“Godaansi kaleessaa godaannisa nutti uumus har’a biyyakeenyatti nama ta’uuf jirra” Featured

18 Feb 2017

- Eebbifamtoota godaansarraa deebi'an

Eebbifamtoota godaansarraa deebi'an

Dhalli namaa jiruuf jireenya mijataa barbaacha carraaqqii taasisu keessatti wayita

milkaa'ina dhabu tarkaanfii adda addaa fudhata. Madaala jireenyaa tasgabbii hinqabne walqixxeessuuf yaalii taasifamu keessattis gara biyya ormaatti godaanuu filannoo godhachuun kan calqqisu yoo ta’u kun ammoo balaa hamaa badiinsa lubbuu qaqqabsiisuu irra darbee madaa xiinsammuu yoomuu hindagatamne sammuu maatii keessatti uumaa jiraachuu ragaaleen garagaraa ni mul’isu.

Dhimma godaansa seeraan alaa kana ilaalchisee hubannoo dhalli namaa qabu ammayyuu gadi bu’aa ta’uufi miidhaa boru qaqqabu xiyyeeffannoo keessa galchuu dhabuu irraa kan ka’e lakkoofsi namoota balaa kanaan lubbuu isaanii dhabaniifi dhiittaan mirgaa namummaafi demokraasii biyya hambaatti qaqqabaa jiru tokko lama miti.

Godaantonni kun gara biyya isaaniitti akka deebi'aniifi biyya isaanii keessatti akka of misoomsaniif mootummaan Itoophiyaa haala mijataa uumaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Efreem Gizaaw Kibxata darbe Hoteela Geetfaamitti dubbataniiru.

Rakkoo dhiittaa mirgaafi du’a hamaa godaansa waliin walqabatee lammiilee Itoophiyaa biyyoota hambaarra gahaa ture furuuf lammiilee gara biyyaatti deebisuun biyya isaanii keessatti akka of fooyyessaniif leenjiin ogummaa marsaa tokkoffaafi lammaffaa kenname keessatti dargaggoonni hedduun carraa hojii mataa ofiifi namoota biroof banuu isaanii ni dubbatu.

Yeroo ammaattis mootummaan Itoophiyaa marsaa sadaffaaf namoota godaansarraa deebi'an 500 simachuun ogummaa konkolaachisummaa, nyaata qopheessuu, kunuunsa daa’immanii, rifeensa sirreessuu, qabannaa manaafi qulqullinaan leenjisaa ture eebbisiisuun ofitti amanamummaa akka horatan taasisee jira.

Namoota godaansarraa deebi'uun carraa kana argatan keessaa Leenjituu Jamiilaa Hasan ishee tokko wayita taatu jireenya fooyyee qabu barbaacha Magaala Ijaajjii irraa godaansaan gara biyya Yaman deemtee turte. Haalli isheetti hammaannaan du’arraa jireenya filachuun gara biyyaatti deebi'uun yeroo ammaatti ogummaa nyaata hojjechuun akka leenjiteefi hojii uummachuuf qophii xumuruu dubbatti.

Karoora hojii uummachuu qabattee jirtu kun akka milkoomuuf mootummaan qarshii liqaa akka argataniif haala mijeessaafii jiraachuu eertee, fuuldurattis ofirra dabartee carraa hojii namoota biroof uumuuf qophiirra jiraachuu himteetti.

Shamarree Tigist Shoonee godaantota kanaan dura leenji'uun hojii uummatan keessaa ishee tokko yoo taatu, Godina Jimmaa Aanaa Limmuutti dhalattee guddatte. Maatiin ishee dureeyyii akka turaniifi waldhabdee haadhaafi abbaa ishee gidduutti uumameen daran aaruu ishiirraa kan ka’e jireenya fooyyee qabu argachuuf jecha gara biyya Arabaa akka deemteefi achi geessee waan ijaan argite akka ishee gaabbisiisedha kan ibsitu.

Turtiishii biyya Arabaa keessatti dabarsiteenis hojii fooyyee qabu barbaacha wayita olii gadi soschootutti qabeenya muraasa achitti horatte akka saamamteefi poolisii baqachaa osoo jirtuu miilli ishiis akka cabeefi obboleettin ishii ishii waliin achi turte miidhaa achitti ishiirra gaheen rakkoo xiinsammuun rakkachaa akka jirtu yoo himtu isaan kaan nurraa barachuu qabu jetti.

Yeroo ammaattis karaa mootummaa gara biyyaatti deebi'uun haala mijataa isheefi hiriyyoota isheef uumameen ogummaa nyaata qopheessuun leenjitee hojii kan uummatteefi namoota kaaniifis carraa hojii akka bantedha shamarreen kun kan dubbattu.

Fuuldurattis dargaggoonni biyyittii haala mijataa mootummaan uumaa jiru hubannoo keessa galchuun biyya ofii keessatti hojjechuun duroomuufi imala haaromsaa Itoophiyaan qabatte milkoomsuuf kutannoon ka’uu akka qaban dhaamti.

Balballoommii Oduu

Waasihuun Takleetiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000314410
Har'a/TodayHar'a/Today1358
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1293
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week2984
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month40746
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days314410

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.