Yuniyenonni tasgabbeessa gabaarratti xiyyeeffatanii hojjetaa jiraachuu ibsan

06 Apr 2018

Finfinnee: Qaala'ina gabaa ayyaana Faasikaa sababeeffachuun uumamuu malu tasgabbeessuurratti xiyyeeffatanii hojjetaa akka jiran yuniyenonni hojii gamtaa gara garaa ibsan.
Gaggeessaan Hojii Yuniyenii Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Amboo, Obbo Shuumii Buleessaa ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, yuniyenichi meeshaalee bu'uuraa adda addaa karaa waldaaleesaa bu'uuraa miseensotasaafi hawaasaaf dhiyeessaa jira.
Yuniyeniinsaanii bakka gurgurtaa Magaalaa Amboo qofaa kan qabu yoo ta'u, gaafii dhiyaaturratti hundaa'ee aanaalee 17 Godina Shawaa Lixaatiif akkasumas karaa waldaalee hojii gamtaa godinaalee Wallaggaafi Finfinneetti argaman wajjin walitti hidhama gabaa uumuudhaan omishaaleesaa kanneen akka xaafii, garbuu, talbaa, nuugiifi daakuufaa dhiyeessuun gabaa tasgabbeessaa jiraachuus eeraniiru.
Dhiyeessitiin ga'aan waan jiruuf ayyaana sabeeffachuun daballiin gatii tokkollee mudachuu kan hindandeenya ta'uus Obbo Shuumiin beeksisaniiru.
Adeemsisaan Hojii Waldaalee Bu'uuraa 152 of jalaa qabuufi waggaa 15 dura hundaa'ee kan ta'an Obbo Yaaddechaa Abbarraa gamasaaniin, yuniyeniinsaanii kudraafi muduraa keessumaa yeroo ayyaanaatti daran barbaadamoo ta'an waan omishuuf bal'inaan fayyadamtootaaf gatiidhuma barameen dhiyeessaa akka jiru ibsaniiru.
Yuniyeniinsaanii omishaalee akka qullubbii adiifi diimaa, fosoliyaafaa karaa suuqiiwwansaa afur Finfinneetti argamaniifi waldaalee bitattootaa Kutaalee Magaalaa Finfinnee jala jiraniif  akkasumas dhaabbilee gurmaa'anii omishasaa gaafatan kanneen akka Daandii Qilleensaa Itoophiyaa fa'iif dhiyeessaa akka jirus beeksisaniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001641916
Har'a/TodayHar'a/Today2904
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7153
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week4321
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1641916

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.