Hariiroon Oromoofi Amaaraa eessaa garamitti?

12 Jun 2018

Naannolee Itoophiyaan qabdu saglan keessaa Oromoofi Amaaraan baay'ina ummataatiinis ta'e bal'ina lafaatiin sadarkaa tokkoffaafi lammaffaarratti argamu.

Ummatni naannolee lamaanii hariiroo baroota dheeraa lakkoofsise waliin kan qaban yoo ta'u, adeemsa keessa hariiroonsaanii laafaa dhufe deebi'ee akka cimuuf sochiin taasifamaa jira.

Haaluma kanaan baranuma gareen jilaa pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatiin durfamu gara Naannoo Amaaraa, Magaalaa Baahir Daaritti imaluun dhimmoota hariiroo ummata lamaanii cimsanirratti mariin adeemsifamee ture.

Konfiraansiin hariiroo ummataa tokkoffaanis Yuunivarsitii Dabra Birihaanitti adeemsifamee kan ture yoo ta'u, kofiraansiin hariiroo ummataa lammaffaan ammoo torban darbe Yunivarsitii Jimmaatti adeemsifameera. Konfiraanisicharratti waraqaaleen qo'annoo hariiroo ummatoota lamaanii ibsan dhiyaatanii mariin irratti adeemsifameera.

Waraqaaleen qo'annoo hariiroo ummata Oromoofi Amaaraa jaarraa 16fa irraa kaasee jiru ibsan Yunivarsitiiwwan Wallaggaafi Dabra Maariqoosiin qophaa'uun konfiransicharratti dhiyaataniiru.

Ummatni naannolee lamaanii gama hawaasummaa, dinagdee, siyaasaa, daldalaa, aadaa, afaan, amantii, fuudhaafi heerumaatiin hariiroo baroota dheeraa lakkoofsise wajjummaan qaba. Ummatni naannolee lamaanii yeroo ongee walitti baqachaa akka tureefi darbee darbee ammoo walitti bu'aa akka ture ibsa waraqaan qo'annichaa.

Jaarraa 16fa hanga 1820tti ummatni Oromoo Laga Abbayyaa ce'ee aadaasaa babal'isaa ture. Jaarraa 19fa keessa ammoo saba Amaaraatu Laga Abbayyaa ce'ee aadaasaa babal'isaa ture. Jaarraa 17fa irraa jalqabee hariiroon ummata lamaanii fuudhaafi heerumaan cimaa dhufe.

Hariiroon kun dhimma siyaasaafi hawaasummaa kan of keessaa qabu ture. Hariiroon ummattoota lamaanii yeroo Lagni Abbayyaa guutu addaan citaa turee Jaarraa 20fa booda erga riqichi lagicharratti ijaaramee deebi'ee cimaa dhufe.

Akka aadaa Oromootti namni tokko dulloomee yeroo du'uuf jedhu maqaa isaa lafaaf kenna. Laficha ammoo mucaa isaatiif kenna. Kana irraa ka'uudhaan bakkeewwan Oromoon dur itti babal'atee ture maqaa Oromootiin waamama. Hariiroo afaaniin walqabatee tureenis ammayyuu jechoota tokko tokko waliin itti fayyadamaa jiru.

Hariiroon ummata lamaan gidduu ture garuu laafaa dhufe. Qo'annoowwan adeemsifamaa turanis afaaniifi aadaa ummatoota lamaaniirratti malee hariiroo isaanii cimsuurratti kan xiyyeeffatan hinturre.

Siyaasni biyyattiis hariiroon ummattoota lamaanii akka cimu kan deggeru hinturre. Haala kanaan hariiroon ummattoota lamaan gidduu ture laafaa dhufe, akka qo'annochi ibsutti.

Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Oromiyyaa, Doktar Nagarii Leencoo konfaransicharratti akka jedhanitti, ummatni Oromoofi Amaaraa hariiroo seena qabeessa baroota hedduu lakkoofsise wajjummaan qabu. Hariiroo ummattoota lamaanii cimsuun waliigaltee biyyaalessaa cimsuufis ni gargaara.

Ummattoonni lamaan fuudhaafi heerumaan walitti hidhamanii waliin jiraachaa akka turan seenaan ni ibsa kan jedhan Doktar Nagariin, hariiroo gaariin sabooota lamaan gidduu ture adeemsa keessa bifasaa geeddarachuudhaan jijjiiramaa dhufe.

