“Labsichi maniisaa milkeeffataa jira” Featured

10 Feb 2017

Dr. Nagarii Leencoo

Ministirri Waajjira Dhimmoota Kominikeeshii Mootummaa Federaalaa, Dr. Nagarii Leencoo tibbana gaafiilee haala wayitii biyyattiirratti gaazexeessitoota biraa dhiyaataniif irratti deebii kennaniiru. Nutis ibsasaafi deebiisaanii akka ittaanutti dhiyeessineerra.

Gaafii: Mootummaan labsii yeroo hatattamaa dheeressuuf karoora qabaa?

Deebii: Labsiin yeroo hatattamaa faayidaa lammiilee eegsisuuf labsame. Haaluma kanaanis raawwatamaa jira. Labsiin ji'oota jahaaf labsame kun dhimma barbaadameef milkeessaa dhufee ji'a afurirra yoo ga'ellee har'arra teenyee garuu guyyaa kana ka'a ykn ittifufa haala jedhurra akka hingahamne hubatamuu qaba. Bu'aan waliigalaa labsichaa qo'atamee kan beekamu xumura ji'a jahaatti. Dhimmichi yeroo sanatti Mana Marii Bakka Bu'oota Ummataatiif kan dhiyaatu ta'a.

Labsichi guutummaatti jedhamuu baatus akeekasaa milkeessaa yoo jiraatellee akkuma kanaan dura ibsamaa ture ammas naannawawwan tokko tokkotti qaamoleen jeequmsa uumuuf waraqaa bittinneessuu yaalan, humnoota nageenyaarratti boombii darbatan hindhabamne. Haalonni Komaandi Poostiin ciminaan akka hojjetu eeran ni jiru jechuudha. Kana jechuun garuu labsiin yeroo hatattamaa ni dheerata ykn yeroosaa dursee ka'a kan jechisiisu miti.

Gaafii: Labsii yeroo hatattamaarraa ummanni maal eega?

Deebii: Ummanni labsiin yeroo hatattamaarraa nagaan bahee galuu eega. Hojiin kamuu yaaddoo nageenyaa tokko malee akka raawwatamu eega. Gama kanaan labsichi maniisaa milkeeffataa jira. Ummannis labsicharraa waan barbaadu argataa jira jechuun ni danda'ama.

Gaafii: Walitti bu'iinsa daangaa Naannolee Oromiyaafi Somaalee Itoophiyaa hiikuuf maaltu hojjetamaa jira?

Deebii: Daangaa Oromiyaafi Somaalee Itoophiyaa jidduutti kanaan duras darbee darbee sababa bishaaniifi margaatiin walitti bu'iinsonni uumamaa turaniiru. Rakkoo kana bu'uurarraa furuuf mootummoonni naannolee lamaanii jaarsolii biyyaa hirmaachisuun hojjetaa jiru. Namoonni rakkoo uumame keessaa harka qaban yoo jiraatan tarkaanfiin qo'annoorratti hundaa'e akka fudhatamuuf hojjetamaa jira.

Gaafii: Deebiin balaa ongee uumamerratti arjoomtotaafi mootummaadhaan kennamaa jiru maal fakkaata?

Deebii: Barana lammiileen miliyoona 5.6 ta'an gargaarsa akka barbaadan qo'annoo mootummaadhaan taasifameen mirkanaa'eera. Kunis qaamolee biyya keessaafi alaatiif ibsameera. Lubbuu namaafi beeladootarra balaa guddaan akka hingeenyeef mootummaan federaalaa qarsii biliyoona tokkoo ol ramadee hojjetaa jira. Mootummoonni naannolees qarshii miliyoonotaan lakkaa'aman ramadanii tattaaffii taasisaa jiru.

Balaan ongee kun Naannoo Somaalee Itoophiyaatti godinaalee sagal; Oromiyaatti Boorana, Gujiifi Harargee Bahaatti akkasumas Naannoo Ummatoota Kibbaatti Oomoo Kibbaa dabalatee godinaalee sadiitti uumameera. Kana furuufus bishaaniifi marga loonii dhiyeessuurratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Manneen barnootaattis xiyyeeffannaan addaa kennamee hojjetamuutti argama. Miidiyaaleen haala qabatamaa naannawa ongeen itti uumamee jiru akka daaw'atan taasifameera. Gargaarsi dhaabbilee biyyaalessaarraa argame hinjiru.

Gaafii: Bu'aan haaromsa gadifagoo akkamitti ibsama?

Deebii: Sochii haaromsa gadifagoo hanga ammaatti taasifameen bu'aa abdachiisaan galmaa'aa jira. Keessumaa sadarkaa federaalaatti qorannaan bu'aa qabeessi taasifameera. Miidiyaaleen hanqinoota ilaalchaafi bulchiinsa gaariirratti maddi rakkinichaa eessa akka ta'e saaxiluufi ibsuun tarkaanfiin akka fudhatamuuf hojjechuun tattaafficha utubuu qabu.

