Rakkoolee namtolcheetiin namni miidhamuu hinqabu

29 Sep 2017

Dhalli namaa faayidaa mataasaatiif jecha qabeenya uumamaa keessattuu bosona garmalee ciruusaarraa kan ka'e yeroo hedduu rakkoowwan gara garaa kanneen akka balaa ongeefi lolaatiif saaxilamaa ture; Saaxilamaas jira.

Waggoota dhihoo as garuu mootummaan rakkoo kana furuuf hojii eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaarratti xiyyeffannoo olaanaa kennuun bal'inaan hojjatamaa jira.

Jijjiirama haala qilleensaatiin walqabatee balaa ongee yeroowwan gara garaatti kutaalee biyya keenyaa adda addaatti uumamee tureen namootni miliyoonaan lakkaa'aman beelaafi hanqina bishaaniitiif saaxilamaniiru.

Keessumaa hanqina roobaatiin walqabatee ongee bara darbe biyyattii mudateen rakkoon hanqina midhaan nyaataafi nyaata loonii uumameera.

Rakkoo kanaan walqabatee ongee uumameen ummanni biyya keenyaa miliyoonatti lakkaa'amu hanqina midhaan nyaataaf kan saaxilame yemmuu ta'u, iddoowwan tokko tokko kanneen ongeen kun itti heddummatutti immoo nyaatni looniis dhabamaa jira.

Hanqina midhaan nyaataa mudate kana dandamachuuf mootummaan deggarsa barbaachisu lammiilee rakkoo balaa ongeef saaxilaman kanneeniif gochuurratti kan argamu ta'us, hamma barbaachiisuufi quufsaadha yaada jedhu garuu hinqabu.

Deggarsa midhaan nyaataa, tajaajila fayyaa, bishaaniifi nyaataa namootaafi looniif dhiheessuudhaan sochiin mootummaan deeggartoota misoomaa waliin taasisaa jiru abdachiisaa ta'us, baay'ina namoota rakkoo kanaaf saaxilamaniifi gadi fageenya rakkinichaatiin yemmuu wal bira qabamu sochiin taasifamaa jiru daran cimuu kan qabuudha.

Deggarsi midhaan nyaataa namaafi loonii yeroo ammaa taasifamaa jiru kun furmaata isa dhumaafi rakkoo kana dhaabbiidhaan to'achuuf kan gargaaru miti.

Eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaa cimsuudhaan ongee sababa jijjiirama haala qilleensaatiin yeroowwan adda addaatti ummata miidhaa jiru ittisuutu furmaata filatamaafi dhaabbii ta'a.

Gaarren bosonni irraa manca'e irra biqiltoota dhaabuudhaan kunuunsuun lafti lolaadhaan akka hinmiidhamne gochuurra darbee, balaa ongee sababa jijjiirama qilleensaatiin dhufuufi hanqina bishaanii uumamu furuuf gargaara.

Keessattuu, yeroon amma keessa jirru kun kutaawwan biyyattii hedduutti bokkaan roobaa waan jiruuf hojiiwwan misooma sululaafi kunuunsa biyyoo bona hojjatamanitti aansuudhaan hojiin biqiltuu dhaabuu baay'inaan kan itti raawwatamuudha.

Hamma tokko waggoottan muraasa irraa eegalee duulli biqiltuu dhaabuu waytii gannaa akka hojii idileetti fudhatamuunsaa hojii jajjabeeffamuu qabu yemmuu ta'u, kanaanis iddoowwan heddutti uwwisni bosonaa bifa haaraan akka dabalu taasisaa jira.

Ongeen sababa jijjiirama haala qilleensaatiin irra deddeebiidhaan kutaalee biyyattii gara garaatti miidhaa qaqqabsiisaa waan jiruuf ammas kutannoo guddaadhaan irratti hojjachuutu barbaachisa.

Bayyanaa Ibraahimiin



Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000630638
Har'a/TodayHar'a/Today1722
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7543
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week10665
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month77369
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days630638

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.