Barnoonni ga'eessotaa, lammii barreessuufi dubbisuu danda'u horachuufi Featured

04 May 2018

Barnoota ga'eessotaarratti hunduu dhimmamuu qaba

Utuu barnoonni ammayyaa hinbabal'atiniin dura, abboonni keenya barnoota ga'aa hinarganne. Akka har'aas haalliifi sirni ture barnootaaf mijataa waan hintaaneef, barnoota ga'aa hinarganne. Kanneen jalqabanii utuu galma hinga'in addaan kutan, kanneen gara mana barumsaatti miillisaanii hinargaamnes hedduudha.

Kun utuu kanaan jiruu garuu nuti hinbaranne jedhanii ijoolleensaanii mana barnootaatti erguu hindhiifne. Mi'a barnootaa waan beekaniif akka barataniif carraa argame hundaan deggeruu akka baratan taasisaniiru.

Yeroo sana, abbootiin utuu hinbaratiin lammiilee har'a carraa barumsaa bal'aa argatan kanneen utubaa waan turaniif, carraan har'a argame bu'aa qabsoosaanii keessa qooda akka qabaataniif barnoonni ga'eessotaa akka babal'atuuf mootummaan xiyyeeffannaa kennee sochii erga eegalee oolee buleera.

Barnoonni bu'uuraa akkuma waan hundaa ta'e, ga'eessonni hinbaratiin lammii barate horatan carraa kanatti gargaaraamanii barnoota isaan darbe kan bu'uura dubbisuufi barreessuu ta'uuf akka argatan, barnoonni kun naannolee hundatti babal'achuun ga'eessota hedduu kanneen hubachuu, barreessuufi dubbisuu danda'an horatamaa jiru.

Yeroo lammiilee hundaa barnoonni akka ga'uuf tattafatamaa jiru kanatti, carraa barnootaa walgitiinsa qabu babal'isuudhaan lammiileen miliyoona saddeetii ol Oromiyaatti barnoota hordofaa jiru.

Oromiyaatti lammiileen hundi carraa barnootaa akka argataniif sochiin gama hundaan taasifamaa jiru bal'aa yoo ta'elle, qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni hedduun carraa barnootaa argachaa hinjiran. Isaanis carraa barnoota ga'eessotaa gochaarratti xiyyeeffatee argachuurratti raawwiin jiru gadaanaa ta'uudha gabaasni raawwii karooraa ji'a ja'aa naannichaa walga'ii caffee torbaffaarratti dhiyaate kan mul'isu.

Pirizidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaa akka jedhanitti, ga'eessota kanneeniif xiyyeffannaa kennuun barbaachisaa ta'uudha kan hubachiisan. Innis sochii hawaas-dinagdee naannichaa keessatti geggeeffamaa jiruun ga'eessota dubbisuufi barreessuu hindandeenye qabachuun guddina dinagdee akkasumas qonna ammayyessuun akka hindanda'amneedha kan eeran.

Kanaaf barnoota ga'eessotaa babal'isuudhaan qonnaan bulaa hinbaranne barsiisuun yoo xiqqaate barreessuu yookaan dubbisuu akka danda'an gochuu barbaachisa jedhan. Kanaafis tumsi qaamolee hundaa bakka olaanaa qabaata.

Hogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo ibsa cafficharratti kennaniin akka jedhanitti, Oromiyaa keessa ga'eessonni miliyoona 7.7 barreessuufi dubbisuu hindanda'an. Kana jechuun namoota barreessuufi dubbisuu hindandeenye qabannee waa'ee misoomaa, nageenyaa, fayyaa sadarkaa barbaadamuun ga'uun rakkisaa akka ta'e ibsu.

Akka biirichaatti barumsicha sadarkaa barbaadamuun ga'uuf rakkoo kan ta'e dhimmamni seektaroota naannochaa hojichaaf mijaa'oo ta'an gahaa waan hintaaneefi bakka ga'eessonni baay'inaan argamanitti bakki itti barsiisan mijataa waan hintaaneef sadarkaa barbaadameen ga'uu akka hindandeenyeedha kan ibsan.

Rakkoo kana bu'uurarraa furuufis biriichi wixinee seektarootaa akka fayyaa, qonnaafi barnoonni leenjii teknikiifi ogummaafi seektaroonni biroon akka hojii kanarratti hirmaataniif dirqisiisu qophaa'uudha kan ibsan.

Dabalataanis, baasii barnoota ga'eessotaatiif barbaachisu akka ramadan kan taasisuudha jedhan. Fakkeenyaaf qonna keessatti giddugala leenjii qonnaan bultootaa, fayyaa keessatti ammoo ekisteenshiniin fayyaa bakka leenjii waan qabaniif wixineen kun yoo hojiirra oole ga'eessonni miliyoona 7.7 yeroo gabaaba keessatti barnoota bu'uuraa akka argatan gochuuf ciminaan irratti hojjetamaa jira jedhan.

Walumaagalatti, barnoota gocharratti xiyyeeffate ga'eessotaan ga'uun bu'uura waan hundaati. Ga'eessonni hedduun kanneen barnootaa ammayyaa hinarganne, barnoota bu'uura dandeettii barreessuufi dubbisuu akka qabaatan isaan taasisu akka argatan gochuun barbaachisaadha.

Kunis dandeettii waa barreessuufi dubbisuu yoo qabaatan rakkoo isaan mudatu yookaan maatiisaanii qunnamu keessaa baasuu danda'a. Kana malees, meeshaalee qonnaa kanneen qajeelfama dubbifamu qaban dubbisanii hubachuun sirnaan akka itti gargaaramaniif barnoonni ga'eessotaa gochaan deeggaramee murteessaadha.

Kanaaf seektaroonni barnoota kana salphaatti dhaqqabsiisuu danda'an kanneen akka seektara fayyaa, qonnaafi kanneen biroon dhimmamanii lammiilee barreessuufi dubbisuu hindandeenye ga'oomsuuf ciminaan hojjechuu feesisa.

Dabalaa Taaddasaatiin

 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001819058
Har'a/TodayHar'a/Today4973
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3589
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week9638
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1819058

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.