Buqqaatota daandii jireenyaa waaraa qabsiisuuf xiyyeeffannaan hojjetama

20 Apr 2018

Rakkoolee hawaasummaa naannoo Oromiyaatti baranaa mudataniin hojiileen misoomaa karoorfaman hedduun hinhojjetamne. Rakkoolee mudatan keessaas buqqa'uun lammiilee Oromoo naannoo Somaalee Itoophiyaa jiraachaa turanii isa tokko. Rakkoo kanaan walqabatee hawaasni biyyattii hedduun buqqaatota dandamachiisuuf birmateera.

Tibbana gabaasni raawwii karoora baatiiwwan ja'an darbanii mootummaa naannichaa yaa'ii caffee 7fa irratti dhiyaateefi xiyyeeffannaa miseensota caffichaa keessaa tokko dhimma lammiilee Oromoo naannoo Somaalee Itoophiyaarraa buqqa'anii ture.

Lammiilee Naannoo Somaalee Itoophiyaatii buqqa'an kuma 700 ol deebisanii dhaabuuf hojiileen hojjetaman boonsaa ta'anillee hojiilee misoomaa yeroon akka dhaabbatan ta'eera jedha gabaasi dhiyaate. Gabaasicha kan dhiyeessan Pirizedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaa akka jedhanitti, mootummaan naannichaa isaan buqqa'an deebisanii dhaabuuf sochii eegaleen ummata alaafi biyya keessaa hirmaachiseera.

Kunimmoo tokkummaa ummataa kan cimse ta'uudha kan himan. Buqqaatota kanneen deebisanii dhaabuufi jireenyaa idileesaaniitti deebisuuf ibsii akka kennamuuf miseensota caffichaarraa gaaffii dhiyaateef deebii bal'aa kennaniiru.

Akkasaan jedhanitti, karoora naanichaatiin ala bara darbes ta'e barana ongee, buqqa'uu ummataafi kanneen biroon kan mudatan ta'uu ibsan.

Hojiilee karooraan qabaman hojjechuuf wayitaa qophaa'amaa jirutti rakkoon kun naannicha mudatee boqonnaa akka dhorke dubbatu. Dhimma buqqaatotarratti hojii bal'aan kan hojjetame ta'us ummanni buqqa'e hinrakkanne jechuu akka hintaane eeru.

Abbootii qabeenyaa, ummataafi mootummaa dabalatee qaamoleen hawaasaa biroon hirmaannaa guddaa taasisuudhaan hojii cimaa akka hojjetan ibsan.

Akkasaan jedhanitti, hojiin buqqaatota deebisanii dhaabuu kan taa'ee ilaaluuf waan salphaa fakkaatuyyuu, nama kuma 700 jechuun, jaarsaa qabee hanga daa'imaatti namoota jiran baatiiwwan saddeetiif jiraachisuun baay'ee ulfaataadha.

Mootummaan naannichaa rakkoo hangana ulfaatu baatee jiraachuunsaa mootummaa cimaa ta'uu kan nu hubachiisuudha jedhan. Baatiiwwan saddeetiif nyaata dhiyeessaa, fayyaasaanii, kunuunsa xiinsammuun walqabatee deeggarsii taasifaman mootummaan naannichaa cimaa ta'uu kan ibsuudha jedhu.

Namni qe'eesaarraa buqqa'ee waantonni baay'een kan mudataniifi amalallee jijjiirrachuu akka danda'uudha kan ibsan. Kanarrattis rakkoon kan mudachaa jiru ta'uufi rakkochis guyyaa tokkollee keessa oolanii kan bulan miti.

Ta'us, hirmaannaa ummataafi tuma ummati taasiseen baatii hanga kana jiraachisuu qofa mitii, jireenya waaraa akka qabaataniif baay'eesaanii qubachiifamaa akka jiran dubbatu. Fuuldurattis yeroo gabaabaa keessatti qubachiisuudhaan ni xumurama jedhamee akka yaadamuudha kan himan.

