'March 8': Guyyaa dubartoonni addunyaa sagaleesaanii dhageessisan Featured

10 Mar 2018
 Koloneel Atileet Daraartuu Tulluu Koloneel Atileet Daraartuu Tulluu

Finfinnee: Uumama dhala namaa keessatti dubartoonni ulfinaafi bakka olaanaa qabaachuun isaanii beekamaadha. Haa ta'u malee bakkiifi kabajni isaan qaban sababoota addaddaatiin laafaafi dhiibbaan irra qaqqabaa tureera.
Kanaanis dubartoonni cunqursaa, saamichaafi sarbamuu mirgaa hadhaawaa keessa jiraachuuf dirqamanii turan. Keessumaa dubartoonni biyyoota hinguddanne keessa jiran rakkoo kanaaf daran saaxilamoo turan.
Akkuma cunqursiifi gadi qabaan isaan irratti adeemsifamu hammaataafi hadhaawaa dhufenis dubartonni harka maratanii taa'uu hinfilanne; karaa adda addaatiin bilisuummaa isaaniitiif qabsoo taasisuuf carraaquun isaanii hinhafne.
Dubartoonni damee damee irra jiraniin hacuuccaa irra jiru cabsanii ba'uuf carraaqqii isaan taasisan bu'aa barbaadamu hinargamsiisin tureera. Ta'us waggoota 107 dura, ALA bara 1911 magaalaa guddoo Deenmaarki, Koppan Haaganitti ifatti mul'ate.
Guyyaan kun Guraandhala 29 “March 8” Guyyaa Dubartoota Addunyaa jedhamuun kan ayyaaneeffatamuudha. Guyyichatti Kilaaraa Zetiikiin qabsooftuun hangafni dubartoota ishee wajjiin warshaa uffataa keessa hojjetan qindeessitee hiriira baasuudhaan dhaadannoo “Hojii wal qixxeef miindaa walqixxee” jedhu qabattee sodaafi shakkii tokko malee waltajjiitti baate dubbatte.
Guyyaan kun guyyaa dubartoonni haqa isaaniitiif afaan isaanii guutuu gaaffii dhiheessan waan ta'ef waggoota 107n darbaniif biyyoota addunyaa maraatti ayyaaneeffamaa tureera.
Guyyaadhuma dubartoonni Addunyaa golaa bahanii dhiiroota qixa addabaabaayiirratti mul'atan kana sababeefachuudhaan gootittii ispoortii atileetiksii Koloneel Atileet Daraartuu Tulluu haasofsiisneerra.
Kilaaraan dubartootaa addunyaa warshaalee adda addaa keessa hojjetan dirreewwan qabsoorratti akkuma baaste, Atileet Daraartuunis atileetoota dubartoota Afrikaa dirreewwan atileetiksiirratti hidhata ispoortii uffachuun qaanii tokko malee akka hiriiran taasisuun seenaa yoomiyyuu hindagatamne hojjetteetti.
Daraartuun ALA bara 1984 Olompikii 25ffaaf Ispeen, Baarseelonaatti adeemsifameetti fiigicha meetira kuma 10n yeroo jalqabaaf hirmaachuudhaan Itoophiyaafis ta'u Afrikaaf meedaaliyaa warqii duraa argamsiisuun dubartoonni Afrikaa ummata addunyaa biratti cimina qaban mul'istedha.
Akkasumas, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa kan bara 1985 Kubaa, Haavaanaatti adeemsifameetti Afrikaa bakka bu'uudhaan fiigicha meetira kuma kudhaniifi kuma sadiin tokkoffaa ba'uun mo'achuusheetti waancaafi meedaaliyaa warqii argamsisteetti.
Kanumarraa ka'udhaan Gamtaan Afrikaa, Waldaan Federeeshinii Atileetiksii Afrikaafi Mootummaan Itoophiyaa badhaasa adda addaa badhaasaniiruun.
Olompikii Siidinii kan bara 1992 Awustiraaliyaatti adeemsifametti fiigicha meetira kuma kudhaniin tokkoffaa ba'uun wayita badhaafamuuf waltajjirratti baatu alaabaan Itoophiyaa ol kaatee yommuu talliftuufi faaruun ishees addunyaarratti daangaadhaa hanga daangaatti yommuu dhaga'amu imimmaan ishee dhangalaasuudhaan jaalala biyyaaf qabdus dhoksu hindandeenye.
Yeroo hundaa gammachuun fuulasheerraa kan hindhabamne Atileeti Daraartuun Olompikii Ateensi kan Girikitti bara 1996 adeemsifamettis fiigicha meetira kuma kudhaniin sadaffaa ba'uudhaan meedaaliyaa nahaasaa argamsisteetti.
Shaampiyoonaawwan atileetiksi addunyaa, dorgommiiwwan qaxxaamura biyyaa, fiigicha maaraatooniifi walakkaa maaraatoonii, Taphawwan Afrikaa guutuufi shaampiyoonaa atileetiksi Afrikaarrattis Itoophiyaa bakka bu'uun dorgomtee mo'annaa boonsaa galmeesisuudhaan atileeti duraati.
Bu'uuruma kanaan seenaan ishee dhaloota har'aafi gara fuula duraa biratti akka hinirraanfatamne Mootummaan Itoophiyaafi Naannoon Oromiyaa maqaasheetiin mana barumsaafi addabaabaayii moggaasaniiru.
Kana malees, mootuummaan biyyattii muudama hanga sadarkaa Koloneelaa, Kollejoonni barumsaa biyya keessaafi biyya alaa ammoo doktireeti kabajaa kennaniiruuf.
Daraartuu Tulluu ammaan tana invastimantii adda addaarratti hirmaachuudhaan lammiileeshee keessumaa dubartoota harka qaleeyyiifi baratanii hojii dhabuun rakkachaa jiran hojii qabsiisuun mataasaanii, maatiisaaniifi biyyasaanii akka gargaaran taasisaa jirti.
Daraartuun amma dorgommii dhaabdus Koree Olompikii Biyyaaleessaa Itoophiyaafi Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa keessatti hirmaachuurratti argamti. Kana malees, dhaabbilee tola ooltoota cinaa dhaabbachuudhaan hojiiwwan hawaasummaarratti hirmaachaa akka jirtuufi daa'imman, dubartootaafi manguddoota daandiirratti ba'uun gargaarsa lammiisaanii eeggatan gargaaraa akka jirtus tibbana ibsa gaazeexaa Bariisaaf kenniteen dubbatteetti.
Dubartoonni misooma biyyatiirratti hirchchuufi fayyadamuu eegaluusaanii eertee, waldaalee kanneen akka waldaa walgargaarsaa, qusannaafi liqii, waldaa gamtaa, yuuniyeeniifi kkftiin ijaaramuun dubartonni miiliyoonatti lakkaa'aman ofiifi maatiisaanii jijjiraa jiraachuusaanii himti.
Jijjirama kanaaf ammoo guyyaan dubartoota addunyaa “March 8” dubartoota biyyaa keenyaafis bu'aa buusaa jiraachuusaa addeessiteetti.
Guyyaan kun dubartoota keenyaaf bu'aalee hedduu gama dinagdee, hawaasummaafi siyaasaatiin gonfachisuusaa, keessumaa atileetoonni Itoophiyaa gama dinagdeetiin baay'een isaanii iddoo olaanaa ga'uusaaniifi kunis bu'aa 'March 8' ta'uusaa ibsiti.

Balballommii Oduu

 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001435284
Har'a/TodayHar'a/Today3244
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday5618
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week10504
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month96861
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1435284

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.