Ayyaana Irreechaa iftaan kabajamuuf qophiin xumuramuun ibsame Featured

29 Sep 2017

Ayyaana Irreechaa haala ho'aadhaan kabajuuf qophiin duraa xumuramuu Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu ibse.

Kantiibaa ittaanaan bulchiinsa magaalattii, Doktar Alamuu Gonfaa akka ibsanitti, nageenya hirmaattota ayyaanichaa mirkaneessuuf hojiileen qophii bal'inaan geggeeffamaa turaniiru.

Baay'achuu hirmaattotaatiin walqabatee waldhiphisuun akka hinuumamneef garanumaa qophiin taasifamuus beeksisaniiru. Bulchiinsi magalattii iddoo ayyaanichi itti kabajamu mijaa'aa gochuusaas ibsaniiru.

Ministeera Aadaafi Tuurizimiitti Daarektarri Hariiroo Ummataafi Biyyoolessaa, Obbo Gazzaahiny Abaataa gamasaaniin, ayyaana galataa kan ta'e, Irreechaa haala ho'aadhaan kabajuuf ministeerichi Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa wajjin dhiyeenyaan hojjetaa jira jedhaniiru.

Ayyaanichi kan ummataa waan ta'eef nagaadhaan kabajuudhaan dhalootatti akka darbu gochuuf ummanni aadaasaa dammaqinaan eeguu akka qabus hubachiisaniiru.

BOI

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000803505
Har'a/TodayHar'a/Today1574
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3718
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week6108
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month43045
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days803505

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.