Sadarkaa federaalaattis ta'e naannoleetti rakkoolee addaan bahanirratti hundaa'uun tarkaanfiin fudhatamaa jira. Kunis qaamolee rakkoo bulchiinsa gaarii, malaammaltummaa, sassaabdummaa kiraa keessaa harka qabanirratti kan xiyyeeffateedha. Ida'ama tattaaffiilee kanneeniitiin lammiileen bu'aa eegan ni argatu.

Gaafii: Jette jettee hariiroo Itoophiyaafi Sudaan Kibbaarratti hafarfamaa jiruratti maal jettu?

Deebii: Qaamoleen taa'anii waa'ee walitti bu'iinsaa yaadan ni jiru. Kanneen karaa qaxxaamuraatiin aangoo qabachuuf abjootan walitti bu'iinsa biyyoota jidduutti uumameen faayidaan ni argama jedhanii tilmaamuun taa'anii raagu.

Dhimmi Itoophiyaafi Sudaan Kibbaa jidduutti odeeffames kanuma. Itoophiyaan akka waan ambaasaaddara Sudaan Kibbaa ariyatteetti odeeffameera. Jette jetteen hafarfamaa ture dhugaarraa kan fagaateedha. Itoophiyaan rakkoon Sudaan Kibbaatti mul'atu karaa nagaatiin akka hiikamuuf hojjetaa jirti.

Gaafii: Imaammata Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi, “Ameerikaan haa dursitu” jedhurratti mootummaan Itoophiyaa ejjennoo akkamii qaba?

Deebii: Tiraampi dhaadannoo, “Ameerikaan haa dursitu” jedhu waan nurraa fudhatan fakkaata; biyya keenyattis, “Itoophiyaan haa dursitu” jedhamaa waan tureef. Biyya ofiitiif dursa kennuun gocha dura bu'aan biyya kamiiyyuu raawwatuudha. Tiraampis kanuma jechaa jiru. Biyyi keenyas dhimma kana ija gaariidhaan ilaalti. Garuu dhimmichi hariiroo kanneen biroo wajjin jiru addaan kutuun miti. Kana isaanumaaf dhiifna.

Namoota sanadii seera qabeessa hinqabne biyyaa baasuun walqabatee lammiileen Itoophiyaa kunniin mootummaa Itoophiyaa jaalatanis jibbanis garuma Itoophiyaatti ergamu jennee yaadna. Akka imaammata alaashiirraa hubachuun danda'amutti Itoophiyaan lammiishii dhiifnaan kan biyyoota birooyyuu otoo simachaa jirtuu lammiileeshii simachuurraa duubatti hinjettu.

Jiraachuuf jecha karaa argatan hundaan maqaa biyyasaanii xureessaa turaniyyuu kan dubbatanirra kan garaasaanii dubbisna. Biyya ofii ni jibbu jennee tilmaama dogoggoraa hinqabannu. Kanaaf ni ariyatamu yoo ta'e waan lammiilee keenya ta'aniif ni simanna.

Gaafii: Miidhaa miseensonni gosa Murullee (kan Sudaan Kibbaa) Gaambeellaatti argamanirraan gahaa turan maalirra jira?

Deebii: Gosa Murullee biratti loon saamuun, daa'imman butanii fudhachuun barsiifata akka gootummaatti lakkaa'amuudha. Duraan daa'imman fudhachuurra loon saamuutu raawwatamaa ture. Kun daangaa ce'amee gama lamaaniinuu raawwatamaa kan tureedha. Keessumaa bardheengaddaa haala kanaan dura mul'atee hinbeekneen daa'imman 151 ukkaamfamanii fudhatamanii turan.

Mootummaanis daa'imman kanneen deebisiisuuf tattaafataa tureera. Kanaanis daa'imman 90 deebi'aniiru. Daa'imman hafan deebisiisuuf otoo tattaaffiin taasifamaa jiruu yeroowwan adda addaatti daa'imman 19 ukkaamfamanii fudhatamaniiru.

Daa'imman fudhataman deebisiisuun akkuma ittifufetti ta'ee rakkoo kana bu'uurarraa furuuf mootummaan tattaaffii taasisaa jira. Tarkaanfii fudhameenis kanneen ajjeefamaniifi meeshaan qabames jira. Raayyaa ittisaafi humna addaattiin hordoffiifi eegumsi daangaas ciminaan raawwatamaa jira.

Eegumsa caalaatti cimsuuf milishonni baay'inaan leenji'aa jiru. Hariiroo hawaasaa cimsuuf Laga Giiloorratti riqichi hojjetamaa jira. Sarara telee diriirsuunis raawwatamuurratti argama. Gama Sudaan Kibbaatiiinis tattaaffiin taasifamu cimee waan ittifufuuf dhimmi kun akka rakkootti ittifufa jedhamee hinyaadamu.

Charinnat Hundeessaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000413590
Har'a/TodayHar'a/Today142
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1613
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week8571
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month27939
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days413590

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.