Misoomni saayinsii hawaa biyyattii akka abjuutti ilaalamaa ture eessa gahe? Featured

18 Feb 2017

Wiirtuu qorannoo misooma saayinsii hawwaa Inxooxxootti saatalaayitii haala qilleensaa to'atu

Biyya kamuu keessatti guddina, misoomaafi badhaadhina gonfachuun kan danda'amu lammiileen bu'aa saayinsiifi teknolojiitti fayyadamuun dandeettii ofmisoomsuufi ammayyeessuu yoo horataniidha. Ka'umsuma kanaan Waldaan Misooma Saayinsii Hawaa Itoophiyaa mul'ata, “Hawaasa saayinsiin badhaadhe” jedhu qabatee yeroo gabaabaa keessatti hojiilee danuu hojjechaa akka tureefi ammas hojjechaa jiraachuusaa ragaaleen waldicharraa argaman ibsaniiru.

Kunimmoo dhaabbileen mootummaafi kanneen biroo misooma teknolojii walittifufiinsa qabu fiduuf waldaa kana waliin hojii eegaluunsaanii waltajjii biyyoolessaarratti biyyattiin damichaan beekamummaa akka argattu ishee taasisuu danda'uusaa hubatameera.

Hogganaan waldichaa Obbo Abinnat Izraa Kibxata darbe sochii waldichi taasisaa jiru ilaalchisee kutaa qophii Gaazexaa Bariisaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, waldaa misooma saayinsii hawaa biyyattii asiin dura akka dhaabbata misoomaatti hundeessuuf irra deddeebiin gaafatamaa kan ture yoo ta'u, mootummaan deebii itti kennuun akka qaama KGT 2fatti karoorfamu taasiseera. Kunimmoo hiyyummaa guutummaa biyyattii keessaa dhabamsiisuun kan danda'amu damee kanaan ala akka ta'uu hindandeenye kan hubachiisuudha jedhu, Obbo Abinnati. Kanaan ammoo rakkoolee hawaas-dinagdee qo'annoofi qorannoo waldichaan adeemsifamuun gama danda'ameen furamaa kan jiru ta'uusaa mul'isa jechuudha.

Haa ta'u malee Itoophiyaatti Waldaan Misooma Saayinsii Hawaa bara 1996tti wayita hundeeffamu hubannoon waan hinturreef qaamolee hedduun shakkuurraa kan ka'e hojii abjuu jechuun qeeqaa turuusaanii Obbo Abinnat yaadatanii, suuta suuta garuu jijjiirama dhufeen Wiirtuun Qorannoo Hawaa Inxooxxoo hundeeffamuun hojii eegale jedhu. Yeroo ammaa kanas wiirtuu kanatti damee qo'annoofi qorannootiin barattoota biyya keessaa digrii 2fafi 3fan barsiisuurra darbee barattoota biyyoota Afrikaa hedduurraa dhufan fudhachuurratti argama jechuun dubbatu.

Yeroo gabaabaa keessattis gama teknolojii hawaatiin ulaagaa waldaa astiroonoomii biyyoolessaa mara guutuun miseensa ta'uunshee biyyoota Afrikaa Bahaaf teessoo Misooma Saayinsii Hawaa akka taatu gochuurra darbee beekamtiifi deggarsa hawaasa idil-addunyaa akka argattu godheera jechuun ibsu. Lammiileen waldaa kana keessatti hirmaannaa taasisuun miseensa ta'uu fedhan yeroodhaa yerootti dabalaa deemuun caalaatti damee kun mootummaatiin xiyyeeffannootiin akka gurmaa'u mul'isee jira jedhu, Obbo Abinnati.

Aadde Beezaa Tasfaayee ammoo waldichatti Ogeettii Olaanaa Misooma Saayinsii Hawaati. Akka isaan ibsanitti, misooma saayinsii hawaa keessatti teknolojiin saatalaayitii hawaasa addunyaa mandara tokko taasisuun misooma itti fufiinsa qabu fiduuf shoora olaanaa qaba. Haala kanaan guutummaa Itoophiyaatti saatalaayitiin walquunnamsiistuu naannawaa networkiifi telekominikeeshiniin hingeenyetti odeeffannoo amansiisaafi qabatamaa ta'e dhiyeessee karaa mobaayilii, Tvfi Raadiyootiin dabarsuutiin gaheesaanii bahachaa kan jiran ta'uu Aadde Beezaan ibsu.

Kana malees, yeroo dhiyootii kaasee jijiirama haala qilleensaa hubachuun ummataafi mootummaa beeksisuu, hojii daldala elektirooniksiifi daangaa qilleensa biyyattii to'achuu, akkasumas balaarraa baraaruutiin deggarsa guddaa taasisaa jira jedhu.

Gama biraan ammoo tajaajiloota kanneen akka sirna aveeshinii saffisiisuu, kaartaawwan addaddaa qopheessuu, irra lafaafi keessa qabeenya bishaanii safaruutiin misoomni qonnaa, albuudaafi inarjii akkasumas kanneen biroo saffisa barbaadamaniin socho'uun akka bu'aa buusan gochaa tureera; ammas gochuurratti akka argamu ibsu. Kunis, wayita ilaalamu biyyattii keessatti bu'aan misooma saayinsii hawaatiin argamu shakkiirraa kan ka'e akka abjuutti ilaalamaa ture guutummaatti kan jijjiireefi ofirratti hundaa'uu biyyattii qabatamaatti kan mul'iseedha jedhu.

Kana waliinis misooma saayinsii hawaa gama saatalaayitiitiin sochiifi bu'aan argamaa jiru hawataa ta'uusaatiin hariiroon biyyoota Afrikaafi addunyaa waliin qabdu daran akka guddatu godheera. Kunis, misoomni saayinsiifi teknolojii hawaa caalaatti gabbataa akka deemu gochuurra darbee ilaalcha dogoggoraa boodatti hafummaa biyyatti faarsu cabsuu danda'eera; kan ittifufu ta'uusaa ibsa argamerraa hubachuun danda'ameera.

Ta'us, misoomni saayinsii hawaa gama kominikeeshinii saatalaayitiin jiru rakkoolee kanneen akka siistama odeeffannoo lafaafi itti fayyadamasaa karoorsuu, diriirsuufi ammayyeessuutiin, jijjiirama haala qilleensaa beeksisuu, kallattii albuudonni jiran mul'isuufi kanneen birootiin hojiileen hojjetamaa turan quubsaa akka hintaane lameenuu itti amanu. Kunimmoo muuxannoo dheeraa kan gaafatu waan ta'eef ejjennootiin kan itti deemamuudha jedhaniiru.

Kanaan boodas sochiileen misooma saayinsii hawaatiin taasifamaa jiran itti fufuun waggoota shanan dhufan booda biyyattiin deggarsa biyyootaa argames argamuudhaa baates saatalaayitii Kominikeeshinii dhuunfaashee gara hawaatti ergitee abuuruuf karoorsitee jirti. Gaaffiifi shakkiin xiinxaltoota baay'ee garuu kun dhuguma milkaa'uu danda'aa laata? kan jedhuudha.

Xiinxallii Oduu

Takkaalliny Gabayyootiin

 

 

 

 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000273049
Har'a/TodayHar'a/Today414
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1220
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week1634
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month26502
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days273049

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.