Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun egzibishiniin suuraa qophaa'e Featured

29 Sep 2017

Egzibiishiniin Suuraa Dhaabbata Hiriyaa Pikcharsi jedhamuun ayyaana Irreechaa sababeeffatee qophaa'e Jiddugala Aadaa Oromootti geggeeffamaa akka jiru qindeessaafi daarektarri dhaabbatichaa ibse.

Daarektarichi Dargaggoo Amansiisaa Ifaa ibsa egzibiishinicha ilaalchisuun Gaazexaa Bariisaatiif kenneen akka jedhetti, agarsiisni suuraa Fulbaana 14 bara 2010 eegalame kun hanga boruutti ittifufa.

Suurri ayyaana Irreechaafi sirna Gadaarratti hundaa'uun isumaan qophaa'e kun aadaafi duudhaa Oromoo haala kanaan ibsuun akka danda'amu kan agarsiisu ta'uus eereera.

Suurri egzibiishinicharratti qophaa'e kun godinaalee Oromiyaa mara kan bakka bu'u ta'uus himee, caalaatti kanirratti xiyyeeffatame garuu sirna Gadaafi Ayyaana Irreechaarratti jedheera.

Egzibiishinii ayyaana Irreechaa Dilbata dhufu kabajamu sababeeffachuun qophaa'e kana ummanni ayyaanichaaf dhufe ittigoree akka daaw'atus afeereera.

Suuraawwan sadarkaalee adda addaa qaban 31fi poosti kaardonni kan dhiyaatan yoo ta'u, sagantaa daaw'annaa kanaan hanga ammaatti suurri tokko hanga qarshii kuma 85tti gurguramuun lammiilee sababa walitti bu'iinsa daangaa Oromiyaafi Somaalee Itoophiyaatiin qe'eesaaniirraa buqqa'aniif akka oolu taasifamuusaas ibseera. Namni dhuunfaan biraas sababuma agarsiisa suuraa kanaan namoota kanneeniif qarshii kuma 100 arjoomuusaa beeksiseera.

Egzibiishiniin suuraa akkanaa akka Oromiyaatti isa jalqabaa ta'uu kan eere Dargaggoo Amansiisaan, Jiddugalli Aadaa Oromoo galmicha torban tokkoof tola kennuufiisaattis galateeffateera.

Charinnat Hundeessaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000803489
Har'a/TodayHar'a/Today1558
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3718
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week6092
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month43029
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days803489

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.