“Itoophiyaan dhuguma biyya atileetota goototaati” - Viiviyaan Cheeyiroot Featured

01 Dec 2017

Finfinnee: Gosawwan ispoortii addunyaarratti jaalatamaafi hordoftoota baay'ee qaban keessaa adda dureen ispoortii atileetiksiidha. Gosa ispoortii kana keessaa taphawwan olompikii, shaampiyoonaa atileetiksii addunyaafi dorgommiin qaxxaamura biyyaa waltajjiiwwan gurguddoo ispoortichi irratti keessummeeffamudha.

Gosawwan ispoortii atileetiksii waltajjiiwwan kanneenirratti adeemsifaman keessaa dorgommiin maaraatoonii, fiigichoonni fageenyaa meetira kuma kudhanii, kuma shaniifi kuma sadii akkasumas, dorgommiin qaxxaamura biyyaa baay'ee dhadabsiisaafi abdii nama kutachiisuudha.

Haata'u malee atileetonni ciccimoon waltajjiiwwan kanarraa biqilaniifi addunyaarratti maqaa olaanaa galmeesisan hedduudha. Keessumaa wayita dorgommiiwwan armaan olitti eeraman kunneen adeemsifamanitti qalbii hawaasa addunyaa hawataa kan turan atileetonni Keeniyaa yeroo baay'ee tartiiba galuudhaan dorgommii xumuruun beekamu.

Atileetota Keeniyaan horattee addabaabaayiiwwan addaddaarratti ishee waamsisaa turaniifi ammas waamsisaa jiran keessaa gootittiin atileetiksii Viiviyaan Jeekimii Cheeyiroot adda dureedhaan tan waamamtudha.

Viiviyaan ALA Fulbaana 11 bara 1983 Sulula Keeniyaa, iddoo Kii'eeyyuu jedhamutti dhalatte. Dorgommii atileetiksiirratti hirmaachaa turuun garee biyyaaleessaa atileetiksii Keeniyaatti kan makamte umrii 15fa isheetti ture.

Viiviyaan dorgommiiwwan atileetiksii biyyooleesaarratti Keeniyaa bakka bu'uun hirmaachuun meedaaliyaawwan 28 mormatti dirateetti. Kunneenis warqii 12, meetii sagaliifi nahaasa torbadha. Meedaaliyaawwan kunneen kan argaman dorgommiiwwan olompikii, shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaafi dorgommiiwwan qaxxaamura biyyaarratti malee kanneen mana keessaafi biyya keessatti argaman hindabalatu.

Viiviyaan shaampiyoonaa atileetiksi addunyaa ALA bara 2011 Koriyaa Kibbaa magaalaa Deeguutti adeemsifameetti fiigicha meetira kuma kudhanifi kuma shaniin tokkoffaa ba'uun meedaaliyaa warqii lama argateetti. Chaayinaa magaalaa Beejingitti ammoo fiigicha meetira kuma kudhaniin warqii argateetti.

Akkasumas, Olompikii Landanirratti fiigicha meetira kuma shaniin atileetota beekamoo Itoophiyaa Masarat Daffaariifi Xirunash Dibaabaa gidduu galuudhaan meedaaliyaa meetii argachuun ishee kan yaadatamuudha.

Olompikii Riyoo bara 2016 Biraazilitti adeemsifameetti ammoo fiigicha meetira kumaa kudhaniin Almaaz Ayyaanaatti aantee lammaffaa baatus, kuma shaniin ammoo Almaaziin ofduuba galchitee meedaaliyaa warqii fudhatteetti.

Gootittiin atileetiksii tun keessummaa Itoophiyaa ta'uudhaan dhuma torban darbee Finfinnee dhuftee fiigicha olaanaa Itoophiyaarratti argamteetti. Gaazeexaan Bariisaas atileetii tana waliin turtii taasiseera.

