Yunivarsiitiin Madda Walaabuu qorannoowwan faayidaa hawaasaa mirkaneessanirratti hojjechaa jira Featured

12 Jan 2018

Yunvarsiitin Madda Walaabuu pirojektota hojiilee hawaasummaa 90 ol hojjechaa jiraachuu beeksise.

Pirezidaantii Ittaanaan yunivarsiitichaa Doktar Simeenah Beesee akka jedhanitti, hojiilee qorannoofi qo’annoo tajaajila hawaasummaafi ce’umsa teknooloojii mirkaneessaniifi hawaasaa fayyadan hojjechaa jira.

Qorannoowwan gaggeeffamaniin misooma qonnaa, fayyaa, qabeenya uumamaafi dameewwan biroo 8 irratti hojjechaa jiraachuusaanii ibsaniiru. Hojii kanafis birrii mil. 10 ramaduun hojjechaa kan jiru yemmuu ta’u, barattoonniifi barsiisonni 200 caalanis hirmaachaa jiruu jedhaniiru. Wiirtuuwwan qorannoo Baalee Roobee, Madda Walaabuufi Gindhiiritti hundeessuun hojiiwwan qorannoo fayyadamummaa hawaasa naannichaa tumsanirratti hojjechaa akka jirus himaniiru.

Yunivarsiitin Madda Walaabuu bara 1999 erga hundaa’ee kaasee qorannoowwan faayidaa hawaasummaarratti xiyyeeffatan 230 ol kan gaggeesse yoo ta’u, milkaa’uus danda’eera jechuun 'FBCn' gabaaseera.



Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000858151
Har'a/TodayHar'a/Today502
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday863
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week1523
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month19931
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days858151

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.