Miidhaa warshaan warqii Laga Dambii Miidirook qaqqabsiisaa jiru Featured

04 May 2018

Bara 1983 Godina Gujii, Aanaa Oddoo Shaakkisootti kan hundaa'e Dhaabbanni Omisha Warqii Laga Dambii bara 1989 Kaampaanii Miidrook Itoophiyaatti sharafa yeroo sanaa biliyoona 1.2 gurgurame.

Miidirook Itoophiyaan yeroo ammaa Laga Dambii dabalatee dhiyeenyuma lagichaatti bakka Saakarroo jedhamutti warqii omishaa jira.

Kaampaanichi adeemsa warqii baasuu kanaaf keemikaalota akaakuuwwan 11 ol fayyadamaa jira. Kanneen keessaa keemikaalli 'sinaayid' jedhamu summaa'ummaasaatiin tarree jalqabaarratti argama.

Keemikaalli kun yoo sirnaafi ofeggannoodhaan hinqabamu ta'e seeliiin oksijiinii akka hinfudhanne gochuun namaas ta'e beeladaa miidha. Sirna argansuufi narviis ni huba.

Jiraattonni Aanaa Oddoo Shaakkisoo, Ganda Dhibbaa Battee faalama naannawaa keemikaalli kaampaanicha keessaa gara lagaatti yaa'u dhukkuboota gara garaatiif nu saaxiluu bira darbee daa'imman waggoota 10 as dhalatanillee qaama hir'isaafi laamshessaa jira jechuun ummanni naannawichaa komataa akka jiruudha ittigaafatamtuun Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Gujii Aadde Rahimaa Abdullaahii ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin kan ibsan.

Rakkinichi yeroo dheeraa lakkoofsiseera. Gaafiin yeroo dheeraaf ture kun utuu furmaata hinargatiin, ummannis irratti hinmariyatiin darbees qaamni naannoos ta'e godinaa dhimmi ilaallatu hinbeekiin hayyamni hojii warshichaa haaromsamuun ummata komachiiseera” jedhu.

Warshaa Warqii Laga Dambii Miidirook Itoophiyaa waggoota 21 darbaniif hojjetaa ture kun eddii yeroon hayyamasaa xumuramee booda ji'a tokkoof hayyama malee hojjetaa turuusaas ittigaafatamtttiin beeksisaniiru.

Warshaan naannawa faaluudhaan dhala namaa, beeladaafi biqiltuurrati miidhaa cimaa qaqqabsiisaa jiru kun mariifi beekamtii ummataa tokko malee hayyamnisaa haaromsamuun ummata daran mufachiise jedhu.

Horiin naannawa warshichaatti dhalatu lafee hinqabu. Hin nyaatamus. Warri warshaa Warqii Laga Dambii keessa hojjetanillee loon naannawa sanaa hin nyaatan. Bakka biraatii bitanii fayyadamu. Horiin bishaan keemikaalaan summaa'e dhuga. Horiin bishaan sana dhuge hinhoru, ni du'a. Lafee hinqabu. Lafaas ka'uu hindanda'u. Namni dhalatus harkiifi miillisaa kottee gaalaa fakkaata” jedhu.

Namni akka bofaatti lafarra lo'a. Namas hinfakkaatu. Akka namaa lafee hinqabu. Mataanis akka huccuu lallaafa. Miilas ta'e harkaan deemuu hindanda'u. Haati nama da'uuf eegaa turte oggaa bineensa deessu arguu caalaa waanti nama sukanneessu hinjiru. Mana tokko keessa namoonni haala kanaan dhalatan lamaa sadiitu jiru” rakkoon gama kanaan qaqqabaa jiru yaaddessaa ta'uu ibsu Aadde Rahimaan.

Hayyamni warshaa haala kanaan miidhaa qaqqabsiisaa jiruu otoo rakkoonsaa hinfuramin haaromuunsaa akka Godina Gujiittis ta'e sadarkaa naannootti Biiroon Bishaan Albuudaafi Inarjii Oromiyaa (BBAIO) beekuu qaba. Ummannis beekee mariin irratti geggeeffamuu qaba jedhu Aadde Rahimaan.

Rakkoon naannawa warshichaatti qaqqabaa jiru viidiyoodhaan waraabamee Waajjira Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiifi BBAIO dabalatee qaamota adda addaa bira qaqqabuusaas himaniiru.

Invastimantiin gaggeeffamu kamuu faayidaa ummataa kabachiisuufi dhiisuunsaa mirkanaa'uu qaba jedhanii, haalli naannawaa otoo hin ilaalamiin, otoo ummanni iyyuufi roorroo dhaggeessisaa jiruu hayyama kana haaromsuun sirrii akka hintaane ibsu.

