Dorgommii hidha guddichaaf adeemsifamurratti ummata miliyoonni tokko ni hirmaata

31 Mar 2018

Dorgommiin atileetiksii Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaaf galii walitti sassaabuuf karoorfame ji'a dhufu keessa Finfinneetti kan adeemsifamu ta'uu Koreen Galii Walitii Qabdu Biyyaaleessaa beeksise.

Dorgommiin kun yeroo jalqabaaf Ebla 21 bara 2010 kan adeemsifamu yoo ta'u, ummanni miliyoona tokko ni hirmaata jedhamee akka eegamu korichi ibseera.

Pirezidaantiin Federeeshina Atileetiksi Itoophiyaafi Bakka bu'aan korichaa Kumaalaa Hayilee G/Sillaasee akka ibsanitti, dorgommicha haala gaariidhaan adeemsisuuf koreewwan 19 hundaa'uudhaan hojjechaa jiru.

Dorgommiin kun dhaadannoo, “Abbayyaafan fiiga" jedhuun kan adeemsifamu yemmuu ta'u, hawaasni keenya hundi irratti hirmaachuudhaan ijaarsa hidha kanaaf gumaachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Shurraabiin dorgommiichaa qophaa'aa jiraa jedhanii, gatiin isaa qarshii 100 ta'uu dubbataniiru. Kanaaf, hunduu bitachuuf qophaa'uu akka qabu himaniiru.

Dorgommiin atileetiksii kun Waajjira Mana Maree hidhichaatti Koree Waltaasisaafi Hirmaannaa Hawaasaa, Federeeshina Atileetiksii Itoophiyaafi dhaabbilee adda addaa waliin ta'uun kan adeemsifamu ta'uu beekameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001641923
Har'a/TodayHar'a/Today2911
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7153
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week4328
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1641923

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.