Itoophiyaatti jalqabbii kabaja guyyaa dhibee juzaamaa Featured

03 Feb 2017

Lammiileen dhibee juzaamaatiif saaxilaman kunuunsa fedhu

Itoophiyaan ALA bara 1970 irraa eegaltee dhibee juzaamaa ittisuuf sagantaalee hedduu baasuun wiirtuulee addaddaatti hojjechaa turteetti. Haala kanaan bara 1983tti sirni walta'iinsa wal'aansa qorichaa kan jalqabame yemmuu ta'u, bara 1995tti yaalli fayyaa sirnaan akka kennamu godhamaa tureera.

Jalqabbiifi qabiyyeen kabaja guyyaa dhibee juzaamaa kan eegale bara 1954tti yoo ta'u, kan bu'uuresse ammoo lammii biyya Faransaayi akka ta'e ragaaleen Ministeera Hojjetaafi Hawaasummaa Itoophiyaarraa argaman nimul'isu. Yeroo sanattis kaayyoonsaa inni guddaan miidhamtoota dhibee juzaamaatiin dararfamaniifi dhiitamuu mirga namummaasaanii hawaasa idil-addunyaatti beeksisuun jijjiirama fiduufiidha. Kana malees, wayita sana dabalataan kaayyolee kanneen akka miidhamtoota dhibee juzaamaa akka namaatti kabajuu, walabaan akka jiraatan gochuu, wal'aansa fayyaa akka argatan taasisuu, leeyyoofi sodaa hir'isuu, kunuunsuufi dandamachiisuu kan jedhan ture. Ka'umsuma kanaan ALA bara 1954 irraa eegalee ji'a Amajjii dhumaa Dilbata akka biyyoolessaatti akka kabajamu ta'eera; ammas kabajamaa jira.

Itoophiyaattis Waldaan Miidhamtoota Dhibee Juzaamaa bara 1992tti erga hundeeffamee booda mootummaafi qaamolee deggarsaatiin beekamtii argachuun walta'iinsaan guyyaan kun baroota kurnan lamaan irraa jalqabee akka biyyaalessaatti Finfinneetti ittifufiinsaan kabajamaa turuusaa Dura Taa'aan waldichaa Obbo Caannaaloo Hibistuu nidubbatu. Finfinneedhaa alattis Hawaasaa, Jimmaa, Injibaaraa, Baahirdaar, Maqalee, Shaashamanneefi Haroomaayaatti kan kabajame yoo ta'u, bara kana ammoo marsaa 18faf Naannoo Amaaraa Nagaalaa Daseetti kabajamuuf qopheerratti argama jedhu Obbo Caannaaloon. Kaayyoonsaa inni guddaan miidhamtoonni dhibee juzaamaa carraafi hirmaannaa taasisaniin fayyadamoo akka ta'an gochuu, qoqqoodiinsaafi loogummaa isaanirra gahaa jiru maqsuun balaarraa akka ofqusatan taasisuu, ilaalcha dogoggoraa hawaasa keessa jiru cabsuun sirreessuu, qaamolee hubannoo hawaasaa gabbisuuf hojjetan waliin qindoominaan hojjechuu, miidhamtoota dandamachiisuun ofitti amantiin hawaasatti akka makaman gochuufi seerota dhibee kana ittisuuf akka addunyaatti, akkasumas akka biyyaalessaatti bahanii jiran hojiitti hiikamuufi dhiisuusaanii mirkaneessuuf akka ta'e Obbo Caannaaloon ibsu.Akka ibsa Obbo Caannaalootti, biyya keenyatti miidhamtoonni dhibee juzaamaa dhukkuba fayyaatiin alatti rakkoo hawaas-dinagdeefi xinsammuuf nisaaxilamu. Rakkoon kun ammoo kan nama tokkoo osoo hintaane kan guutummaa hawaasa biyyattiifi dhimma biyyaas waan ta'eef, madda dhibichaa hundeedhaa gogsuuf miidhamtoota gurmeessuun barsiisuufi furuun dhimma yeroon itti laatamuu hinmalleedha. Gama kanaan tamsa'ina dhibee kanaa to'achuuf miidhamtootaafi maatiisaaniif dhaabbileen tajaajila fayyaa kennan, manneen barnootaa, yunivarsiitonni, dhaabbileen amantii, dhaabbileen daldalaa, midiyaaleefi jaarmiyaaleen addaddaa xiyyeeffannoo addaa kennuutiin gaheesaanii bahachuu akka qaban Obbo Caannaaloon hubachiisu.

Gama biraan ammoo hawaasni biyyattii dhibee juzaamaa ofirraa ittisuuf mallattoolee dhibee kanaa hubachuun barbaachisaa ta'uusaa dubbatanii, buusaaleen harkaafi miilaa lallaafuun, akkasumas qubootni harkaafi miilaa onnachuu dhabuun mallattoolee gurguddoo dhibichaa yoo ta'an, wal'aansa fayyaatiin fayyuun kan danda'amu ta'uus dagatamuu hinqabu jedhu Obbo Caannaaloon. Kunimmoo ALA bara 1983 irraa eegalee lammiilee hedduu miidhaa turullee akkuma dhukkuba kamiiyyuu yaalaan ji'oota 6-12 gidduutti fayyuun kan danda'amu ta'uusaati. Kunis, juzaamaan qomoo, halluu, amantiifi saalaan osoo adda hinbaasiin dhala namaa miidhaa tureera; ammas hubaa jira jechuudha.

Akka ragaaleen tokko tokko mul'isanitti, dhibeen juzaamaa Dhaloota Kiristoos Dura bara 600 keessa kan ture yoo ta'u, baroota dheeraa kana keessatti hubannoon namootni qaban xinnoo ta'uusaatiin lammiileen rakkoolee hedduuf saaxilamaa turuusaaniirra darbee ajjeefamuun gara hallayyaatti darbatamaa turaniiru. Ta'us, bara 1873tti lammiin Noorweyi Jeeraardi Armawar jedhamu dhibeen kun baakteeriyaa 'maayikoobaakteriyeem' jedhamuun kan nama qabu ta'uusaa qorannoo taasiseen argannoosaa dhiyeessee mirkaneesseera. Kunimmoo dhibeen juzaamaa(qurcummaa) ilaalcha dogoggoraa qomoo, amantii, abaarsaafi kkfn namatti dhufa kan jedhuuf deebii gahaa argamsiisuu danda'uusaa kaa'eera jechuudha.

Takkaalliny Gabayyootiin

 

 

 

 

 

 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000525784
Har'a/TodayHar'a/Today295
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1268
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week7743
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month32673
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days525784

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.