Faalamni warshaa warqii Laga Dambii Miidrook Itoophiyaa fayyaa hawaasa naannawaa miidhuu bira darbee dhaloota ittifufsiisuurrattillee rakkoo uumaa jiraachuusaa ragaaleen adda addaa tooftaalee gara garaatiin funaanamanii caasaalee mootummaatiif ergamuun miidiyaalee adda addaatiin tamsa'uusaa dubbatu.

Warshichi gamasaatiin rakkoo hawaasarra gahe jedhamu quba kan hinqabne ta'uu kanaan dura ibseera. Kaampaaniin Albuudaafi Warqii Miidrook Laga Dambii, gamasaatiin rakkoo hawaasni kaasaa jiru kan quba hinqabne ta'uufi rakkoon fayyaa qaqqabaa jira jedhame kun kaampaaniisaanii wajjin hidhata hinqabu jechuun waakkataa ture.

Maanguddoonniifi abbootiin Gadaa naannawichaa ammoo daa'imman laamsha'anii dhalatan mana jiraattota hedduutti mul'ataa otoo jiraniifi otoo warshaan kun hojii hineegaliin rakkoon fayyaa hawaasa naannawichaarra gahaa jiru akka hinturre ittigaafatamtuun waajjira dhimmoota kominikeeshinii kun hawaasa naannawichaa wabii godhachuun kan ibsan.

Keemikaalli warshicha keessaa bahu fayyaa namaa bira darbee kan beeladaallee miidhaa akka jiruudha miidiyaaleefi ogeessonni fayyaa adda addaa ibsaa kan turan. Ogeessi eegumsa naannawaa warshichaas keemikaalli warshichi fayyadamu yoo bishaaniin walmake miidhaa guddaa qaqqabsiisuu akka danda'uudha kan mirkaneessan.

Dhimma kanarratti kanaan dura kan gaafatame Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannawaa, Bosonaafi Jiijjiirama Qilleensaa Oromiyaa dhimmicha qulqulleessuuf koree dhaabee hojjetaa akka jiruufi hanga bu'aan qorannichaa beekamutti haaromsi hojii kaampaanichaa kan hin yaadamne ta'uu eeree ture.

Ittigaafatamaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Oromiyaa, Doktar Nagarii Leencoon ejjennoo mootummaa naannichaa dhimma kanarratti qabu Gaazexaa Bariisaaf ibsaniiru. Mootummaan Oromiyaa barbaachisummaa Invastimantiitti amanellee ummata kan miidhu yoo ta'e garuu fudhatama hinqabu. Hayyama haareffameera jedhamu kana mootummaan naannichaa hojiirra oolchuu hindanda'u jedhaniiru.

Kan eegamaa ture waa'ee haaromuu hayyamichaa otoo hintaane miidhaan cimaan qaqqabaa ture furmaata akka argatu, bu'aa qorannoo geggeeffameerratti ummata mariisisuudha ture jedhu.

Ejjennoon mootumnaa naannichaa faayidaa ummataa eegsisuudha jedhanii, waanti ummata miidhu tasumaa fudhatama hinqabu. Ummannis ejjennoo mootummaasaa sirriitti hubatee gaaffisaa karaa nagaatiin qofa dhiyeeffachuu qaba jedhu.

Ministir de'eetaan Ministeera Albuuda, Boba’aafi Gaazii Uumamaa, Obbo Tewodroos Gabragzi’aabiheer OBNtti akka himanitti, haaromsamuun dura mariin ummataa bal’inaan gaggeeffamuu qaba ture.

Dhaabbatichi eeyyamni akka haaromfamuuf waggaa tokko dura gaafatus, kan hayyamameef garuu baatii lama dura jedhanii, qorannaan kanaan dura gaggeeffame ummataaf karaa sirrii ta’een ibsamuu dhabuun qaawwa uumuusaa ibsaniiru. Bu'aan qorannoo Yunvarsiitii Finfinneetiin warshichi dhiibbaa naannawaa ni geessisamoo hingeessisurratti gaggeessaa ture dhiyeenyatti ummataaf kan ibsamu ta'uu eeranii, komiin ummataas qorannaa hirmaannaa ummata waliin gaggeeffamuun akka furamuuf itti deemama jedhaniiru.

Xiinxallii Oduu

Charinnat Hundeessaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001296972
Har'a/TodayHar'a/Today3874
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday4284
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week12461
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1296972

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.