Walitti bu'iinsi kamiyyuu mariifi araara buusuudhaan furama

05 Jan 2018

Maatiin, ollaan, naannoofi biyyoonni sababoota adda addaatiin walitti bu'uu malu. Walitti bu'iinsi kamiyyuu faruu mariifi araara buusuudhaan furamuu danda'a. Jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantiifi abbootiin gadaa walitti bu'iinsa uumame kamiyyuu mariidhaan furuun araara buusuudhaan beekamu.

Maanguddoonni kunneen dhugaafi haqaan waan hojjetaniifi hawaasa biratti kabaja olaanaa waan qabaniif gorsisaanii lafa hinbu'u. Mootummaanis walitti bu'iinsa hawaasaafi hawaasa, naannoofi naannoo biyyaafi biyya gidduutti sababii kimiiniyyuu uumame karaa nagaafi mariidhaan furuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Sababa walitti bu'iinsa daangaa Oromiyaafi Somaalee Itoophiyaa gidduutti ji'oota muraasa dura uumameen lammiilee hedduun lubbuu dhabaniiru, qaamnisaanii hir'ateera, qe'ee ofiirraa buqqa'aniiru, qabeenyi isaaniis barbadaa'eera. Sababa rakkoo kanaatiin manneen barnootaafi yuunivarsitiiwwan biyyattii hedduu keessatti hojiin baruu barsiisuu yeroof akka gufatu ta'ee ture.

Walitti bu'iinsa daangaa naannolee lameen gidduutti uumame kun mariidhaan fuuruun araara (nageenya) buusuun dhimma yeroon kennamuuf miti.

Bataskaanni Kaatolikii Itoophiyaa Yaa'ii Idilee 34fa tibbana adeemsifteen mootummaan walitti bu'iinsa naannawawwan biyyattii adda addaatti uumame karaa nagaatiin furuun araara buusuu akka qabuufi abbootiin amantiis loogii tokko malee olaantummaan seeraa akka mirkanaa'uuf sagaleesaanii dhageessisuu akka qaban waamicha dhiyeessiteetti.

Phaaphaasiin bataskaanattii, Abuna Birhaanayasuus haala nageenyaa Itoophiyaa yeyoorratti ibsa kennaniin akka jedhanitti, walitti bu'iinsi naannawawwan biyyattii adda addaatti uumame tokkummaa ummataa balaa guddaarra waan buusuuf mootummaan nageenya mirkaneessuuf ittigaafatamummaa qaba.

Qaamoleen mootummaas adda addummaa kamiyyuu duubatti dhiisuun ummataafi biyyattii balaa irraa baraaruuf hojjechuu akka qabaniifi adda addummaa keessoo yoo qabaatanillee amala walitti bu'iinsaa qabatee ummata bira akka hingeenyeef of eeggannoo cimaa taasisuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Qaamoleen mootummaa garaa garummaa kamiyyuu mariidhaan hiikuuf waltajjii marii qopheessuudhaan biyyattii kufaatiirraa, ummata ammoo du'aafi godaansarraa baraaruu akka qaban kan yaadachiisan phaaphaasichi, gaaffiiwwan yeroofi seeraan keessummeessuu dhabuudhaan balaan lubbuu namaa irra ga'u, dirreewwan ispoortii bakka jeequmsaa ta'uufi dhaabbileen barnootaa wiirtuu jeequmsaa, lubbuun lammiilee itti darbuufi qabeenyi itti barbadaa'u ta'uun kan nama gaddisiisuudha.

Keessumaa lubbuun namaa maaliin iyyuu hinmadaalamne sababa jeequmsaatiin darbuunsaa tasumaa fudhatama kan hinqabne ta'uu ibsaniiru.

Abbootiin amantiis meeshaa nageenyaafi araaraa ta'uudhaan naannawa isaaniittis ta'e sadarkaa biyyaatti sagaleesaanii dhageessisuudhaan olaantummaan seeraa akka mirkanaa'uuf, mirgi namaa akka kabajamuuf, sodaa tokko malee humnoota farra nageenyaa balaaleffachuu qabu jedhaniiru.

Qaamoleen hawaasaafi mootummaa adda addaas loogiifi sodaa tokko malee kan balaaleffatamuu qabu ifachuudhaan, kan dhiifama gaaafachuun irra jiru akka gaafatu, kan dhiifama gochuu qabu akka dhiisuuf araarri haqa bu'uureffate akka bu'uuf ittigaafatamummaa irraa eegamu bahaachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Farreen nageenyaa qaawwa uumametti fayyadamuudhaan afaaniifi hidda sanyii hordofanii ummata walitti buusuuf socho'an mootummaan utuu isaan rakkoo kanaa olii ummata irratti hinqaqqabsiisin ogummaadhaan tokkummaa ummataa eeguu akka qabus hubachiisaniiru.

Walumaagalatti, walitti bu'iinsi akka hinuumamneef dursanii hojjechuufi erga uumamee ammoo battalumatti mariifi haqa irratti hundaa'anii furmaata akka argatu taasisuun dhimma ijoo qaamoleen mootummaa, hawaasaa, abbootiin amantiifi Gadaa qindoominaan irratti hojjechuu qabaniidha.

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001468322
Har'a/TodayHar'a/Today4611
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday8253
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week43542
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1468322

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.