Faayidaan walitti hidhiinsa faayinaansii hanga kamiitti?

06 Oct 2017

Dameewwan faayinaansii Itoophiyaa yeroodhaa gara yerootti babal’achaa deemuurraan kan ka’e mootummaan walitti hidhiinsa faayinaansii ammayyaawaa walgeettiifi fayyadamummaa faayinaansii hojiirra oolchuuf bara darbeerraa eegalee tattaaffii guddaa gochuurratti argama. Kunis, dhimmoota misooma hawaas-dinagdee toora tooraan hojjetamuu malanirratti kan bu’uureffate tooftaalee walitti hidhiinsa faayinaansii biyyaalessaa bocuun Mana Maree Federeeshiniitiin akka raggaasifamu ta’eera.

Kunimmoo faayidaansaa guddaa ta’uu ragaaleen sanada qorannoo Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaarraa argaman kan mul’isan yoo ta’u, irra caalaatti walgeettiin faayinaansii bifa qindoomina qabuun akka diriiru gochuu, sirni maallaqaa tasgabbeessuu, guddina karaa maraan jiran tumsuufi badhaadhinaaf daandii saaquudha. Dhimma kanarratti qaamoleen hojicha hordofaa jiraniifi ogeessotni tokko tokko bal’inaan yaada qaban ibsu.

Baankii Biyyaalessaatti Obbo Axinaafuu Taklawaldi Ittigaafatamaa bittaa waliigalaati. Akka isaan dubbatanitti, Itoophiyaan waggoota kudhanii as biyyoota ardii Afrikaa kudhan guddina dinagdee saffisaa, hundagaleessaafi haqaqabeessa ta’e galmeessisuu danda’an keessa adda durummaan waamamti. Guddinni walitti fufiinsaan galmaa’e kunimmoo dameewwan faayinaansii kanneen akka baankotaa, kaampaanota inshuraansiifi dhaabbileen faayinaansii xixiqqaan adeemsa keessa babal’achuu akka qaban dirqamsiiseeraa, jedhu.

Kanarraa kan ka’e ALA hanga bara 2014tti qofa baay’inni baankiiwwanii 19, kaampaaniin inshuraansii 17, dhaabbileen faayinaansii xixiqqaa 35fi kubbaaniyootni liizii 5 biyyattii keessa akka turan argannoo qorannoo Baankii Biyyaalessaa wabeeffachuun eeru.

Guddinaafi jijjiiramootni jireenya lammiileerratti mul’atan kunneen ammoo gahee dameewwan faayinaansii olaanaa ta’uusaarra darbee gara fuulduraatti cimsuuf carraa bal’aa uumeeras, jedhu. Ta’us, dameewwan faayinaansii guddachaafi babal’achaa yoo deemaniyyuu waliingahiinsiifi fayyadamummaa hawaasaa dhugoomsuuf kan hafu ta’uus hubachiisu. Kunimmoo hubannoofi amantaa lammiileen biyyattii dameewwan kanarraa qaban baay’isee gadaanaa ta’uusaa akka sababaatti kaasu. Tooftaan walitti hidhiinsa faayinaansii biyyaalessaa kun hojiirra oollaan garuu, qonnaan bultoota, intarpiraayizoota xixiqqaafi keessumaa ammoo namoota galii gadaanaa qaban fayyadamummaa isaanii kan dhugoomsuudhaa jechuun dubbatu.

Ittaanaan Ministeera Muummee Obbo Dammaqaa Mokonnoonis yaaduma walfakkaatu kaasuun kan ibsan yoo ta’u, imala guddina ariifachiisaafi walqixxaataa ta’e itti fufsiisuuf, akkasumas ce’umsa caasaawwan dinagdee dhugoomsuuf walitti hidhiinsa dameewwan faayinaansii uumuun qooda guddaa qabu. Kunis sadarkaa addunyaatti hojiirraa oolaa kan jiru yoo ta’u, wayita ammaa keessumaa biyyoota guddinarra jiran keessatti Itoophiyaa dabalatee dhimma xiyyeeffatameerudha jedhu.

Haala kanaan walitti hidhiinsa faayinaansii dameewwan kanneen keessatti uumuuf kaawunsiliin biyyaalessaa Ministeera Muummeetiin hogganamu hundeeffamuusaas ibsu. Kunimmoo daangaan walgeettiifi fayyadamummaa faayinaansii haalaan akka babal’atu kan taasisu jechuudha. Kunis, dhaabbileen kanneen akka Itiyoo telekoomiifi Ministeerri Qunnamtiifi Teknoloojii Odeeffannoo, bilbiloota socho’aa akka babal’isaniifi sadarkaa netwoorkii mirkaneessan tumsuuf, jijjiirraan faayinaansii elektirooniksiitiin raawwataman amansiisaa akka ta’an gochuu, kaffaltiiwwan raawwataman saffisiisuu, tajaajilaafi tamsaasa elektirikii babal’isuutiin hojmaatni faayinaansii akka si’atan godha jechuun fakkeenyaan eeru.

Haa ta’u malees, xabiyootni walitti hidhiinsa faayinaansii walxaxaa ta’uurraan, akkasumas bal’inaafi gadi fageenya qabaachuurraan kan ka’e hojiitti geddaruuf qindoomina qaamolee maraa keessumaa tumsaafi kutannoo dameewwan faayinaansii kan gaafatu ta’uus yaadachiisu.

Ittigaafatamaan Karooraafi Bajata Baankii Daldalaa Itoophiyaa Obbo Abaatee Dirmammuus karoora walitti hidhiinsa faayinaansii mootummaan baasee kanatti kan amanan waan ta’eef, faayidaansaa xiqqaa akka hintaane ibsu. Kunis, dameewwan faayinaansii waldaalee liqiifi qusannoo dabalatee kaffaltii bakka bu’iinsaa interneetaa fayyadamuun maallaqni salphumatti akka socho’u taasisaa, jedhu. Kunimmoo lammiileen galii gadaanaa qaban omishaafi omishtummaasaanii gatii madaalawaa ta’een dhiyeessuun dhimma itti bahan kan carroomsuudha. Kana malees manneen hojii tajaajila kennan kanneen akka sektara bishaanii, elektirikiifi bilbilootaa karaa baankiitiin ykn elektirooniksiitiin akka kaffaltii raawwatan kan godhuudhaa jechuun ibsu. Kuni gaarii ta’us garuu hubannoon hawaasaa gadaanaa waan ta’eef, adeemsa yeroo dheeraa booda malee salphaatti hojiitti hiikamuu akka hindandeenye mamii qabanis dubbataniiru.

Xiinxallii Oduu

Takkaalliny Gabayyootiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000803496
Har'a/TodayHar'a/Today1565
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3718
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week6099
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month43036
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days803496

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.