Hordoffiifi to’annoo fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf akeeke

09 Feb 2018

Caffeen Oromiyaa abbaa aangoo ol’aanaa Mootummaa Naannichaa itti gaafatamummaa guddaan Heeraafi Uummataan itti kennamee dha. Caffeen ijaarsa sirna dimokiraasii dagaagsuu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, misooma ariifachiisaafi ummanni sadarkaa sadarkaan irraa fayyadamu fiduu keessatti gaheen qabu guddaadha.
Hojiileen seera tumuu, hojii bakka bu'ummaa ummataa raawwachuu, dandeettii raawwachiisummaa manneen maree ummataa cimsuuf deeggeruufi hojiin hordoffiifi to'annoo hojiilee muummeyyii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
Aangoofi hojii Caffeedhaaf Heeraafi Labsiidhaan kennameef inni guddaan seera imaammataa mootummaan baase hojiirra oolchuu dandeessisu tumuudha. Caffeen seera tuma yoo jedhamu, seerota haarawaa tumuu, seerota turan fooyyessuu ykn haquu, waliigalteewwan adda addaa raggaasisuufi murteewwan adda addaa dabarsuu ni dabalata.
Hojiilee mummeeyyii Caffichaa keessaa inni biroon hojii bakka bu’uummaa uummataati. Kaayyoon isaas miseensonni Caffee uummata isaan filate jidduutti argamuun mari’achiisuun rakkoolee uummata isaan filatee dhiyeenyatti hordofuudhaan sadarkaa sadarkaadhaan haalawwan waliigalaa fala argatan taasisan mijeessuufidha. Caffeenis, hojii bakka bu’ummaa raawwachuu wajjin wal qabatee miseensonni Caffichaa uummata bakka isaan buufate wajjiin karooraan wal arguuf mirga akka qabu hubannoo keessa galchuun miseensonni Caffee uummata isaan filate wajjin akka qunnaman haalawwan mijeessaa tureera.
Akkasumas, Miseensonni Caffee idileedhaan haalawwan uummata isaan filate wajjin itti wal-argan mijeessuu ilaalchisee Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 60 fi 61 jalatti yeroo itti wal-arganiifi adeemsa kana keessatti immoo gaheen Caffee maal akka ta’e ifaan tumeera.
Waan kana ta’eef, akkaataa Dambii Lak. 3/2001, Keewwata 61, Keewwata Xiqqaa 1 fi 2tti Caffeen dhimma barbaachisaadha jedhee itti amanerratti miseensonni uummataan wal arganii, yaada walitti qabanii akka dhiyeessaniif sagantaa qopheessuunis haata’u bakka bu’oonni kaka’umsa isaaniitiin barbaachisaadha jedhanii dhimma itti amanan irratti uummata isaan filate wajjin mari’achuufi yeroo deeman tooftaalee:
* Uummata isaan filate akka mijaa’ina isaatti walitti qabuu,
* Qaamolee mootummaafi miti-mootummaa adda addaa dubbisuu,
* Iyyannoowwan, eeruuwwaniifi yaadota ogeessa adda addaa walitti qabuu,
* Qo’annoofi taajjabbii adda addaa gochuu,
* Rakkoolee ka’an ilaalchisee sadarkaa sadarkaadhaan qaamolee dhimmi ilaaluu wajjin hiikuuf yaalii gochuun kan ittiin fayyadaman ta’a. /Dambii Lak. 3/2001, Keewwata 61 Keewwata Xiqqaa 3/
Caffeen dandeettii raawwachisummaa qaamilee isaa cimsuuf hordoffiifi deeggarsa barbaachiisu ni taasisa. Kunis, migoota miseensonni Caffichaa qaban keessaa inni tokko ijaarsa dandeettiifi odeeffannoo aangoofi hojiilee isaanii sirnaan raawwachuu isaan dandeessisu argachuuudha. Akkasumas, hojiiwwan Caffeen hojjatu keessaa, Manneen Maree Aanaaleefi Gandootaa akkasumas Manneen Maree Magaalotaa dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsuu, deeggarsa barbaachisaa ta’e kennuu, raawwii hojiisaanii hordofuufi haala aangoo isaaniitiin walitti hin buuneen bu’aa hordoffii irratti hundaa’ee yaada furmaataa dhiyeessuudha. Kanarraa ka'uunis, Caffeen baroota dabarse keessatti bakka bu’oonni uummataa - Caffee irraa kaasee Manneen Maree Uummataa - aangoofi gahee seeraan kennameef gahumsaan bahachuu akka danda’an hojii dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsuurratti xiyyeeffatanii hojjetaa turaniiru.
