Yaaddoofi gaddi gara abdiitti akka jijjiiramuuf haa hojjennu

22 Sep 2017

Jireenya dhala namaa keessatti gaddiifi gammachuun, yaaddoofi yaaddoo keessaa ba'uun, boo'uufi kolfuun walumaagalatti faallaan waa lamaa kan mudatudha. Muuxannoorraa akka hubatamuttis martuu dabaree itti uumamuufi itti jijjiiramu qaba.

Wanti tokko gaddas ta'e gammachuu, argachuus ta'e dhabuun maaliif uumama? Jedhanii aaruun qofti furmaata hinta'u, furmaannisaa akkamitti gadda uumame gara gammachuutti, abdii kutachuu mul'atu gara abdii horachuutti jijjiiruun seenaa taasisuun danda'ama jedhanii yaaduufi dhama'uu ta'a.

Dhalli namaa dogoggoraa sirrataa, kufaa ka'aa, bakka kaayyefate ga'a. Dogoggorri garuu gadheefi baayyee gadhee qaba. Dogoggorri baayyee gadheen, dogoggora tokkummaa balleessu, dogoggora gurmuu tokkoon ka'uu qabbaneessuudha. Keessumaa dogoggorri akkanaa yeroo ammaa biyya keenya keessatti uumamuu hinbarbaachisu.

Haata'uutii dhiheenya kana hawaasni obbolummaan waggaa dheeraa waliin ture hawasni Oromoofi Somaalee Itoophiyaa aanaalee daangaa wal ittiin dangeessan irratti walitti bu'iinsa uumaniin namoonni naannoo lachuu hedduun badiisa lubbuu, manca'ina qabeenyaafi qe'eerraa buqqa'uuf akka saaxilaman miidiyaaleen ibsuurratti argamu.

Gochaan kun lammii biyyaa mara kan gaddisiiseedha. Gaddi lammii biyya keenyaa mara muudates akkam obbolaan lameen daangaa dheeraa waggaa dheeraadhaaf waliin daangefamee jiraate har'a waldhaba? Waldhabbiin kun ammoo sirna federaalaa lubbuun ilmaan naannoo lacheenii itti aarsaa ba'ee argame kan xureessuudha kan jedhuudha.

Dhugaadha waggoottan 25n darbaniif nagaadhaan jiraachuu keenyaan, naannoleen marti gurmuu tokkoon misoomatti bobba'uudhaan guddinni walitti fufiinsa qabuufi fuuldurattis abdii guddaa nutti mul'isaa jiru argamuu danda'eera. Kanarraa ka'amee walitti bu'iinsi abdii biyya keenyaa gurraacheessuu danda'u akkasii akkamitti uumamuu danda'a jedhanii aaruufi gadduun, lubbuu lammii sababa wal dhabbii kanaatiin badeefis gadduun ni jiraata; Barbaachisaadhas.

Haa ta'u malee gaddanii dhiisuun, aaranii taa'uun fala ta'uu hindanda'u. Falli guddaan mootummaa Federaalaa humna dabalaataa mootummaa naannoo lameenii ta'ee hojjechuurratti argamu cinaa dhaabachuuf deggersa barbaachisu mara taasisuufiidhaan diinni nageenya biyya keenyaa akka gaddu taasisuudha. Kunimmoo kan ta'u kanneen buqqa'an gargaaranii gara qe'eesaaniitti akka deebi'an taasisuudhaan, kanneen balaa kanaan daldalanii bu'aa argachuuf yaadan saaxilanii seeratti dhiheessuudhaani.

Keessumaayyuu hawaasa Oromoofi Somaalee Itoophiyaa dawoo godhachuudhaan jeequmsa kana caalaatti finiinsuufi miidiyaa hawasaatiin afarsuun kaayyoo dhokataasaanii isa sirna federaalaa xureessuu ta'e ba'achuu warreen barbaadan suuqasaan keessa da'atanii argaman mara keessaa walitti funaanuudhaan saaxiluufi seeraaf dhiheessuun barbaachisaa ta'a.

Seenaa darbe yoo ilaalle hawaasni Naannoo Oromiyaafi Somaalee Itoophiyaa daangaa walitti dhufan keessatti sababa kaloofi bishaan looniitiif jecha walitti bu'iinsa yaraa ni taasisu. Walitti bu'iinsi kunis jaarsolii biyyaafi abbootii amantii naannoolee lameeniitti argamaniin araaraafi kiisiidhaan raawwata ture. Inni ammaa kun garuu adda. Sababiin isaa inni sirriinis fuulduratti qulqullaa'ee kan ummataaf ibsamu ta'a.

Kana ilaalchiisuudhan Ministirri Muummee Mootummaa RDFI, Obbo Haayilamaariyaam Dassaalany ibsa tibbana dhimma kana ilaalchisuudhaan miidiyaalee biyya keessaatiif kennaniin akka jedhaniitti, qaamonni waldhabdee kanaaf ka’umsa ta'aniifi gochaa gaddisiisaa kana keessatti qooda fudhatan jechuunis hidhattootas ta’e, namoota dhuunfaa akkasumas miidiyaaleen odeeffannoo sobaa tamsaasan secaa'amanii seeratti akka dhiyaatan ni ta’u.

Nageenyi lammiilee dur ture akka deebi'uuf qaamni mootummaas ta’e, jaarsoliin biyyaa xiyyeeffannoo itti laatanii hojjechuu akka qaban dhaamanii, namoota qe’eerraa buqqa’an deebisanii dhaabuudhaafis sosochiin taasifamuu qaba jedhaniiru.

Kanaafuu gaddaafi yaaddoo walitti bu'iinsa lammii keenyaa Naannoo Oromiyaafi Somaalee Itoophiyaa gara abdii qabeessummaatti geeddaruuf lammiin biyyattii martuu kallattii mimistira muummichaatiin kaa'ame kana hordofuudhaan dhugummaasaa mirkaneessuun fuulli hawaasaa gara waldhabdeerraa gara misoomatti akka deebi'u gochuu qaba.

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000619811
Har'a/TodayHar'a/Today3383
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday2978
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week25327
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month66542
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days619811

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.