” jechuun dubbatanitti, hojii ijaarsa hidhichaa fiixaan baasuuf hundumtuu mootummaa maddii dhaabbachuu qaba.

Milkaa'ina ijaarsa hidhichaaf tokkummaafi walta'insi lammilee maraa kan barbaachiseefis waan lamaaf. Inni tokkoffaa, karoora biyyittiin qabattee hojiirratti argamtu cimsuufi saffisiisuuf yoo ta'u, inni lammaffaan ammoo guddinaafi misooma biyyattiif lammiin quuqamu marti fedhiifi hawwii isaa dhugoomachuuf tokkumaan dhaabatee ga'ee isarraa eeggamu baachuudhaan miira jaalalaa biyyasaaf qabu kan itti ba'atuudha. Kun ammoo waligaltee biyaaleessaa uumuudhaan misooma saffisiisee diina kan qaanessudha.

Si'oomina hojii ijaarsa Hidha Haromsaa Guddichaaf wanni lammiin taasisaa jiru baayyee kan nama jajjabeessuufi kan eegamuudha. Hidhi Haaromsa Guddichaa, tokkummaa biyyaaleessaa yeroo ammaa uumee jiru caalaatti cimsuun gamatti biyya keenyaaf faayidaan inni kennu hedduudha. Galiin humna ibsaa inni maddisiisu irraa argamu guddina dinagdee cimsuuun maddiitti, faayidaan inni gama muuxannoo gabbisuufi hamlee dandeettii ummataa cimsuufi boonsuutiin kennu waan maallaqaan shallagamu miti.

Gama muuxannootiin, adeemsi ijaarsa hidhaa kanaa harki caalaan kan gaggeeffamaa jiru humna biyya keessaatiin waan ta'eef daddabrsi teknolojii argamu faayidaa guddaa qabaata. Kunis,meeshaalee dheedhii biyya alaatiii bituun akkuma jirutti ta'ee jechuudha.

Lammiileen biyya keenyaa kanneen hojii ijaarsa hidhichaarratti hirmaatan ammoo teknolojii kana madaqsuufi muxannoo argatanitti fayyadamuun hidhaalee humna ibsaa biroo maddisiisuu danda'u ofii keenyaa of dandeenyee hojjechuuf gargaara. Kun ammoo qabeenya humna ibsaa bishaan irraa maddu guutumaatti humna biyya keessaatiin hojjechuu dandeessisu horachuuf nu gargaara.

Akkuma beekamu biyyi keenya qabeenya bishaaniirraa meegawaatii kuma 45 oomishuuf humna yoo qabaatte iyyuu, amma yoonaatti hojiirra kan oolchite meegaawaatii kuma afur kan caalu miti. Waan kana ta'eef muuxannoon hojii Hidha Haaromsa Guddicha kanarraa argamu qabeenya uumamni nu badhaafte utuu harki alagaa kamiiyyuu hinxuqiin hojiirra oolfachuuf kan nu gargaaruudha.

Gama hamlee biyyaa gabbisuutiinis faayidaan qabu salphaa miti. Biyyi keenya lageelee gurguddoo akka Abayyaa kanneen yeroo gabaabaa keessatti deega keessaa nu baasan hedduu utuu qabduu baroota dheeraadhaaf hiyyummaa keessa turte.

Muxannoon hojii ijaarsa Hidhaa Haaromsa Guddicharraa arganne 'Kanaan booda hojechuu hindandeessan, hojjechuufis humna hinqabdan' jedhamnee hiyyumaa keessa akka hinturre karra ifaa nuuf saaqeera. Kanaan booda lageelee gurguddoo qabnu humna ummataafi ogeessota keenyaatiin hojjennee faayidaarra oolchuun ummata addunyaa biratti boquu olqabannee kan mul'annu nu taasisa. Kanaafuu, bu'aan maallaqaan hinshaallagamne hidha kanaarraa akka argamu shakkin hinjiraatu.

Waan ta'eef, lammiin marti akkuma kaleessa hojii ijaarsa Hidhaa Haaromsa Guddichaa kana xumuruuf humnaafi hamlee guutuufi bifa qindaa'eef wal ta'een tokkummaa keenyaafi saffisa misooma keenyaa akkasumas utubaa dinagdee keenyaafi gabbisaa beekumsa keenyaa ta'e dhugoomsuuf caalaatti of haa qopheessinu.

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000412359
Har'a/TodayHar'a/Today524
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday2175
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week7340
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month26708
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days412359

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.