Rakkoowwan gumaacha bu’aalee bosonaa gufachiisan Featured

27 Mar 2017

Bal’ina dachee Itoophiyaa iskuweer kaare meetira miliyoona 1.2 keessaa yeroo ammaa %15 qofatu bosonaan uwwifamee argama. Faayidaa biyyittiin uwwisa xiqqaa kanarraa argataa jirtu keessaa %90n baayoo gaazii, qoraaniifi cilee akka ta’es ragaaleen ni ibsu. Kana malees, omisha qorichaaf, meshaalee ijaarsaaf, sharafa alaaa argamsiisuurrattis shoorri bu’aaleen kunneen taphatan akka salphaatti kan ilaalamu miti.

Ta’us haala omishaa mala aadaarratti hundaa’ee hordofuun biyyattiin omishaalee gabaa addunyaarratti dorgomoo ta’an dhiyeessuun bu’aa fooyya’aa akka hinarganneef hudhaa ta’eera.

Tibbana Giddu Galeessi Qo’annoofi Qorannoo Imaammata RDFI, haala misooma industiriirratti wayita marii taasisetti hudhaalee gumaacha bosonaa ilaalchisee ogeessota tokko tokko haasofsiisuu yaalleera. Damee kanarratti qorannoo kan taasisan Barsiisaan Yunivarsiitii Finfinnee Obbo Addaamuu Issubaaloo akka dubbatanitti, bu’aalee bosonaa kanneen akka omisha mukaa, waraqaa, qoricha aadaa, hapheefi ixaanaafaa guddina dinagdee keessatti shoorrisaanii guddaa ta’us bu’aa biyyittiin irraa argataa jirtu garuu baay’ee gadaanaadha. Kana malees, Itoophiyaan omisha mukaafi waraqaatiif mijattuu taatus warshaaleen mukaafi waraqaa omisha sadarkaasaa eeggate omishan akka biyyaattuu lama qofa waan ta’aaniif bu’aa yaadame bira ga’uuf ammayyuu hojii manaa guddaatu hafa jedhu.

Kana malees, akka qorataan kun jedhanitti, ixaanaafi hapheen bu’aalee biroo caalaa sharafa alaa argamsiisaa jiraatanis, haalli omishasaanii mala aadaan ta’uun alatti hawaasni naannoo waa’ee bu’aalee kanneenii hubannoo waan hinqabneef kunuunsi taasisaniif yaraadha. Bu’aaleen kunneenis uumamaan kan biqilan malee akka mukkeen biroo misoomsuun waan hindanda’amneef salphaatti lafarraa baduu waan danda’aniif kunuunsuun barbaachisaadha. Argamni bu’aalee kunneenii irra caalaatti naannoolee gamoojjii biyyatti bakka bu’uuraaleen misoomaa hinbabal’annetti ta’uunsaa bu’aasaanii qancarsaa waan jiruuf bu’uuraalee misoomaa diriirsuu gaafata. Gama biraatiin gatiinsaanii murtaa’aa waan hintaaneef omishtootaafi mootummaa caalaa daldaltoonni fayyadamaa waan jiraniif gatii bu’aalee kunneen murteessuunis barbaachisaadha.

Haala walfakkaatuun, Barsiisaan Yunivarsiitti Finfinnee Doktar Dhugaasaa Mulugeetaa akka jedhanitti, hojiin mukaa barsiifataan namoota adda addaatiin bakka adda addaatti hojjetamaa jiraachuun bu’a qabeessa waan hintaaneef bifa qindoomina qabuufi ammayyaawaa ta’een oomishuun gabaa addunyaa keessa seenuun bu’aa barbaadame argachuun alatti sona osoo itti hindabaliin omisha dheedhii alatti erguurraa ofqusachuun barbaachisaadha. Mootummaanis namoota seeraan bu’aalee bosonaa dheedhii alatti erganirratti ashuuraa guddisuu qaba, warra karaa seeraan alaa alergiirratti bobba’anirratti tarkaanfii fudhachuun cinatti abbootii qabeenyaa omisha bu’aalee bosonaarratti hirmaachuu barbaadan caalaatti jajjabeessuun filatamaa ta'uu himu.

Dabalataanis, Dr. Dhugaasaan akka jedhanitti, uwwisa bosonaa muraasa ta’e kana qofa abdatanii warshaalee bu’uuressuu osoo hintaane bosona namaan dhaabamaniifi yeroo gabaabaa keessatti omishaaf ooluu danda’anirratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha. Biyyittiin bu’aalee bosonaa kan ta’e qabeenya leemmanaan beekamtuu taatus sababa seeraan alaan biyya alaatti ergamaa jiruuf faayidaan irraa argamu lakkoofsa keessa hingalu. Gama omisha qorichaatiinis yoo ta’e Godina Baaleetti kan argamu bosona Harranaa Bulluq qofti gosa qorichaa 500 ol qabaatus guddina tekinolojii gadaanaarraa kan ka’e bu’aan qoricharraa argamus gadaanaadha.

Obbo Abdulsamad Abdoo ammoo Ministeera Qonnaafi Qabeenya Umamaatti, Ogeessa Midhaaniiti. Akkasaan jedhanitti, qaamoleen federaalaafi naannolee qindoominaan hojjechuun bu’aalee bosanaa kana guddina dinagdeef oolchuu qabu, misoomni gama kanaan taasifamus ummata naannoo abbummaan hirmaachisuu gaafata, fayyadamummaansaaniis mirkanaa’uu qaba.

Akkasumas, bu’uuraaleen misoomaa qixa sirriin diriiruu akka qaban himanii, qorannoon bu’aalee bosonaarratti taasifamus yaadrimee ta’ee kan hafu osoo hintaane hojiitti hiikamee jijjiirama qabatamaa akka fiduuf dhaabbileen barnoota olaanoo damee kanaa of ilaaluutu irraa eegama jedhu.

Kanaafuu, hudhaalee misooma bu’aalee bosonaa kallattii maraan mul’atan kutannoon furraan yeroo gabaabaa keessatti guddina dinagdee caalaatti saffisu galmeessuun salphaadha.

Xiinxallii Oduu

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000525773
Har'a/TodayHar'a/Today284
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1268
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week7732
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month32662
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days525773

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.