Itiyoo-Sudaan dhimmoota faayidaa waliisaanii mirkaneessanirratti waliin hojjechuuf mari'atan Featured

04 May 2018

Itoophiyaafi Sudaan dhimmoota faayidaa waliisaanii mirkaneessanirratti waliin hojjechuuf waliigalan.

Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad daaw'annaa hojii kaleessaafi dheengadda Sudaanitti taasisaniin Pirezidaantii Sudaan Omaar Hasan Albashir waliin Sudaan, Kaartumitti dhimmoota adda addaarratti marii taasisaniiru.

Itoophiyaan hariiroo gama hundaan Sudaan waliin qabdu daran cimsitee kan ittifuftu ta'uu kan himan Doktar Abiyyi, rakkoolee naannawa daangaa biyyoota lameenii furuufi walitti hidhamiinsa dinagdee cimaa uumuuf kan hojjettu ta'uu himaniiru.

Itoophiyaan nageenyaafi tasgabbii Afrikaa Bahaa mirkaneessuuf hojii Sudaan waliin hojjettu cimsitee ittifufti kan jedhan Doktar Abiyyi, fayyadamummaan laga Abbayyaa haqa qabeessa akka ta'uufis Sudaaniifi Misir (Gibtsi) waliin kan hojjettu ta'uu himaniiru.

Rakkoo nageenyaa Sudaan Kibbaa furuufis Itoophiyaafi Sudaan waliin hojjechuu akka qaban Doktar Abiyyi himaniiru.

Hojiilee damee daldalaa, invastimantiifi ijaarsa bu'uuraalee misoomaarratti Itoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii kan qaban ta'uu kan himan Pirezidaanti Omaar Hasan Albashir, waldhabdee ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa irratti mul'atu furuufis Misiriifi Itoophiyaa waliin kan hojjetan ta'uu 'FBC'n gabaaseera.

Ministirri Muummee RFDI, Doktar Abiyyi eddii aangoo kana qabatanii Itoophiyaa ogganuu eegalanii turtiisaanii ji'a tokkootiin daaw'annaan biyyoota alaatti taasisaniin kan Sudaan lammaffaa yoo ta'u, torban darbe Jibuutiitti pirezidaantii biyyattii wajjin dhimmoota adda addaarratti bal'inaan mari'achuunsaanii ni yaadatama.

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001296968
Har'a/TodayHar'a/Today3870
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday4284
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week12457
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1296968

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.