Hojiiwwan mummeeyyii Caffeen hojjetaman keessaa hojiin hordoffiifi to’annoo isa tokko. Hojiin hordoffiifi to’annoo kunis gama lamaan koreewwan dhaabbii Caffeen gaggeeffama. Inni tokko kurmaana kurmaanaan karooraafi raawwii seektaraalee mootummaa gamaaggamuu yoo ta’u, inni lamaffaan ammoo hojii daawwannaa dirreen qabatamaan dhugaa lafarra jiruufi komii hawaasaa sadarkaan jiru dhageeffachuun qaama dhimmi ilaalu wajjin rakkoolee jiraniif fala kaa’udha. Kaayyoo muummeen Caffeen qaamolee mootummaa hordofuufi to’atuuf:
* Qabeenyi uummataafi Mootummaa qajeelloon hojiirra ooluu,
* Hojiileen seeraafi sirna bu’uura godhatanii raawwatamaa jiraachuu,
* Kallattiin misoomaa haqa qabeessaafi ariifataan jiraachuu,
* Dimokraasiifi bulchiinsi gaariin diriiruu,
* Mirgi lammiiwwanii, nagaafi tasgabbiin kabajamuu,
* Akkasumas, qaamolee mootummaa gidduu qindoominni hojimaataa jiraachuu mirkaneessuudha.
Qaamoleen mootummaa Caffeen hordofuu fi to’atu:
* Qaamolee mootummaa naannichaa,
* Damee qaamolee mootummaa gajallaafi
* Qaamolee keessoo Caffichaati
Bu’uuruma kanaan, koreewwan Dhaabbii Caffee gabaasa raawwii hojii manneen hojii isaaniin hordofamaniifi to’ataman irraa dhiyaatu erga gamaaggamanii booda hojiiwwan raawwataman jedhaman sun qabatamaadhaan akka gabaafamee sanaan sadarkaa dakaatti raawwatamuufi dhiisuu isaanii, jijjiiramni mul’ate maal akka fakkaatu, rakkooleen jiran maala akka ta’an ilaaluuf daawwannaa hojii taasisuun hordoffiifi to’annoo ni gaggeessu.
Hojiin hordoffiifi to’annoo kun kan raawwatamu, gabaasa Caffeedhaaf walgahicha irratti kallattiidhaan dhiyaatuun yookiin kurmaana kurmaanaan koreewwan dhaabbii Caffeef dhiyaatuun qofa miti. Eeruuwwaniifi iyyannoowwan koreewwan dhaabbii Caffichaaf qajeelfaman irratti hundaa’uun hordoffiifi to’annoon ni adeemsisa.
