Mana fincaanii ummataa banaa Featured

09 Feb 2018
Naannawichatti mana fincaanii jedhamee kan itti fincaa'amu Naannawichatti mana fincaanii jedhamee kan itti fincaa'amu (Suurri Dabalaa Taaddasaatiin)

Adaamaa...Adaamaa...! Hawaasaa..., Hawaasaa! Kaan ammoo Bishooftuu, Mojoo, Asallaa, Shashamannee...!fi kanneen biroo sagalee olfuudhuun waamu. Faddaaltonni biroon ammoo eessa deemtaa jechuun gaaffiidhaan nama muddu.
Konkolaatonni buufata konkolaataa Aqaaqii keessa tooraan dhaabbatu. Ani imaltoota gara Adaamaa deemuuf naannawaa buufatichaatti argaman keessa isa tokkoodha. Gara seensa ulaa buufatichaa, mooraadhaan ala bakka daggalaafi namni hinheddummaannetti qalbiin na qaari'ee, miilaan tarkaanfadhe. Edaa namni waa male naannawichatti hinhaphanne! Balfa halluu jijijjiirrate garagaraa, foolii ciinca'aa fincaaniifi bobbaa, akka dhayicha wayi funyaan duude banuutu na simate. Fagaadhee deemuuf ciinca'aan naannawichaa akka maagineetii bantii walfakkaataa ofirraa na dhiibus, sagaleen duubaa natti dubbatame duubatti akkan deebi'uuf na affeere. “Bobbaadhaaf qarshii shan, fincaaniif qarshii lama” jedhamnaan gara nama akkas naan jedheettin deebi'e.
Gurbaa umriinsaa tilmaamaan waggaa 12 hincaalletu qarqara daggalichaa jaarkaaniirra taa'a. Jiraataa daandiirraati. Uffanaasaa qofaa utuu hintaanee namummaan isaallee jijjiiramee bifti namummaa irraa sokkeera. Korojoo pilaastikaa kan qarshii itti qabatu baata. Jireenyisaa garaa nama nyaata. Ta'us madda galii argateera. Naannawaa daggalichaa isatu bulcha. Achirratti isatu mootiidha. Namoota daaggalicha keessa seenanii “Dhimma dhimmatanii” ba'an ashuuraa kaffalchiisa. Namoonni gara laafinaan yoo kaffalaniif malee, eeyyama ashuuraa nama kaffalchiisu hinqabu.
Jaarkaaniiwwan guguddaa afurtu toora nam'anii mul'atu. Jaarikaaniiwwan kanatti qubasaa qabaa “Asii fuudheen gadnaqa” jedhe. “Maaloo!?” Jedhee oggaan duubatti ija ergu, jaarkaaniiwwan kanneenitti namoota fincaa'anin arge. Jaarkaaniiwwan kunneeniifi daggalichi mana fincaanii ummataa banaa akka ta'en hubadhe. Akkaataansaas na ajaa'ibnaan yeroof akka callisuu ta'e. Namni kan biraan daggala keessaa ol lolloqee ka'e. Surree sisirreeffataa dhufee, qarshii shan gurbichatti hiixate. Gabaan isaas dabalaa dhufe. Hunda caalaa kan nama ajaa'ibu shamarreen tokko dhufnaan “Shamarraniif hinqabnu!” jedhe. Manni fincaanii shamarran loogu jiraachuun falaasama haaraa ta'us, hojii uumtummaan gurbichaa afaan na qabachiiseera.
Gurbaatti yaada koo deebiseen gaaffii xiqqoo gabaabduu gaafadhe. Hiriyoota yoo qabaateef kutaa bulchiinsa magaalichaa gaaftanii maaliif akka mana fincaanii ammayya'aa ijaaruun maaliif madda galii akka hinuummanne. Innis, “Yaalleerra garuu qarshiitu nu hanqate” jedhe.
Yeroof xiyyeeffannaa dhabuun naannawichaa isaaf caarraa gaarii ta'uutu irraa calaqqisa. Akka Magaalaa Finfinneetti, naannawaawwan sochiin ummataa itti heddummatutti mana fincaanii ummataa ijaaramaa jiraachuun qabatamaadhaan kan mul'atuudha. Keessumaa naannawaa buufataalee konkolaatatti manneen fincaanii ijaaruun murteessaadha. Kunimmoo namoonni fageenya irraa deemanii dhufan mana fincaanii barbaadu. Kun hin jiru taanaan bakkuma arganitti fincaa'uufi bubba'uuf dirqamu. Kun ammaa naannawaan akka faalamu taasisuudhaan rakkoo fayyaatiif nama saaxila. Kanaaf, keessumaa naannawaawwan akka buufataa konkolaataa Aqaaqiitti, bakkeewwan banaa ta'anii qulqullinni nannawichaa manca'aa jirutti, mana fincasanii qopheessuun dhimma murteessaadha.
Hojii gurbichi ummatee madda galii taasifatee hojjechaa jiru kan jajjabeeffamuu qabuudha. Dargaggoonni daandiirra jiraatan hojii mataa isaanii ummataniifis kan gargaaruudha. Kana malees, ofiif yaaduurra darbanii hawaasa akka tajaajilan kan taasisuudha. Kanaaf namoota kaka'umsa hojii qaban garuu akkaafi bakka dhaban ofitti qabuun dirqama lammummaati.

Dabalaa Taaddasaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001821839
Har'a/TodayHar'a/Today2434
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday5320
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week12419
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1821839

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.