“Tokkommaan Oromoo baranaa baay'ee nagammachiiseera” - Doktar Nagaasoo Gidaadaa

20 Jan 2018

Ummatni Oromoo keessumaa waggaa lamaan darbanii as dargaggoo, shamarree, jaarsa, jaartii utuu hinjedhin tokkummaadhaan gaaffiilee, yaadaafi komiiwwan qabu dhiyeeffachaa jira. Mirgaafi faayidaa isaa kabajchiisuufis carraaqqii sabichi taasisaa jiru cimee itti fufeera. Oggantoonni mootummaa naannichaas gaaffiileefi komiiwwan ummatichi deebisuuf akkasumas mirgaafi faayidaasaa kabachiisuuaf carraaqqii cimaa taasisaa jiru.

Doktar Nagaasoo Gidaadaa gaafdeebii dhiyeenya kana Gaazexaa bariisaa waliin taasisaniin, “Tokkommaan Oromoo baranaa baay'ee nagammachiiseera. Ummaticha biratti tokkummaan kanaan dura hinjirre mul'achuu jalqabeera. Tokkummaa kana kan fide tokko irreecha baranaati. Ummatni Oromoo miliyoonaan ba'ee karaa nagaatiin of ijaaree abbootiin Gadaas sirna Gadaatiin ayyaanicha eggeessuun ayyaanicha karaa nagaatiin kabajee galuusaati. Ayyaanni Irreechaa baranaa ummatni Oromoo saba kabajamaafi beekaata'uu agarsiiseera.

Walitti bu'iinsi daangaa naannoo Oromiyaafi Somaalee Itoophiyaa gidduutti barana mudates karaa badaadhaan ta'us tokkummaa Oromoo cimsuu keessatti bu'aa buuseera.

Sababa walitti bu'iinsa daangaa naannolee lameen gidduutti uumameen lammiileen kumaootaan lakkaa'aman qe'ee ofiirraa buqqa'anii kaampii taa'aa jiru. Rakkooleen daangaan walqabatanii mudatan kunniin dafee furmaata argachuu qabu.

Rakkoolee gama kanaan jiran akka furamaniif lammiilee sababa daangaatiin qe'ee ofiirraa buqqa'an dafanii bakka jireenyaa akka argatan gochuun barbaachisaadha jechuun yaadasaani goolabu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000907803
Har'a/TodayHar'a/Today274
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1236
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week8595
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month30691
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days907803

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.