Dabalataanis, hojiin hordoffiifi to’annoo akka Caffeetti gabaasoota qaamolee mootummaa walgahii gaggeessu irratti raawwatamu akkuma jirutti ta’ee Koreewwan Dhaabbii Caffee raawwii hojii qaamolee kanaa kurmaana kurmaanaan fudhachuun ni gamaaggamu; bu’aa gamaaggama isaaniis Koree Qindeessituu Caffichaatiif dhiyeessuun Koreen kallattii kan kaa’uuf ta’a. Koreewwan dhaabbiis, manneen hojii mootummaa akkaataa kallattii koreen qindeessituun kaa’eetti hojii isaanii hojjachuu isaanii hordoffiifi to’annaa gaggeessaniin mirkaneeffatu. Manni hojii akkaataa kallattii kaa’ameen hin sochoone, hojiisaa hin raawwanne yoo jiraatees:
* Waajjirichi rakkoo jedhame akka beekuufi rakkoo uumees akka sirreessuuf Caffeen kallattii ni kaa'a. Qajeelfamas ni kenna, sirreessuusaatis ni mirkaneeffata;
* Rakkoo bu’uuraa ta’uudhaan kan hin fooyyofne yoo ta’eefi rakkichi sababa abbaa taayitaa ykn nama dhuunfaa dhaabbaticha keessa jiruun kan raawwatame yoo ta’ee akka haalasaatti akeekkachiisa kennuudhaan karaa Pireezidaantii Naannichaatiin tarkaanfii ni fudhachiisa;
* Rakkoon kan uumame karaa pireezidaantii naannichaa ykn qaamolee mootummaa kallattiidhaan Caffeetti waamamaniin yoo ta’e, Caffeen kallattiidhaan tarkaanfii barbaachisaa ta’e ni fudhata.
Haata’uutii, Caffeenis ta’e koreewwan dhaabbii hordoffiifi to’annoo yeroo adeemsisu, dhimmoota waliigalaa irratti malee hojii guyyaa guyyaan manneen hojii hojjatan irratti xiyyeeffachuun ta’uu hin qabu; hordoffiifi too'annoon adeemsifamu haala bilisummaa isaanii eeggateen ta’uu qaba.
Bu’uuruma kanaan, hojii hordoffiifi to’annoo bara kanaa marsaa lamaan gaggeessuuf karoorfame keessaa, marsaa jalqabaa dhuma kurmaana 2ffaa kanatti gaggeessuun kan danda’ame yoo ta’u, godinaalee Oromiyaa 20 keessa godinaalee 16 garee 8tiin koreewwan dhaabbii Caffeen yoo gaggeeffamu, magaalota naannichaa 7, aanalee 32fi gandoota baadiyyaa 78 qaamaan bira gahuun qaamolee hawaasaa adda addaa sadarkaan jiran 28,770 (kuma digdamii saddeetiifi dhibba torbaafi torbaatama) marsiisuun danda’ameera.
Godinaaleen ilaalamanis godina Shawaa Bahaa, Arsii, Baalee, Arsii Lixaa, Booranaa, Gujii Lixaa, Shawaa Kibba Lixaa, Jimmaa, Bunnoo Baddalee, Iluu Abbaa Boor, Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaa, Horroo Gudduruu Wallaggaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Lixaafi Godina Addaa Finfinnee Naannawaa Finfinneeti.
Hojii hordoffiifi to'annoo dirree kanaan ciminaalee, hanqinaalee fi bu’aawwan gurguddoo adda baasuun danda'ameera.
Ciminaalee gurguddoon daawwannaa hojii dirree kanaan argamaan keessaa:
* Rakkoolee hamaa bulchiinsa gaarii ta’uun sadarkaa adda addaatti qaamolee hawaasaan ka’aa turan akka fooyya’an ta’uusaa,
* Gaaffiiwwaniifi komiiwwan hojii dhabeeyyii naannicha keessatti bal’inaan ture fooyyeessuun, dargaggoota ogummaa adda addaan yuunibarsiitiifi koollejjii garaagararraa eebbifamaniif carraa hojii uumuuf sochiin ture fooyyee kan qabu ta’u,
* Rakkoolee invaastimantii wajjin walqabataaniifi gaaffiifi komii hawaasaa ta’uun rakkoolee bulchiinsa gaarii ta’uun bara dheeraa lakkoofsisan bu’uura seeraan tarkaanfii barbaachisaan akka fudhatamu taasifamuu,
* Barsiisotaa, hojjattootaafi jiraattoota magaalaaf lafti mana jireenyaa akka kennamuuf sochiin taasifamaa kan tureefi ta’aa kan jiru ta’u.
* Kenninsi tajaajilaa kanneen akka tajaajila haqaa, hawaasummaa sadarkaan jiru fooyya’iinsa kan qabuufi miirrii tajaajiltummaa siiviil sarvaantii biratti mul’achaa dhufuu,
* Haaromsa gadi fagoon jijjiramni akka naannootti jiru hojii boonsaa ta’uufi
* Gaaffiiwwaniifi komiiwwan hawaasaaf hoggansaa hanga raawwataatti gurra kennuun jalqabamuusaati.
