Shaampiyoonaawwan atileetiksiitiif qophiin taasifamaa jira

29 Jun 2018

Shaanpiyoonaa atileetiksii dargaggoota addunyaa 17fa Adoolessa 3 hanga 8 bara 2010tti Fiinlaandi, Taapeeretti adeemsifamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu leenjisaan garee atileetiksii Itoophiyaa ibsan.

Leenjisaan garichaa Ireessaa Tolasaa Qottuu akka jedhanitti, hirmaattonni shaampiyoonichaa jalqaba baatii keessa jirru kanarraa eegalee bakka tokkotti walitti qabamanii shaakalaa jiru.

Itoophiyaan akaakuuwwan ispoortii atileetiksii adda addaarratti dhiirota 15fi dubartota 14n kan hirmaattu ta'uus eeranii, hirmaattonni hundi hundi sammuunis ta'e qaamaan sadarkaa gaariirratti kan argaman ta'uu beeksisaniiru.

Shaampiyoonicharratti dhiirotaan meetira kuma 1fi 500n atileet Saamu'eel Tafarraa, meetira kuma shaniin Salamoon Baaragaafi fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadiin Geetinnat Waalee, dubartotaan meetira kuma shaniin kan Girmaawit Gabragizaabeer akka hirmaatan ta'uu leenjisichi ibsaniiru.

Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif fiigicha gabaabaa meetira 400 ulee walharkaa fuudhuun korniyaa lameeniinu kan hirmaattu ta'uus Irreessaa Tolasaan himaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Itoophiyaan shaampiyoonaa atileetiksii Afrikaa 21fa dhuma ji'a Adoolessaa baranaatti Naayijeeriyaa, Magaalaa Kaasaabaatti adeemsifamurrattis atileetota 60n hirmaachuuf qophiin isheen taasisaa jirtu amansiisaa ta'uu leenjisaan garee atileetiksii, Irreessaa Tolasaa Qotuu addeessaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001642551
Har'a/TodayHar'a/Today3539
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7153
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week4956
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1642551

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.