Walmorkii Waancaa Konfedereeshina 'Tootaalii' Kubbaa Miilaa Afrikaa ALA bara 2017 adeemsifamu tapha gulaalaa duraa kan Dilbata darbe Finfinneetti adeemsifameen Raayyaan Ittisaa kilaba Kaameerun Yoongi Ispoorti Akkaadaamii jedhamu 1-0n mo'achuu danda'eera.
Waggootan arfan darban keessatti yeroo sadii walmorkii ardii Afrikaaf kan dhiyaate Raayyaan Ittisaa, kilaba Keeniyaa E.EF.Sii Li'oopaardiis 4-1n, kilaba Misiri Al-Maaqsaan 6-1n, mo'amuun tapha marsaa duraatiin gulaalaa ala ta'uunsaa kan yaadatamuudha.
Kilabni kun Itoophiyaa bakka bu'uun walmorkii Konfedereeshina Kubbaa Miilaa Afrikaa kanaaf kan dhihaate shaampiyoonaa kilaboota Itoophiyaa bara darbee adeemsifameen lammaffaa ta'uun xumureeti. Bara kanas biyyattii bakka bu'uun walmorkii kanarratti hirmaachuuf carraa argachuunsaa beekameera.
Kilabni Yoongi ALA bara 2004 kan hundeeffame yoo ta'u, walmorkii Waancaa Konfedereeshina Kubbaa Miilaa Afrikaarratti yeroo maahessaaf kan dhihaate ALA bara 2014 ta'uus beekameera.
Kilabichi shaampiyoonaa kubbaa miilaa kilaboota biyyattii bara darbe adeemsifameen sadarkaa lammaffaa argachuudhaan yoo xumuru kan baranaa kanatti ammoo sadarkaa sadaffaarratti argama.
Tashoomaa Qadiidaatiin