Haata’uutii, jijjirama bu’uura sadarkaa hundaatti fiduun, gaaffiifi komii hawaasichaaf yeroon sadarkaa hundaatti hiikuu irratti ammallee hanqinaaleen kan jiran yoo ta’u, kanneen keessaa:
* Rakkoolee bulchiinsa gaarii jedhamuun haaromsa dura maree sadarkaa adda addaatti godhameen kanneen adda bahaan kanneen akka piroojektii buleeyyii, rakkoo ibsaa, daandiifi bishaan dhugaatii ammallee sadarkaa yaadameen hiikamaa kan hin jirreefi godinaalee, magaalotaafi aanaalee ilaalaman biratti gaaffiifi komii hawaasaa ta’aa kan jiru ta’uu,
* Hojii dhabeeyyii hojiitti galchuu wajjiin walqabatee, gurmeessuu, calallii taasisuuniifi yeroon fandiifi bakka hojiif barbaachisu adda baasuun hojiitti galchuu irratti komiin kan jiru ta’uu,
* Rakkoo mana jireenyaa furuuf qajeelfama mootummaan naannoo baasee godinaalee, magaalotaafi aanaalee hunda biratti haala walfakkaatuufi qaama dhimmi ilaalu fayyadamaa taasisuu irratti bifa walfakkaatuun hojjechuufi hogganuu irratti hacaatiin kan jiruufi komiin kan dhaga’amu ta’uu,
* Kenninsa tajaajila hawaasni argachuu qabu karaa haqa qabeessa ta’een argachuurratti ammallee rakkooleen kan jiran ta’uu. Fkn, tajaajilaan walqabatee rakkooleen qaamolee mootummaa kanneen akka Manneen Murtii, Poolisii, Bulchiinsa Manneen Sirreessaafi Abbaa Taayitaa Geejjibaa keessatti mul’atu bu’uuraan kan hin hiikamne ta’uu,
* Haaromsa gadi fagoo ilaalchisee sadarkaa hundatti karaa guutuu ta’een, bifa walfakkaatuun gaggeeffamuu dhabuufi hoggantoonni quuqama ummataa hin qabne ammaallee darbee darbee kan jiran ta’uu.
Akka waliigalaatti, hojii hordoffiifi too’annoo daawwannaa dirreetiin adeemsifame kanarraa bu’aalee argaman;
* Gabaasa raawwii hojii walakkaa waggaa seektaraaleen mootummaa dhiyeessan hojiiwwan hojjatamaniifi hin hojjatamin qabatamaan mirkaneessuun, dhimmoota dogoggoraa gabaasa keessatti hammataman sirrssuun duub deebii kennuun itti dhiyeenyaan akka hordofamaniif kan gargaare ta’uu,
* Ammallee rakkoolee bulchiinsa gaarii ta’uun dhimmoonni hawaasa mufachiisaa jiran xiyyeeffannoo addaa akka argatan carraa kan uumee fi waltajjii guddaa ta’uun kan nu fayyadde ta’uu;
* Rakkoolee gabaasa sobaa armaan dura kallattii garaagaraan seektaraalee mootummaa caasaalee gubbaa hanga dakaatti turan, hambisuun gaaffiiwwaniifi komiiwwan qaamolee hawaasaa garaagaraa kallattii kaasuun dhageettii akka argatuufi dhugaan hawaasaa akka dubbatamuu gochuun sirni itti gaafatamummaa akka hojiirra oolu fi iftoominni akka uumamu karaa kan saaqe ta’uu;
* Karoorri fi raawwiin hojii mootummaa walakkaa waggaa maalirraa akka jiruufi itti fayyadamni baajata bara 2010 sirnaan hojiirra oolaa jiraachuu isaa addaa baasuun kan itti danda’ame dha.

 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001821820
Har'a/TodayHar'a/Today2415
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday5320
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week12400
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1821820

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.