Ongee dandamachuuf deggarsi taasifamu itti haa fufu Featured

18 Feb 2017

Looniifi bushaayeen Booranaa gabbatoofi ija namaatti kan tolan waan ta'aniif daran filatamoodha. Aannaniifi dhadhaan Booranaa illee akkasuma barbaadamaadha.

Waggaa tokkoo asitti garuu sababa ongeen naannawicha mudateen, looniifi bushaayeen huqqachuurra darbanii du'aa jiru. Omishi aannaniifi dhadhaas gadii bu'eera.

Akka ibsi miidiyaalee biyyattii addaddaatiin dhihaatu mul'isutti bakkeewwan ongeen mudate tokko tokkotti hanqinni deggarsaa kan jiru ta'ullee yaaliin gama mootummaatiin taasifamaa jiru ammayyuu ittifufeera. Dhiheenyas, ongee naannawa horsiisee-bulaa mudate dandamachuuf marsaa jalqabaatiin gargaarsa baasii qarshii miliyoona 47n dhiheessaa akka jiru Komishiniin Bulchiinsa Hojii Yaaddoo Balaa Biyyaalessaa BOIf ibseera.

Bara keessa jirrutti horsiisee bultoonni godinaalee sagal Naannoo Somaalee Itoophiyaa, Gujii Lixaa, Boorana, naannawawwan gammoojjii Baalee, Naannoo Ummatoota Kibbaa Oomoofi ummattoota Sagan keessa jiraatan ongee cimaaf saaxilamaniiru.

Komishinichi waggaa darbe lammiileen miliyoonni 10.2 gargaarsa argataa turuusaanii yaadachiisee, barana ammoo lammiilee miliyoona 5.6 deggaraa akka jiruudha kan himu.

Daarektarri sabquunamtii komishinichaa, Obbo Dabbabaa Zawudee akka ibsanitti, baay'inni gargaaramtoota baranaa kan waggaa darbe yeroo walfakkaataa waliin walbira wayita qabamu dhibbantaa 44n gadi bu’eera.

Mootummaan muuxannoo darbe fayyadamuun bajata waliigalaa gargaaramtootaaf barbaachisu doolaara kuma 700 ofiisaafi deggartoota isaan guutuuf sochiitti jira jedhu. Kanaafis qarshii miliyoona 47 gargaaramtoota haaraaf oolu baasee midhaan nyaataa, nyaata gabbisaafi zayita hiraa jira.

Walumaagalatti qarshiin miliyoona 75 ba’ee gargaaramtootaaf deggarsi taasifamaa kan jiru ta’uu eeranii, naannolee kanneenitti midhaan nyaataa kuntaalli kuma 114 ol raabsamaa kan jiru ta’uudha kan himan.

Ongeen kun naannawa horsiisee bulaa waan mudateef komishinichi qabeenya beelladaatiif xiyyeeffannoo addaa kennee hojjataa kan jiru ta’uu kan ibsan daayirektarichi, dhiheessiin nyaata beelladaas cimee hojjatamaa jiraachuu himu.

Haala waliigalaa ongichaan lubbuun beeladoota hedduu dhumuu akka danda’u waan tilmaamameef nyaati beeladaa dabalataa qophaa’aa kan jiru yoo ta’u, gabaaf akka dhihaatanis taasifamaa jira jedhu.

Walumaagalatti fuulduratti roobni arfaasaa ji’a Bitootessaatti yoo jalqabe baay’inni gargaaramtootaa sadarkaa murtaa’een hir’achuu kan danda'u yoo ta'u, hangasitti garuu deggarsi barbaachisu kan taasifamu ta'uudha mootummaan kan ibsu. Kun immoo humna biyyattiin ofiisheetiin rakkooshee hiikkachuuf qabdu kan mul'isuudha.

Saamraawiit Girmaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000739999
Har'a/TodayHar'a/Today1384
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3657
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week20613
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month87699
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days739999

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.