Konkolaataawwan shiboo tulluuwwaniifi bowwaarra gulufan Featured

12 Jun 2018

Barri kan dhaabatu miti. Ni deema; ni dhufa; ykn jijjiiramaadha. Barri wayita jijjiiramu ammoo wantootni haaraa mul’achuunsaanii kan hin oolledha; mul’achaas jiru.

Keessumaa ammoo jaarraa 21fa kana keessa qaroominni biyyoota addunyaa haalaan babal’achuu waan danda’eef, jaarraa saayinsiifi teknolojiin daran itti dagaagedha jechuun ni danda’ama. Kunimmoo misoomni hawaas-dinagdeefi siyaasa biyyoota addunyaa haalaan si’ataa akka deemu gochuurra darbee haalota bu’aa bahii jireenyaa keessatti ulfaatoo ta’an karaa salphaan galma akka gahan taasiseera jechuudha.

Biyyoota addunyaa guddina dinagdeetiin beekaman keessaa Chaayinaan ishee tokko yoo taatu, wayita ammaa misooma gama hundaan milkeessuu dandeesseetti. Bu’uuraaleen misoomaa kutaalee bulchiinsotashees qindaa’aa waan ta’eef daran kan raajeffatamaniidha.

Kutaalee bulchiinsaa gurguddoo 27 biyyattiin qabdu keessaa Hunaan tokko yoo ta’u, Chaayinaa Giddugaleessa Kibbaa keessatti kan argamtuudha. Chaangishaan magaalaa guddoo kutaa bulchiinsa kanaati.

Kutaalee bulchiinsaa Chaayinaan qabdu keessaa adda kan ishee taasisu ammoo kutaa siidaan Maa'oo Zadoongi itti argamuudha. Maa’oo Zadoongi nama si'a jalqabaatiif ALA bara 1949tti Chaayinaa haaraa hundeesseedha. Hanga har’aatti Maa’oon lammiilee Chaayinaa hunda biratti jaalatamaadha. Chaayinootni nama kana fakkeenya godhachuun halkaniifi guyyaa kutannoon hojjetu.

Keessumaa ammoo kutaa bulchiinsaa kana keessatti iddoowwan seenaa qaroominaafi jijjiirama misooma Chaayinaa calaqqisiisan hedduun kan jiran yoo ta’u, kanneen keessaa Paarkiin Biyyoolessaa Zanjaajee isa tokko.

Paarkiin kun kutaa bulchiinsa Hunaan gara kaabaatti kan argamu yoo ta’u, Magaalaa Zanjaajeerraa kiiloo meetira 32 fagaata. Bal’inni paarkii kanaa hektaara kuma afuriifi 810 ta’uu ragaaleen bulchiinsa paarkichaa ni addeessu.

Paarkiin kun ALA bara 1982tti paarkii biyyoolessaa Chaayinaan qabdu keessaa yeroo jalqabaatiif beekamtii kan argate yoo ta’u, bara 1992 ammoo wiirtuu uumamaan badhaadhe waan ta’eef yuneskootti galmaa’eera.

Paarkiin Zanjaajee kun bal’aafi wantoota dinqisiisoo waan of keessatti hammateef, iddoo qabeenya magariisaa (green treasure house) jedhamuun beekama. Uwwisi bosonasaa %98 yoo ta’u, tulluuwwaniifi bowwaa kuma saddeetii ol kan qaba.

Tullootni kunneeniifi bowwaan paarkicha keessa jiran asii achi yoo ilaalaman waan sosocho’an fakkaatu; bira gahuun ol yoo ilaalanis kan namarratti kufan waan fakkaataniif nama sodaachisu.

Haalli teessuma tulluuwwaniifi bowwaa paarkicha keessaa haalaan dinqisiisoo waan ta’aniif lammiilee Chaayinaafi biyyoota alaatiin itti fufiinsaan daaw'atamaa tureera; wayita ammaallee namoota kumootaan guyyaa guyyaatti daaw'atamaa oola.

Guyyaatti yoo xiqqaate lammiilee Chaayinaa kuma tokko ta’aniin kan daaw'atamu paarkichi, giddugalaan Afrikaanonni 300s kan daaw'atan ta’uudha kan odeeffanne.

Teessumni lafa paarkichaa imalaaf daran rakkisaa waan ta’eef geejiba lafarraaf mijataa miti. Kanarraa kan ka’e mootummaan Chaayinaa maallaqa guddaa ramaduun tulluuwwaniifi bowwaa achi keessa jiran walqunnamsiisuuf hojii bal’aa hojjechuun itti milkaa’uu danda’eera.

Kunis, konkolaataawwan shiboo ('Cable Cars') tulluuwwaniifi bowwaa paarkichaa gamaa gamanaan walqunnamsiisan hojiirra oolchuun misooma paarkichaa si’eessuu danda’eera. Kunimmoo turistootni salphumatti wantoota uumamaa paarkicha keessatti argaman kanneen akka bineensota bosonaa addaddaa, dhagaawwan uumamaa, teessuma lafaa, gaarrewwaniifi bowwaa gadi fagina qaban daaw'achuun akka dinqisiifatan taasiseera jechuudha.

Konkolaattotni shiboo kunneen turistoota gara paarkichaatti ceesisuuf kan tajaajila geejibaa kennan yoo ta’u, tokko tokkoonsaanii nama jaha fe’u. Ariitii waan qabaniif kiiloo meetira 30 imaluuf daqiiqaawwan saddeet qofa isaanitti fudhata. Konkolaattota kanneenirra taa’anii asii gadi gara dachee yoo ilaalan waanuma bowwaan nama fudhatu fakkaata. Shiboon konkolaattotni kunneen irra deeman amansiisaa waan ta’eef lubbuu turistootaatiif sodaachisaa akka hintaane hubanneerra.

Egaa, misooma paarkii kanarraa waan hedduu barachuun kan ni danda’ama. Gammajjii geejibaaf rakkisaa ta’e keessatti tooftaadhaan teknolojiitti dhimma bahanii misoomsinaan qabeenya guddaa horachuun danda’amuuusaati. Biyya keenyatti iddoowwan misoomuu danda’an, garuu ammoo sababooa addaddaatiin dagatamanii jiran wiirtuu turizimii gochuun murteessaa ta'uutu natti mul'ate.

Kanaafuu, qaamoleen dhimmi ilaallatu irratti hojjechuu qabuun dhaamsa kiyya.

Takkaalliny Gabayyootiin

 



Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001426543
Har'a/TodayHar'a/Today120
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1643
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week1763
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month88120
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1426543

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.