Kunis ummttoota naannolee lammaniis ta'e biyyattii miidhaa tureera. Kanaafuu hayyoonni hariiroo gaarii ture sana deebisuuf qo'annoo seenaa ummattoota lamaaniirratti gadifageenyaan hojjechuun kan irraa eegamu ta'uu hubachiisu.

Biyya jechuun ummata. Hariiroo ummataa cimsuun ammoo cimina biyya tokkoo mirkaneessuudha. Hariiroon ummataa cimaan hinjiru taanaan nagaan hinjiru. Nagaan hinjiru taanaan ammoo misoomniifi hariiroo dippiloomaasii uumuun hindanda'amu. Qabeenya lafa keessaafi lafa irraattis fayyadamuu hindanda'amu. Hariiroon waljaalalaafi walkabajaan waliin jiraachuu ummattoota gidduutti cimee ittifufuu qaba. Kunis hariiroo garii ummata gidduu jiru cimsuudhaan kan dhugoomu ta'uu himu.

Doktar Nigusee Mitikkuu Naannoo Amaaraatti, Barreessaa Fooramii Dhaabbilee Barnootaa Olaanaa 10 yoo ta'an, hariiroon ummatoota lamaanii baroota dheeraa kan lakkoofsiseedha jedhu. “Ummattoonni lamaan daangaa, amantii, daldala, aadaa, afaan, fuudhaafi heerumaan hariiroo gaarii qabu. Ani dhaladhee kanan guddadhe Naannoo Amaaraa, Godina Goojjam Bahaa, Naannawaa Buree yoo ta'u, hariiroon Oromoo Wallaggaa waliin jiru cimaa ta'uu ijoollummaa kootii jalqabeen beeka” jedhu.

Maqaaleen bakkaa Goojjam keessa jiran hedduunis Afaan Oromootiin waamamu kan jedhan Doktar Niguseen, sanyiin ummattoota lamaaniis fuudhaafi heerumaan walmakuusaafi hiddi dhalootaa gara duubaatti yoo lakkaa'amu kan namoota baay'ee Oromoo ta'uu eeru. “Hiddi dhaloota koos duubatti yoo lakkaa'amu afraffaarratti Oromoodha” jedhu.

Akka Doktar Niguseen jedhanitti, waggoota 27n darban hariiroon ummata lamaan gidduu akka hinjirretti himamaa ture. Haata'u malee ammayyuu hariiroon ummata lamaan gidduu jiru cimaadha. Qo'annoon seenaa hariiroo ummattoota lamaanii agarsiisu akkanatti qophaa'ee dhiyaachuun ammoo faayidaa olaanaa qaba. Kanaafuu hayyoonni qo'annoo seenaa waliin jireenyaa ummattoota lamaanii agarsiisuufi barsiisu gara fuulduraattis itti fufanii hojjechuu akka qaban hubachiisu.

Pirezidaantiin Yunivarsitii Jimmaa pirofeesar Fiqiree Lammeessaa akka jedhanitti, egereen biyya tokkoo kan murtaa'u tokkummaa ummattoota biyyattiirratti. Ummanni biyyattii dhimmoota biyyaarratti tokko ta'uu qaba. Hariiroon ummata gidduu jirus cimuu qaba. Nageenyi bu'uura waan hundaa waan ta'eef adda addummaa keenya mariidhaan hiikuufi hariiroo keenya daran cimsuun barbaachisaadha.

Guddinaafi ijaarsa biyyattii milkeessuuf tokkummaan hojjechuu qabna kan jedhan pirezidaantichi, hojii hayyoonni qorannoorratti hundaa'uudhaan hariiroo ummataa cimsuuf taasisaa jiranis cimee itti fufuu akka qabu dubbatu.

Hariiroon ummata Oromoofi Amaataa baroota dheeraa lakkoofsiseefi adeemsa keessa laafee ture deebisanii cimsuun egeree misoomaa, nageenyaafi guddina dinagdee naannolees ta'e biyyattii mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa waan qabuuf cimee itti fufuu qaba.

Ta'uu baannaan garuu biyyattiin rakkoo uumamuun jijjiiramni biyyattii keessatti gama hundaan mul'achuu eegale duubatti deebi'uu danda'a.

Xiinxallii Oduu

Natsaannat Taaddasaatiin

 

 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001817770
Har'a/TodayHar'a/Today3685
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3589
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week8350
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1817770

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.