Falaasamni hoggansaa haala qabatamaa biyyattiitiin oggaa madaalamu Featured

12 Jan 2018

Kallattii sirrii agarsiisuun amala oggansaati

Itoophiyaatti falaasamni ykn yaadiddamni hoggansaa qabatamaatti hojiitti hiikamuu dhabuun komiiwwan ummataa irra deddeebiin ka’an keessaa isa ijoo ta’uu hayyootni damichaa yeroo addaddaa ibsaa turaniiru.

Ka’umsi rakkoo wayita ammaa biyyattii mudates kanuma ta’uu ibsuurratti argamu. Kunis, irra caalaan hoggantoota biyyattii hanga sadarkaa olaanaa jiranii amaloota hoggansaa gaarii sadarkaa yaadiddamaatti beekuurra kan darbe qabatamaan hojiirra oolchuutti hanqinni guddaan akka jiruudha, kan ibsamu.

Kun ammoo yaadaafi fedhii ummataa guutuu waan hindandeenyeef yeroodhaa yerootti lammiileen mootummaa biyyattii bulchaa jirurratti boqonnaa argachuu akka hindandeenye taasisee jira. Kanarraa kan ka’e waggoota sadan darban asitti hoggantootni hojiifi ummatni waliigaltee uumanii hojjechuun sadarkaa yaaddessaarra gaheera.

Kun ammoo seenaa biyyattii keessatti rakkoo hamaa ta’uusaallee kan eeramuudha. Haa ta’u malee, ogganummaan aangoo argachuun carroomuu moo ba’aa ummataa baachuudha? ykn carraa bizinasii banachuudhaa? Dhimma kana ilaachisee hayyuuleen damicha qoratan ibsa qabu.

Inistitutii Hoggansa Hojii Itoophiyaatti, Obbo Mihiretuu Shaanqoo Ogeessa saayinsii hoggansaa yoo ta’an, xabiyootni oggansaa hedduu ta’uu dubbatu.

Hojiiwwan ummataa xiyyeeffannoon, ittigaafatamummaafi xiiqiitiin hojjechuu, qajeelummaafi amanamummaa qabaachuu, ummataaf dursa kennuufi fedhii ummataa guutuuf jecha halkaniifi guyyaa of kennuun kan hojjetu marti hoggansa gaariidhaa jechuun fakkeenyaan kaasu.

Kana waliinis oggantootni gaariin kaayyolee ummata bal’aa galmaan gahuuf ykn ammoo jijjiiramoota hawaas-dinagdeefi siyaasaa fiduuf hawaasni bal’aan kallattii tokkorra akka hiriiran kan taasisuudhaa jechuun ibsu. Kun ammoo amalli hoggansaa ykn gaggeessummaa taayitaa argachuuf carroomuu osoo hintaane ba’aa ummataa baachuu ta’uu kan ifatti argisiisuufi gaaffileesaanii irra jalaan deebisuudha.

Haala qabatamaa Itoophiyaatti yoo sakatta’amus hoggantootni sadarkaa sadarkaan jiran falaasama kana tiyooriitiin beeku malee wayita hojiirra oolchuun fedhii ummataa galmaan gahan hinargamanis jedhu.

Kun ammoo biyyattii keessatti rakkooleen bulchiinsa gaariifi sassaabdummaa kiraan walqabatan hundee akka gadifageeffatan gochuusaa dubbatu. Kanarraa kan ka’es lammiileen mootummaasaanii irraa amantaa dhabuutiin walitti bu’iinsa wayita ammaaf ka’umsa ijoo ta’uu akka danda’edha kan eeran.

Kanaaf, oggantootni biyyattii sadarkaa hundarra jiran falaasama oggansaa hanguma yaadaan ykn tiyooriin beekan hojiitti hiikuutiin waan ummatichi barbaadu raawwachuu qabu jechuun gorsu.

Yunivarsiitii Finfinneetti ammoo Doktar Abdurhamaan Abdullaahi barsiisaa saayinsii hoggansaati. Akka isaan ibsanitti ammoo hogganaan gaariin mul’ataa ummataa itti amanee fudhachuun kan hojjetuudha. Kana waliinis fedhiifi komii ummataa adda baasuun kan hubatu, ariitiin gaaffilee ummataa kan deebisu, olaantummaa seeraa kan kabajuufi fayyadamummaa kutaalee hawaasaa maraa mirkaneessuuf kan tattaafatuudhaa, jechuun addeessu.

Ulaagaa kanaan hoggantootni biyyattii yoo madaalaman irra caalaansaanii guutuu akka hindandeenyes ibsu. Kunis hoggantootni kunneen faayidaa isaanii mirkaneeffachuuf kan hojjetan malee ummata tajaajiluuf akka hintaanes eeru. Kun ammoo biyyattiin rakkoo keessa akka seentu ishee taasisuus dhugaa ba’u.

Akka ibsa Doktar Abdurhamaanitti, falaasamni oggansaa inni bu’uuraa rakkoolee ummataa mara ofumaan furuu osoo hintaane ummatichi rakkoosaa ofumasaan akka furatuuf kallattii kan argisiisu, haala kan mijeessuufi karaa kan qabsiisuudha. Kun ammoo hirmaannaa ummataa malee ofumaan murtee kennuurra hojii kam keessattuu qoodni lammiilee hangam olaanaa akka ta’e kan mul’isu jechuudha. Kana gochuuf ammoo hoggantoota karaa hundumaan dandeettiifi gahumsa qaban biyyattiif kan barbaachisanidhas, jedhu.

Itoophiyaan biyya mirga sabbootaa, sablammootaafi ummattoota hundaa haala walqixa ta’een kabajuun bulchaa jirtuudha. Kunimmoo heddummina qomoo, aadaa, afaaniifi seenaa akka miidhaginaatti fudhachuun tokkummaa biyyaa uumaa jirtu keessatti oggansi kaayyoo kana galmaan gahu murteessaa ta’uu ibsa ogeessota kanneenirraa hubatameera.

Oggantoota kaayyoo, fedhiifi ba’aa ummata biyyattii galmaan gahuu danda’an horachuun ammoo gara fulduraatti dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu waan ta’eef xiyyeeffannoon irrattii hojjetamuu akka qabus hubachiisu.

Xiinxallii Oduu

Takkaalliny Gabayyootiin



Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000858145
Har'a/TodayHar'a/Today496
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday863
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week1517
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month19925
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days858145

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.