Hanga ammaattii jireenyasaaniif kan barbaachisu fedhii manaa guutuu ta'ee fuulduratti akka ofdanda'an gochuudha. Kanumaan walqabatee maqaa ummata buqqa'eetiin maallaqni walitti qabame tokkoyyuu dhimma biraa kamiifiyyuu akka hinoolle eeran.

Akkaataan baasiifi galii maallaqaa walitti qabamuu sirna ifaa ta'ee kan qabuufi maallqa miliyoonaan walitti qabame waan ta'eef nuuf haa qoodamu kanneen jedhan jiraatanis maallaqichi utuu qoodamee kan walhingeenye ta'uu himu.

Utuu maallaqa walitti qabame kana qooduudhaan keessaa ba'uun ni danda'ama ta'eetii gaarii ture kan jedhan Obbo Lammaan, qooddiidhaan qarshiin kumni 40 ykn 50 walhinga'u jedhan.

Kanaaf, dhimma kana gadi fageenyaan ilaaluun murteessaadha. Ummannis tumsasaa cimsuudhaan buqqaatota kanneen deebisanii dhaabuu akka qaban himan.

Ummanni buqqa'e dadhabbiifi yaalii mootummaafi ummata naannichaa hubachuun barbaachisaadha. Ummata buqqa'e ganamaafi galgala akka daa'imaatti gargaaruun kan hindanda'amne waan ta'eef buqqatonni of dhaabuuf tattaaffii mataasaanii kan barbaachisuudha jedhan.

Yeroo ammaas magaalaa qofa utuu hintaane baadiyyaatt kanneen qubsiifamaa jiran ta'uufi kunimmoo namoota tokko tokko biratti 'deemoogiraafii' magaalaa jijjiiruuf shakkiin jiru qabatamaa miti jedhan.

Kanumaan walqabatee dogoggorootaafi seera cabsuu mudatan calliffamee kan hinilaalamne ta'uu tuqan. Kanneen seera cabsanirratti tarkaanfii seeraa fudhachuu, dogoggorawwan uumamaan akkaataa sirraa'uu danda'aniin kan hojjetan ta'uullee hubachiisan.

Ammaan booda madaa ummata miidhamee dhoksuudhaan utuu hinta'in nagaadhaaf hojjechuun barbaachisaa akka ta'e ibsan.

Nagaa buusuudhaan hariiroo hawaasummaa ummata naannolee lamaanii cimsuun akkuma kaleessatti waliin akka jiraataniif hojjechuun nurraa eegama jedhan. Kana jechuun ummanni kaleessa buqqa'ee bakkasaa duraaniitti deebi'uu qaba jennee dirqisiisuuf akka hintaane eeranii, har'as ta'e boru bakka fedhan jiraachuuf mirga guutuu kan qaban ta'uu eeru.

Hunda caalaa summii ummatota kanneen gidduutti gatamee, ummatoota lamaan gargar baasuuf yaadame keessaa baasuun obbolummaasaanii cimsuun dirqama hundaa ta'uu hubachiisan.

Walumaagalatti, hawaasa Oromoo Naannoo Somaalee Itoophiyaarraa buqqa'e deebisanii dhaabuun dhimmoota hawaasummaa keessaa isa ijoodha.

Rakkooleen isaan mudatan kan fedhiisaaniin quunname waan hintaaneef, ummata dirqamee buqqa'e deebisanii dhaabuun dirqama lammii hundumaati. Kanaafis dhaabbileen mootummaan, mitmootummaafi ummanni waldeeggaruun hojiilee deebisanii dhaabuufi horiiroo ummatoota lamaan gidduu jiru cimsuun jireenya hawaasummaa waaraaf murteessaadha.

Dabalaa Taaddasaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001819043
Har'a/TodayHar'a/Today4958
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3589
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week9623
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1819043

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.