Dhimmi nageenya biyyaa dhimma qaama muraasaa miti

29 Dec 2017

Biyya hiyyummaafi boodatti hafummaa keessaa ba’uuf wal’aansoo jabaa taasisaa jirtuuf nageenyi amansiisaan murteessaadha.

Biyya kamittuu mootummaan fedhii nama hundaa guutu hin jiru. Garuu nama hundaa walqixa ilaaluun dirqama. Guddinni saffisaan yaadame haalaan galmaa’aa jiraatus namootni hundi walqixa waa’ee guddinichaa hubannoo kan qaban hinfakkaatu.

Sababa kanaan gochi guddina eegalame balaarra buusu bakkawwan tokko tokkotti mul’achaa turera. Keessumattuu, fayyadamummaa heerri biyyattii dhugoomsuufi dhugaan lafarra jiru wal simuu dhabuun madda waldhabbii ta’aa jira.

Waggoota shanan darbanii as rakkoon nageenyaa suuta hudhee daraaruun biyya dhuunfataa dhufeera. Mootummaanis rakkoo kana maqsuuf sochiiwwan gara garaa taasisaa jira.

Rakkoon nageenyattii yeroo ammaa mudate qabbaneessuun tumsa nama hundaa gaafataa jira. Beektonni, abbootiin Gadaa, jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantiis halkaniifi guyyaa dhama’aa jiru. Mootummaanis kallattii furmaataa isaan dhiyeessan akka deggeru cimsanii hubachiisaa jiru.

Amma dhimmi dhimma biyyaati. Rakkoon amma keessa jiramu kana caalaa tarkaanfannaan keessaa ba’uuf gatii guddaa kaffalchiisa. Yeroon kun yeroo garaagarummaan ilaalcha siyaasaa itti babal’atu osoo hintaane tokkummaadhaan yeroo itti biyya badii jalaa baraaraniidha. Ilaalchi siyaasaa ni darba ni jijjiiramas, dhalootnis akkuma kana. Biyyi garuu darbee jiraata.

Waldhabbii naannawa daangaatti Oromoofi Sumaalee Itoophiyaatti ka’e furuun salphaa akka ture xiinxaltoonni siyaasaa ni ibsu. Biyya seeraan bultu keessatti olaantummaa naannoo osoo hintaane olaantummaa heeraatu biyya bulcha.

Eeyyuyyuu seeraan ol waan hintaaneef olaantummaa seeraa kabachiisuudhaann waldhabbii mudate furuun ni danda’ama ture. Garuu gama hawaasaanis ta’e mootummaan rakkoo kana kutannoon furuu caalaa sababa tarreessuun hojii idilee ta’aa dhufe.

Boodarras dubbii akka qoosaatti ilaalame oolee bulee to’annaa ala ta’uun badii lubuufi qabeenya hedduuf sababa ta’eera. Baay’ees qe’eerra buqqiseera. Dubbichi suuta hidda yaafachuun dhaabbilee barnoota olaanaa seenee barattoota jidduutti rakkoo uume.

Waldhabbii gama tokkoon daangaan walqabatee ka’e gama biraatiin ammoo tapha kubbaa miillaa keessatti of mul’isuun badii lubbuufi mancaatii qabeenyaa dhaqqabsiiseera. Amma asis achis seeneera.

Hangaafi amalaan gargar ta’us nageenya booresseera. Ka’umsa jeequmsa waggoota lamaan darbanii as daran hammaataa dhufe kanaaf maqaafi sababni gara garaa kaa’ameera.

Gumiin abbootii amantii Itoophiyaa ibsa torban darbe kenneen jeequmsichaaf sababni rakkoo bulchiinsa gaariifi sassaabdummaa kiraa baroota dheeraaf tuulame gaaffii mirgaan walqabatee dheekkamsa ummataa akka finiinseedha kan eerame.

Xiinxaltoonni siyaasaa biyyattiis kan jedhaa jiran sirna ittigaafatamummaa jabaan diriiree olaantummaa seeraa mirkaneessuu dhabuu akkasumas ummataaf haala barbaadameen gurra kennuu dhabuun danbalii komii ummata biraa kaaseera.

Biyyi kun biyya sirna dimokraasii aangoo ummataaf bakka guddaa kennuun bulti waan ta’eef bulchitoonni qajeelummaan fedhiifi faayidaa ummataatiif hojjechuu qabu.

Kanas ta’e sana yeroon kun yeroo sababa kumaatama tarreessan osoo hintaane kan dhimmi biyyaa isa ilaallatu hundi harka walqabatee nageenyaaf waardiyyummaa dhaabachuu qaba.

Diigamuufi addaan qoqqoodamuu biyya kanaa kan fedhu seexana qofa malee lammii biyyattii ta’ee waliin jireenya kan jibbu jira natti hin fakkaatu. Namni biyyaaf quuqamu ammoo ibiddaa qabatetti boba’aa dabala osoo hintaane erga dhaamsee booda eenyuufi maaliif akka qabate bilchinaan qorata. Kanaafuu, dhagaa hammeenyaa walitti darbachuu dhiifnee tokkummaan biyya balaarraa baraaruun gahee hundaa ta’uu qaba.

Kunis akka hayyoonniifi maanguddootni biyyattii jedhanitti walitti bu’iinsi kaleessas tureera boris ni jiraata. Ta’us kana baranaa waanti adda taasisu seenaa biyyattii keessatti ta’ee kan hinbeekne qe’erraa walbuqqisuufi sabummaan adda wal qoodanii wal miidhuudha.

Paartiin Madirak ibsa torban darbee kenneen kanuma kan dhugoomse. Bara Dargiis ta’e bara Hayilasillaasee naannawa beelli hamaan mudatee namoota kaasanii bakka biroo qubachiisuun ummata danuu du’arraa baraaraa turameera. Barana garuu qe’eerratti walwaraanuufi walbuqqisuun dubbii fafaa biyyattii mudateedha.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000858129
Har'a/TodayHar'a/Today480
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday863
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week1501
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month19909
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days858129

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.