Baay'ina ummataafi dandeettii hojiirra oolmaa imaammatawwanii Featured

27 Mar 2017

Dhaloota Kiristoos Dura bara 1491fi 1017 biyyootni kanneen akka Roomaa, Faransaayi, Baabiloon, Misiriifi Chaayinaa baay'ina ummatasaanii beekuuf, lakkaawwii ummataa fayyadamaa akka turan barreefamootni seenaa damee kanaan walqabatan ni mul'isu. Kunis, faayidaa guddaa kan kennu yoo ta'u, ijaarsa loltootasaanii mijeessuuf, gaaffilee ummataa gama hawaasummaan, dinagdeefi siyaasaan jiru deebisuuf, umrii lammiilee sadarkaa sadarkaan qooduun beekuufi baay'ina namoota hojjechuu danda'anii adda baasuun gibira kaffalchiisuuf lakkaawaa akka turan hubatama.

Kanumarraa ka'uun Itoophiyaattis baay'ina ummataa beekuufi imaammatawwan biyyattiin qabdu hojiitti hiikuuf lakkaawwiin ummataafi manaa waggaa kudhan keessatti si'a tokko adeemsifamaa har'a kan gahe yoo ta'u, humna namaa, meeshaaleefi bajatni barbaachisan gama mootummaatiin ramadamuun raawwatamaa akka ture ragaaleen Wiirtuu Istaatistiksii Itoophiyaarraa argaman agarsiisaniiru. Haa ta'u malee, baay'ina ummata biyyattii beekuun imaammatawwan hawaas-dinagdeefi siyaasaa guutummaatti hojiitti hiikuun faayidaa maalii qaba? Dandeettiin imaammatawwan hojiirra oolchuu biyyattii hoo sadarkaa maaliirra jira?

Ejensii Wiirtuu Istaatistiksii Itoophiyaatti, Obbo Birraatuu Yiggazuu Daariktera Waliigalaati. Akka isaan jedhanitti, qabeenyi biyya tokkoo inni guddaan ummata. Waa'een misooma hawaas-dinagdeefi siyaasaa itti yaadamuun karoorfamuu kan danda'u ammoo baay'inni ummataa kan beekamu yoo ta'eedha. Kunimmoo dhimma imaammatawwan biyyattii bocuufi hojiirra oolchuu waan ta'eef, xiyyeeffannaa guddaa kan barbaaduudha jechuun dubbatu.

Gama kanaan, Itoophiyaan yeroodhaa yerootti baay'ina ummatashee beekuuf ALI bara 1976, 1987fi 1999tti marsaa sadiif lakkaawwii ummataafi manaa taasisuushee yaadatanii, marsaa 4fan immoo bara dhufu ji'a Sadaasaa keessa kan adeemsifamu ta'uu himu. Kanarraa ka'uun yoo ilaalamu baay'inni ummata biyyattii 1akkaawwii ummataafi manaa bara 1987tti adeemsifameen baadiyyaa magaalatti miliyoona 75fi kuma 719 kan ture, lakkaawwii bara 1999 gaggeeffameen ammoo miliyoona 88fi kuma 435fi bara 2008 keessa tilmaama pirojektii hojjetameen garuu miliyoona 92fi 205 gahuusaa ragaalee istaatistiksii ejensiisichaa wabeeffachuun ibsu. Kunimmoo baraa baratti baay'inni ummata biyyattii giddugaleessaan %10n dabalaa kan deemu ta'uu mul'isa jedhu.

Baay'inni ummata si'a dabalaa deemu immoo fedhiin lammiilee keessattuu gama misooma hawaas-dinagdeetiin jiru kan duraa caalaa guutamuu barbaachisa. Kana gochuuf ammoo imaammatni mootummaa sirnaan bocamuun kan irra jiraatu yoo ta'u, kan bahanis akeekkannootiin hojiitti hiikamu qabu. Kanarraa ka'uun haala hojiirra oolmaa imaammatawwan biyyattii yoo ilaalamu rakkooleen hedduu akka jiran hubachuun kan danda'amu ta'uu Obbo Birraatuun addeessu. Kunis, qaamoleen imaammata biyyattii gama maraan baasaniifi hojiirra oolchan baay'ina ummataa biyyattii sirnaan beekuu ykn hubachuu dhabuusaaniiti jechuudha. Ta'us, Ejensiin Wiirtuu Istaatistiksii Itoophiyaa waggaa 10 keessatti yeroosaa eegee lakkaawwii ummataafi manaa adeemsisuyyuu qaamoleen mootummaa si'a imaammatawwan barnootaa, hawaasaa, nageenyaafi kkf baasuun hojiirra oolchan ragaalee jiran sirnaan fayyadamaa akka hinjirre lafa kaa'u Obbo Birraatuun.

