Tasgabbiin Sudaan Kibbaa nageenya Itoophiyaaf qooda qaba Featured

10 Feb 2017

Yeroo tokko riphee yeroo tokko mul’ata. Yaadni araaraa dhiyaatus guddatee firii hinnaqatu. Miliyoonota qe’eesaaniirraa buqqiseera. Hedduun waan qaban gatanii biyya itti handhuuraman keessaa lubbuusaanii oolfachuuf biyya hanbaatti baqataniiru. Jeequmsi Sudaan Kibbaa lubbuun galaafatamuu namoota qulqulluu baay’eefis sababa ta’eera.

Mootonni addunyaa dhagahamummaa olaanaa qaban osoo hinhafin jaarsa araaraa ta’anii dhiyaataninis rakkinicha furuu hindandeenye. Sababiinsaas biyyittiin qabsoo hadhaa’aa waggoota 25 ol taasisteen bara 2011 rifirandamiidhaan Sudaanirraa adda baatee booda gosa Diinkaa keessaa Salvaa Kiir oggaa pirezidaantii biyyattii ta’u, gosa Nuyeerirraa Doktar Ri’aak Maachaar pirezidaantii ittaanaa ta’uun biyya bulchuu eegalan.

Ta’us akka yaadametti ummata biyyattii nageenyaafi dimokraasii dhandhamachiisuu hindandeenye. Kunis dheebuufi fedhiin aangoof qaban bulchitoota lameen gidduutti jabaataa dhufuun Kiir, “Doktar Ri’aak yaalii fonqolcha mootummaa narratti aggaame,” jedhee balaaleffachuu eegale. Waldhaadhessuun ittuma fufuun boodarra addaan foxxoqanii walwaraana yeroo ammaa adeemsifamaa jiruuf bu’uura ta’an.

Haa ta’u malee rakkoon biyyattii rakkoo biyyoota ollaas keessumaa kan Itoophiyaa ta’uu ni danda’aa? Tarii Itoophiyaa biyya mataashee dandeesseefi birmaduu taate waan taateef rakkoon Sudaan Kibbaa rakkoo Itoophiyaa miti kan jedhan jiraachuu malu.

Dhugaan lafa jiru garuu biyyoota ollaa walii ta’an kanneen daangaafi wantoota biraa waliin qooddatan haa hafuutii addunyaan guddina teknolojiitiin ganda tokko taatee gaariis aariis waliin qooddataa jirti.

Keessumaa tibbana miidiyaaleen addunyaa akka waan waldhabbiin Sudaan Kibbaa keessa jiru gara Itoophiyaattis dhangala’e fakkeessanii Sudaan Kibbaa biyya rakkooshee furuuf dhama’aa jirtu Itoophiyaa jibbuu ijaarsi hidhaa laga Abbayyaa akka hinmilkoofneef Misira cina waan hiriirte fakkeessanii dhara afarsaa turaniiru.

Haa ta’u malee, qondaaltonni biyyoota lameenii dubbichi dhara ta’uufi kan hundee hinqabne ta’uu irra deddeebiin hubachiisaniiru. Garuu dhugaa jiru Ministirri Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa RFDI, Doktar Nagarii Leencoo miidiyaaf ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti Sudaan Kibbaatti ummatni naannawa daangaa jiraatuufi Murlee jedhamu daangaa Itoophiyaa ce’uun lammiilee keenyarratti rakkoo uumaa turaniiru. Bara darbe Gaambeellaadhaa daa’imman 151 butaniiru. Beeyladootas saamaniiru.

Mootummaan Itoophiyaas gama tokkoon haala jeequmsi biyya sanaa itti furamurratti mala dha’aa gama birootiin rakkoo saamichaafi nageenyaa gosti Murlee uumaa jirurratti tarkaanfii madaalawaa fudhataa jira. Tarkaanfii hanga ammaatti fudhateenis hidhattoota hedduu ajjeesee meeshaa waraanaa booji’uun daa’imman 90 deebisuu danda’eera.

Gochi saamichaa akkuma jeequmsa biyyattii amala riphee ka’uu waan qabuuf dhiyeenya kanallee daa’imman 19 dabalataan butuunsaaniin naannawa daangaatti to’annoofi hordoffii cimsuu dabalatee bu’uuraaleen misoomaa diriirfamaa jiru.

Haala nageenya mirkaneessuufis Itiyoo-telekoom waliin hojjetamaa jira. Kunis lootee seentota jeequmsa biyyattiitti fayyadamuun gara Itoophiyaatti ce’uu malanitti karra cufuuf daran gargaara. Furmaata waaraaf garuu mootummaa biyyattii waliin haala nageenyaarratti bal’inaan mari’atamaa jira.

Waalumaagalatti, ‘’Yoo ollaan ofii nagaan bule nagaan bulu,’’ waan ta’eef rakkoon ollaa ofii akka kan ofiitti ilaaluun qaroomina. Osoo nageenyi amansiisaan Sudaan Kibbaa keessa jiraatee farreen nageenya daangaa ce’anii nageenya Itoophiyaa sarbuuf carraa hinqabaan. Seeraanis kan gaafataman ta’u. Kanaafuu, tasgabbiin Sudaan Kibbaa biyya keenyaaf gumaacha waan qabuuf irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

Lakkooftuu dubbistootaa

0000725436
Har'a/TodayHar'a/Today1740
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3532
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week6050
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month73136
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days725436

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.