Sababa gabaa doolaaraatiin gabaan jeeqamuu hinqabu Featured

17 Nov 2017

Gatii maallaqaa hir'isuun, humna qarshiin biyya tokkoo ittiin bitamuu gadii bu'ee, gatiin sharafaa maallaqaa biyya biraa akka olka'u gochuudha.

Kun dhiibbaa cinaa qabaatus faayidaan inni daldalaa alaarratti qabaatu madaallii kaasa. Sirna dinagdee keessattis haalli akkanaa meeshaalee alaa biyya keessa galfaman kan qaalessu, alergii kan jajjabeessuufi dorgomtummaa kan cimsuudha.

Omishaalee biyya keessatti omishamanii gabaa biyya keessaatiif dhiyaanirratti garuu jijjiiramaa kan qabaatu miti. Yerii dhiyoo asis biyya keenyatti humni bimuu qarshii akka gadi bu'u ta'uufi gatiin doolaaraa dabaluun walqabatee haalli gabaa biyya keessaa raafamaa jira.

Sirni daldalaa biyyattii gabaa bilisaarratti kan hundaa'ee ta'us, sababoota waliigalaa kan jijjiiramaa meeshaalee murteessoo jireenya hawaasaa keessatti barbaachisoo ta'anirratti daballiin gatii taasifamuun damee daldalaa keessatti kanneen muraasa qofa kan fayyaduudha.

Garuu hawaasa bal'aa miidhuun faayidaa hinqabaatu. Yeroof waan fayyadamne fakkaata malee. Daballi gatii kunis namoota dhuunfaa faayidaa dhuunfaaf socho'aniin kan taasifamuudha malee faayidaa gamtaa hinqabaatu.

Haala keessoo biyya keenyaa yoo ilaallee dameen daldalaa yeroo maraa sababa kan barbaaduudha. Bu'aaf sababa barbaaduun garuu hawaasa hedduu kan miidhuudha. Kunimmoo olaantummaa seeraa jalaa kan nama miliqsu hinta'u.

Gama biraatiin, kanneen seera qabeessaa fakkaatanii sababa xiqqoo dahachuun hojiilee seeraan alaa hojjetanis hedduudha. Daldalli sababarratti hundaa'e faayidaa namoota muraasaa kan tumsuudha malee dhumnisaa seera jalatti kan kufuudha.

Tibbana haalli gabaa biyyattiitti mul'ate waan sababa hinguunnerrarratti hundaa'uun jireenya hawaasatti hadheessaa jira. Meeshaalee murteesoo hawaasaa jalaa dhoksuudhan gabaan akka qaala'uu gochuudhaan bu'aa yeroo argachuufi daballiin gatii akka ta'uuf dhiibbaa uumuudha. Kunis magaalota guguddoo biyyattii keessumaa Finfinneetti kan mul'ateedha.

Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa hanqinaa doolaarii biyyattii mudachuun daldala alaarratti dhiibbaa fidaa jiru dandamachiisuun dinagdee biyyattii gama sanaan (daldala alaa) jiru galma geessisuuf yaadameeti.

Gatiin doolaaraittiin sharafanii dabaluufi gatiin qarshii hir'achuun meesaalee biyya alaatii galfamanirrattii jijjiirama yoo qabaate malee meeshaalee jireenya hawaasaa keessatti murteessoo ta'anirrattii waan jijjiirama fiduuf hinqabu. Yoo gatiin doolaarii dabale yookaan gatiin qarshii kufe hawaasni jireenyasaa galmaan ga'uuf tattaaffiin taasisu kufee ka'uu hinqabu.

Haa ta'uu malee daldaltoota biyya keessaa biratti doolarrri dabaluun gabaa biyya keessaarrattis waan jiijjirama fidu fakkatee hubatameera. Kanaafi, meeshaalee tokko tokkorratti daballi gatiifi ukkaamsuun kan mul'ateef. Kana kan hubate Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee akka magaalattiitti daldaltoota daballii taasisanirratti tarkaanfii fudhachudhaan raafama gabaa keessatti mudataa jiru tasgabbeessuuf tattaaffii taasisaa jiraachuudha ittigaafatamaa ittaanaa biirichaa, Obbo Gammachiis Malaakuu kan himan.

Akka isaan jedhanitti, haalonni kunneen daldaltoota biratti kan mul'ataniifi dabaluun gatii doolaaraa sababa dinagdee kamiyyuu hinqabu.

Daballiin gatii kamiyyuu meeshaalee kamuurratti kan hintaasifamne ta'us, kutaalee bulchiinsa magaalattii kurnanitti hojiileen daldaltoota gatii dabalaniifi meeshaalee gara garaa dhoksan hordofuun seerattii akka eegalame dubbatu.

Daldaltoota dhiyeessiiwwan nyaataa dhoksuudhaan gabaarratti hanqinni mudachuun gatiin bittaasaanii akka dabaluuf dhiibbaa uumuu yaalan to'annoo seeraa jala oolfamuufi tarkaanfiin fudhatamuudha kan dubbatan.

Kanaafuu kufuufi ka'uun gabaa doolaaraa yookaan gadii bu'uun gatii qarshii jijjiirama gabaa biyya keessaatiif tumsa ta'uu hinqabu. Dabalataanis gabaa biyyattiitti gatii dabaluun bu'aa yeroo argachuuf tattafachuun ni mul'ata. Yoo akkam sirni gabaa biyyattii gabaa bilisaa ta'uyyuu hordoffiifi to'annoon gama mootummaafi hawaasa fayyadamtootaatiin jiru cimuun gabaa tasgabbaa'aa waarinaan uumuuf kan gargaaruudha.

Walumaagalattii kufuufi ka'uu gabaa doolaaraa sababa godhachuun gabaa biyya keessarrattii jijjiiramoonni dhufan, ummata kan miidhuufi hawaasa daldalaa keessumaa, kanneen qaxxaamuraan badhaadhuu fedhaniif bu'aa yerooti. Kanaaf mootummaafi hawaansi walta'uun qaamolee gocha akkanaarratti bobba'an saaxiluufi seeratti dhyeessuuf wajjummaan socho'uu qabu.

Dabalaa Taaddasaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000803742
Har'a/TodayHar'a/Today1811
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3718
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week6345
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month43282
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days803742

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.