Boorana deemna lafaa aadaafi loonii Featured

27 Mar 2017

Kutaa 2fa

Maxxansa keenya torban darbeetiin, Boorana deemuuf Finfinnee kaanee Magaalaa Walaayittaa Sooddoo geenyee, gara Koonsootti socho'uuf imala eegaluun keenya ni yaadatama. Imalli keenya addaan hincitne ittifufeera. Boorana deemna lafa aadaafi loonii.

Aadaa Oromoo sirna Gadaa keessatti calaqqisu arguuf akkuma hawwinetti jirra. Daandii Sooddoorraa gara koonsoo geessurra kan socho'aa jirru guyyaa lammaffaatti. Daandiin kun gufuu hinqabu; konkolaataan akkuma bishaanii irra dhangala'a.

Kallattii daandichi geessu qabanneetuma gara Magaalaa Koonsootti fullaane. Oyiruuwwan maddii daandichaatti argaman, mukeen fufurdoo gaggabaaboo, damee qaqal'oofi baala magariisa muraasa ofirraa qabaniidha kan mul'atan.

Mukeen kannneen argee beekuu baadhus namoonni keessa beekan muka mooriingaa akka ta'eedha kan natti himan. Mooriingaan Finfinneetti akka baala shaayiitti tajaajlu achitti akka nyaataattillee kan fayyadu taa'uudha kan odeeffanne. Odeeffachuu qofas miti nyaanneellee mirkaneeffanne.

Kan raafuu nyaatee beeku (yookaan kan araada nyaata raafuu qabu) mooriingaa argannaan dharraasaa akka bahatuudha kan natti himame.

Daandiin keenya gabaabbachatuma jira. Konkolaataan keenyas akkumaa saffisetti jira; Boorana lafa aadaafi looniin nu ga'uuf. Yeroonsaas saafaa waan ta'eef ho'i aduurraa maddu cimaa dhufeera. Tatarkaanfataatuma Magaalaa Koonsoo geenye.

Magaalattii gartokkeedhaanis ta'u akka arginetti miidhagduu ta'uushii hubanneeti kan keessa lufne. Waa'ee magaalattii namoonni kitaaba asoosamaa, “Fiqir Iska Maqaabir” jedhamu keessatti beekan kutaa kitaabichaa magaalattiin keessatti eeramte yaadachaa waa'eeshii dudubbataa imala ittifufne.

Daandii asfaaltii qabannee turrerraa buunee kallattii Magaalaa Yaa'a Bal'oo (Magaalaa guddoo Godina Booranaa) geessurra qaxxaamurre. Daandii kana gara asfaaltiitti guddisuuf sochiin eegalamuusaa sosochii hojii daandicharraa mul'atanirraa tilmaamuun ni danda'ama. Daandiin kun Magaalaa Koonsoofi Godina Booranaa kan walquunnamsiisuudha.

Magaalaa Koonsoo keessaa baanee gaarreen daagaadhaan miidhagan kanneen 'UNESCO'tti galmaa'an, misooma sululaa geeggeeffamaa jiru daaw'achaa, faaruuwwan garagaraa faarsaa wayita Oromiyaatti ce'uuf jennu daangaa naannolee lamaaniirratti sakatta'amnee imala keenya ittifufne.

Amma Oromiyaa, Godina Booranaa geenyus bakka jilli aadaa itti raawwatamu hingeenye. Godina Booranaatti biqilaawwan qoree qaban lafa diriiraa uwwisanii jirantu mul'ata. Biqilaawwan kanneen keessaa loon qaamaan huhuuqqatoo, re'ee, hoolaafi gaalatu dheeda.

Lafarraa marga dhabanis qoreetti hiixatu. Darbee darbees loowwan sababa jijjiirama haala qilleensaatiin miidhaman kan argisiisu reeffa loonii dacheen walmakeedha. Boorana lafa loonii jennee kan kaaneef loon dhumanii arginaa laataa? Abdiin keenya dimimmisaa'aa dhufe.

Guutummaatti ta'uu baatullee loowwan balicha dandamatan arguuf carroomneerra. Booranni lafa loonii ta'uu baay'ina loon walfaana yaa'aniitiin beekuun ni danda'ama. Garuu hubaatiin dhaqqabaa jiraachuu bifa beeyladoota kanneeniirraa tilmaamuun salphaadha.

Loowwan hanga tokko haa miidhaman malee re'oonni, hoolonniifi gaalonni bifa tolanii argamu. Sababisaas qilleensi ho'aan beeladoota kanneeniif mijataa ta'uusaati.

Kana malees, biqiltuu magariisa, bosona muka laaftoo jalatti margan jiidhina waan ofkeessaa qabuuf bishaan biqiltichaa xuuxuun dheebuu akka bahaniidha kan hubanne.

Kana ajaa'ibsiifachaa daandii asfaaltiitti fooyya'aa jiru kan bakkaa bakkatti cuccufame takka yaabbataa, takkammoo irraa bu'aa imala keenyaan galgala keessaa sa'aatii 2:00tti Magaalaa Yaa'a Bal'oo geenye.

Hunduu siree barbaacha walharkaa adduma adda deeme. Imala borumtaa gara Ardaa Jilaatti taasifnu sammuutti qabannee qaama imala dheeraadhaan bututaa oole boqochiisuuf gara ciisichaatti dachaane.

Boorana deemna lafaa aadaafi loonii

Dabalaa Taaddasaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

Lakkooftuu dubbistootaa

0000347928
Har'a/TodayHar'a/Today88
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1419
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week7212
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month29873
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days347928

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.