Akka isheen jetteetti Itoophiyaa kan dhufte yeroo jalqabaaf yoo ta'u, gara Finfinnee kan dhufte affeerraa Waajjirri Fiigicha Olaanaa Itoophiyaa dhiheesseefiin ta'uu himti. Affeerrichas gammachuu guddaadhaan fudhachuusheefi biyyoo morkattoota ishee yeroo jalqabaa ijaan arguuf carraa argachuusheetiin akka gammadde dubbatti.

Atileetonni Itoophiyaafi Keeniyaa hiriyyoota qofaa miti; akka obbolaatti walmararra kan jettu atileetiin tun, kunis, Afrikaanota ta'uusaanii malee ollaa ta'uun walitti dhiheenyasaanii cimsuu himti. Wantoota tokko isaan taasisan keessaas wayita dorgommiiwwanii walgargaaruu isaanii ta'uu eerti.

Yeroo baay'ee atileetonni Itoophiyaafi Keeniyaa Afrikaaf filamuudhaan waltajjiiwwan atileetiksii addunyaarratti walmaddii hiriiruudhaan meedaaliyaawwan hedduu gara Afrikaa akka galu taasisaniiru jetti.

Kanaafis akka agarsiisaatti Haayilee G/Sillaaseefi Poolteergaat, Daraartuu Tulluufi atileetonni Keeniyaa biroo Ardii Afrikaa bakka bu'uun meedaaliyaawwan warqii argamsiisaniiru; kana caalaa obbolummaan jiraaree jechuun gaafatti Atileet Viiviyaan.

Atileetonni Itoophiyaafi Keeniyaa maanaajara qabaachuusaaniifi wayita dorgommiif biyyaa alaa deeman Hoteela tokko keessa akka galan eertee, walitti dhihaachuunis, waa'ee dorgommii irratti hirmaatanii akka atileetota kilaba tokkotti waliin akka mari'ataniifi walgargaaran eerti.

Yeroo baay'ee dirreewwan atileetiksii atileetonni Itoophiyaafi Keeniyaa irratti hinhirmaanne miidhagina hinqabu kan jettu Viiviyaan, kun ammoo yeroo mara fiigichawwan meetira kuma kudhanii, kuma shanii maaraatoniifi kan kuma sadiitiin sadarkaa olompikiittis ta'u shaampiyoonaawwan adda addaatti meedaaliyaawwan kan galan Afrikaatti ta'uusaatiini jetti.

Yeroo baay'ee wayita dorgommii biyyooleessaaf gara biyyaa alaa deemuuf qophooftu hiriyyoota ishee kanneen akka Xirunash Dibaabaa, Masarat Daffaar, Galatee Burqaa, Ganzabee Dibaabaafi Almaaz Ayyaanaafaa ilaalcha keessa galchudhaan kan qophoftu ta'uufi, Itoophiyaanoonnis atileetota Keeniyaa ilaalacha keessa galchuun akk aqophaa'aan addeessiti.

Dhuguma Itoophiyaan biyya atileetota gootootaatti” kan jettu atileetiin tun, kanaaf ammoo ragaa kan ta'u fiigicha olaanaa Itoophiyaatti kanarratti atileetota beekamoo qofa osoo hinta'iin ummanni kuma 44 olitti shallagamu hirmaachusaanii ta'uu eerti. Qilleensi biyyattiis atileetotaaf mishaa ta'usaatti yeroo hedduu atileetonni biyyoota alaa asitti shaakalu jechuu dhaga'uusheefi biyyattii akkuma dhageesse ta'uusheefi haala gaariidhana keessummaashee akka keessummeessituus ibsiteetti.

Guyyaa Itoophiyaa seente irraa kaasee xinnaa guddaan ishee simachuudhaan kabaja isheef kennuusaaniitii ummata biyyattii galateeffattee, fuulduratti carraa yoo argatte deebitee akk adhuftu ibsiteetti.

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000803761
Har'a/TodayHar'a/Today1830
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3718
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week6364
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month43301
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days803761

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.