Dhimmoota xiyyeeffannoo paarlaamaa ta'uu qaban

06 Oct 2017

Manni Marii Bakka Bu'oota Ummataa ittigaafatamummaa olaanaan ummataafi biyyaa irra jiru Wixata dhufu, Fulbaana 29 bara 2010 hojiisaa idilee eegala. Akka heera, keeyyata 58/2 irratti ibsametti, yeroon hojii mana marichaa torban dhumaa baatii Fulbaanaa irraa eegalee hanga Waxabajjii 30tti. Jidduuttis yeroo manni marichaa murteessutti boqonnaa ji'a tokkoo ni qabaata.

Manni Marii Bakka Bu'oota Ummataa bara hojiisaatti hojiilee daran heddu qaba. Dhimmi biyyaa mana marichaa hinilaallanne tokkollee hinjiru.

Tarreeffamnisaas heericha, keeyyata 55 jalatti ibsameera. Kanneen keessaa muraasni kunooti. Dhimmoonni lafaafi qabeenya uumamaa akkasumas dhimmi ittifayyadama lageeniifi haroowwan naannolee lamaa ol walitti hidhanii hordofuun qooda hojii mana marichaati. Waljijjiirraa daldalaafi hariiroowwan daldalaa naannolee jidduu jiru ni ilaala. Raawwii mirgoota siyaasaafi dhimmoota filannoodhaan walqabatan heericharratti tumamanii hordofuun ittigaafatamummaa mana marichaati.

Ittigaafatamummaa kana hojiirra oolchuuf tattaaffiin kan eegalamu barri haaraan seenee Wixata dhumaa baatii Fulbaanaa irratti. Kunis akka baranaatti Wixata dhufu, Fulbaana 29 bara 2010 ta'a jechuudha. Haasaan pirezidaantiin biyyattii sirna baniinsaa kanarratti taasisan barichatti qajeelfama waliigalaa biyyaafi ummataa ta'ee tajaajila.

Haasawa kallattii imala guddinaa agarsiisuudhas. Haasaan sirna baniinsaarratti taasifamu haasaawwan baricha keessa sadarkaa kamittuu taasifaman ni caala. Haasaan akka dhagaa golee ykn utubaatti ilaalamu kun haasoftoota biroofis ta'e dameelee hojii mootummaatiif akka wabiitti kan tajaajiluudha.

Haasaa guddaa waan ta'eef of eeggannaa cimaadhaan kan qophaa'u ta'uunsaa hinshakkisiisu. Dubbiilee ijoon dhimmoota biyyaafi ummataa keessa galu jedhamees eegama. Keessumaa dhimmoonni ittaananii tarreeffaman otoo xiyyeeffanaa argatanii gaariidha.

  1. Sirna federaalaa eegsisuu

Heerichi mootummaan biyya keenyaa caaseffama federaalawaa dimokraatawaa kan hordofuufi moggaasnisaas, “Rippablikii Federaalawaa Dimokraatawaa” kan jedhamu ta'uu boqonnaa tokko, keeyyata tokko jalatti tumeera.

Heerichi biyyattiif gararraa seera kamuu waan ta'eef seerri kamuu, hojmaanni barsiifataa, akkasumas murtiin qaama mootummaa ykn abbaa aangoo yoo kan heericha faallessu ta'e fudhatama akka hinqabaanne keeyyata gararrummaa heerichaa ibsu, keeyyata 9 irratti eerameera.

Lammiin kamuu, qaamni mootummaa, dhaabbileen siyaasaa, waldaaleen biroofi aanga'oonnisaanii heericha kabajuufi kabachiisuuf heerichaaf bitamoo ta'uuf ittigaafatamummaa akka qaban tumameera.

Karaa kamiinuu caasaa sirna federaalawaa dimokraatawaa jigsuun hindanda'amu. Sirna federaalaa eeguufi eegsisuun heericha kabajuufi kabachiisuu jechuudha. Humna mootummaa federaalaatii ol ta'uu baatus iddoowwan takko tokkotti walitti bu'iinsonni sababoota adda addaa ka'umsa godhatan mul'ataa jiru.

Federaalizimiin ka'umsa walitti bu'iinsaa ta'uu akka hindandeenye ummatatti haala ittifufiinsa qabuun beeksisuutu nurra jiraata. Naannolee jidduutti walitti bu'iinsi akka hinuumamneef dursinee hojjechuu qabna.

Eddii uumamaniis mootummaan federaalaa jidduu seenee walitti bu'iinsicha dhaabsisuudhaan ittigaafatamummaasaa bahachuu qaba. Naannoleen tooftaa ofiitiin 'dhaabsisu' jedhamee yeroo fudhachuu hinbarbaachisu.

Sababa federaalizimiitiin irra ce'amaa kan jiru heericha waan ta'eef heericha eeguufi kabachiisuuf filmaata kamuu fayyadamuu qabna.

  1. Sirna dimokraasii cimsuu

Moggaasni caasaan mootummaa Rippablikii Federaalawaa Dimokraatawaa jedhama. Kanaafuu sirna federaalichaa eegsisuu maddiitti sirna dimokraasii cimsanii ittifufsiisuun murteessaadha. Kana jechuunis daangaa siyaasaa bal'isuudhaan mormitoonni sirnaan akka socho'an taasisuu dabalata.

Paartiileen filannoodhaan barcuma argachuu akka danda'aniifi humna akka godhatan gochuu, paartiileen ejjennoo walfakkaatoo qaban addummaasaanii walunachiisanii adda uummachuun akka qabsaa'an utubuun, dirreen filannoofi adeemsisaa ifaafi amanamaa akka ta'u gochuufaan daran barbaachisoodha.

Adeemsi hojmaata dimokraasii yoo rakkoo qabaate sirni federaalichaas rakkoof akka hinsaaxilamneef adeemsa dimokraasii keenya cimsaa deemuu qabna.

  1. Balaawwan sirnichaarratti kutattummaan hojjechuu

Balaawwan sirnichaa hundi biyya keenya kufaatiif kan saaxilan yoo ta'anillee keessumaa sassaabdummaa kiraa irreessaa cimsataa waan dhufeef xiyyeeffannaa duraa kennamuufii qaba. Haalli kenniinsa tajaajilaas ammayyuu sirraa'uu qaba. Sassaabdummaa kiraarratti kutattummaan qabsaa'uufi hojjechuun mootummaarraayis ummatarraayis ni eegama.

Charinnat Hundeessaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000619808
Har'a/TodayHar'a/Today3380
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday2978
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week25324
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month66539
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days619808

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.