Daa'imni waggaa 12 guyyaatti al kuma 12 haxxiffatte Featured

13 Oct 2015

Saamraawiit Giramaatiin

Daa'ima waggaa 12 kan taate Kaatiliin Toorniliy Ameerikaa, Teeksaas keessa jiraatti. Daa'imni tunis ji'a darbe irraa kaastee daqiiqaatti al 20,  guyyaatti al kuma 12 ixxiffachuudhaan doktaroonni akka dinqisiifatan taasisuu ishee gabaasni weebsaayitii UPI  irraa argame ibseera. “Dhukkubbiin garaa utuu addaan hincitiin natti dhaga'ama; miila koos baay'ee na dhukkubaa; fedhii nyaataa koos dadhabaa yoo ta'u, miirri dadhabbiis natti dhaga'ama” jechuun gaafdeebii televizyinii biyyichaa waliin taasisteen kan  ibsite. Maatiin daa'ima tanaas mucaan isaanii doktaroota ja'aan akka yaalamtu taasisaniis sababa alarjikii ykn baakteeriyaatiin ixxiffachuu eegaluushee dubbatu. Miirri daa'imattii waan xiqqoodhaan miidhamaa jira jedhu. Wantoonni isaan dubbatan hundi kan ishee aarsuu ta'uu ibsanii, amma maal gochuu akka qabanillee wallaaluu isaanii dubbatu. Hamma dhibeen ishee beekamutti abdii kutannaan   akka  jiran  ibsu. Kaatiliinis yeroo tokko tokko rafuu barbaaddee  irribni dafee akka ishee hinqabneefi abjuu isheettilee irra deeddeebiin yommuu ixxiiffattu akka ragitu himti.  

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000341574
Har'a/TodayHar'a/Today405
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1204
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week858
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month23519
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days341574

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.