Baay'ina ummataa sirnaan hubachuu dhabuun ammoo hojiilee misoomaa karoorsuufi hojiitti hiikuurratti danqaa ta'aa tureera; ammas ta'aa jira. Kanarraan kan ka'es sochiileen hawaas-dinagdee biyyattii guutummaan guutuutti milkaa'uun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu akka hindandeenye himu. Kunimmoo hojiileen hojjetamuuf karoorfamaniifi baay'inni ummataa walunachuu waan hindandeenyeef, maxxantummaan akka babal'atu taasisee jaalalli biyyaa sammuu lammiilee keessatti akka hinuumamne godha. Kanaaf, qaamoleen mootummaa dhimmi ilaallatu hojiilee misoomaa hunda karoorsuun duratti imaammata gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaan jiran baay'ina ummataa waliin walsimachuusaa hubachuun murteessaadha jedhu, Obbo Birraatuun.

Ejensichumatti, Daarektarri Sirna Ummataafi Vaayitalii Obbo Asaallifawu Abarraas, baay'inni ummata Itoophiyaa yeroodhaa yerootti haalaan dabalaa deemuyyuu dandeettiin imaammata hojiitti hiikuu qaamolee mootummaa garuu laafaadha jechuun ibsu. Ejensichis baraa baratti gabaasa bu'aa lakkaawwii ummataafi manaa haala iftoomina qabuun qindeessee dhaabbilee mootummaa, jaarmiyaalee dhuunfaa, dhaabbilee Motummoota Gamtoomaniifi saayintistootaaf ergaa kan ture yoo ta'u, ammas kana gochuurratti argama. Kunimmoo ragaaleen dhimmoota hawaas-dinagdee mul'isan sirnaan yoo hinjiraanne imaammataafi karoora amansiisaa baasuun kan ulfaatu waan ta'eefidha jedhu.

Ta'us, guutummaan guutuutti baay'ina ummataarratti hundaa'uun imaammatawwan mootummaa hojiirra ooluu dhabanis hanga danda'ameen garuu socho'amaa ture wantootni nama jechisiisan ammoo akka jiran Obbo Asaallifawun dubbatu. Gama imaammata barnootaanillee yoo ilaalamu walgeettii barnootaa dhugoomsuuf hojiileen bal'aan kan hojjetaman yoo ta'u, gama rakkoo mana jireenyaa furuufis imaammata mootummaarratti hunda'uun hanga tokko hojiitti hiikamaa tureera; ammas sochiin taasifamaa jira. Kanaaf, rakkoolee hawaas-dinagdeefi siyaasaa biyyattii mudachaa jiru hundeedhaa furuuf baay'ina ummataa sirnaan beekuun barbaachisaa ta'uusaa mamii malee ibsu. Kanarratti hundaa'uunis dandeettii imaammata mootummaa hojiirra oolchuu gabbifachuun immoo yeroon kan itti kennamuu hinmalleedha jechuun hubachiisu.

Baay'inni ummata Itoophiyaa bara 2012tti miliyoona dhibba tokkoofi kuma 829 kan gahuu ta'uu ogeessotni kunneen tilmaama hojii pirojektii ejensichaa wabeeffachuun ibsu. Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii garuu wayita ammaa kana ummatni biyyattii miliyoona 102'f kuma 136fi 576 gahuusaa mul'isa. Kunimmoo mootummaan imaammata biyyattii xiyyeeffannoon baasuufi hojiitti hiikuu akka qabu kan hubachiisu ta'uusaati.

Xiinxallii Oduu

Takkaalliny Gabayyootiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000415357
Har'a/TodayHar'a/Today1276
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday633
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week1341
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month29706
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days415357

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.