Sirna kolonii injifachuun, Itoophiyaa fayyade moo miidhe?

05 Mar 2018

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa biyya seena qabeettii ta’uunshee kan haalamu miti. Kunis, ALA bara 1896tti jechuun waggoota 122n dura sirna kolonii faashistootaa ofirraa qolachuuf qabsoo Adwaarratti gaggeeffameen bilisummaafi injifannoo guddaa gonfachuu danda’uushee ragaaleen seenaa ni ibsu. 

Kanarraa kan ka’e guyyaan injifannoo Adwaa waggaa waggaan akka guutuu biyyatti kabajamaa kan jiru yoo ta’u, kanaaf ammoo sababa guddaa kan ta’e qabsoo hadhaawaa goototni biyyattii taasisanidha jechuun danda’ama.
Yaa ta’uutii injifatamuun faashistoota xaaliyaanii Itoophiyaa fayyade moo miidhe? gaaffii jedhu ilaalchisee barattoota magaalaa Finfinnee keessatti mana barumsaa Minilik sadarkaa 2fa barachaa jiran lama gaafachuun yaadasaanii dhiyeessineerra.
Barattuu Meeroon Daawwit kutaa kudhan barachaa kan jirtu yoo ta’u, kufaatiin sirna faashistirratti qaqqabe qabsoo hadhaawaa ummattootni Itoophiyaa taasisaniin ta’uu barnootaan barattus, sirnichi osoo biyyattii koloneeffateera ta’e guddinni teknoloojii amma irra jiru fooyya’insa akka qabaatudha, kan dubbattu.
Biyyoonni Afrikaa hedduun isaanii Awurooppaanotaan koloneeffatmuusaanii irraan kan ka’e teknoloojiin fuulduratti tarkaanfachuu danda’aniiru kan jettu barattuun kun, Itoophiyaanis carraa kana argachuu dandeessi turte.
Xaaliyaaniin guddina teknoloojiin fooyyoftuu akkuma taate osoo koloneeffatmneerra ta’ee, carraan kun nu qaqqabuurra darbee guddinni gama hawaas-dinagdeefi siyaasaa milkaa’uu danda’a ture jechuun ibsiteetti.
Keessumattuu xaaliyaaniin biyya siyaasaan, dinagdeenfi hawaasummaan fooyyee qabdu waan taateef, aadaa hojii uumuufi muuxannoo garagaraa irraa qooddachuun jijjiirama galmeessisuu dandeenya turre kan jettu barattuu Meeroon, jijjiirama biyyoonni kolonii jala turan fidan kan Itoophiyaarra fooyyee qabaachuusaa eerteetti. Kana ta’uu dhabuunsaa ammallee hiyyummaa keessaa bahuu hindandeenye gochuusaa eeruun, dhaloonni haaraa itti fufiinsaa tattaaffii guddaa taasisuu qabaa jetteetti.
Barattuu Tsiwoon Musees kutaa 10fa barachaa kan jirtu yoo taatu, yaada barattuu Meeroon kaasterratti walii hingaltu. Kolonii jala galuun tarii akka guddinaatti lakkaawamuu danda’uusaa kan dubbatte yoo ta’u, qabeenya olaanaa sirni koloneeffattootaa saamu biyya keenya kan guddisu osoo hintaane kan quucarsudha.
Biyyoonni Afrikaa Awurooppaanotaan koloneeffataman hedduunsaanii aadaa, safuufi duudhaa qaban dhiisanii kan ormaa leellisaa waan jiraniif, eenyummaa isaanii dagachuusaanii eerti. Saamichi harka wayyaa jalaan qabeenya isaaniirratti qaqqabeerus tokko lama osoo hintaane daran guddaadha. Kolonii jala galuun qabeenya saamamuun alatti dhiittaan mirgaa raawwatamuufi tuffatamuun dhaloota kakuu haaraa duubatti kan harkisudha malee kan fayyadu ta’ee akka isheetti hinmul’anne addeessiteetti.
Biyyi kamiyyuu qabeenyashii saamsistee seenaaf aadaashii awwaaltee jijjiirama fiddu tokkollee akka hinjirre kan dubatte barattuuun kun, miirri walqixxummaa sabaaf sablammiilee, akkasumas, aadaan har’a miidhagina keenya ta’e kun yoona awwalamee ture.
Biyyi olaantummaa sirnasaa daran calaqqisiisuuf tattaafatu kan namaaf bakka akka hinqabne kan duabbattu barattuu Tsiwoon, osoo sirna kolonii jalatti kufneerra ta’e, afaan, aadaa, seenaafi duudhaan sabootaa, sablammootaafi ummattoota biyyattii dagatamuurra darbee duuchaatti badee ture.
Ta’us, qabeenyi biyya keenyaa osoo hedduminaan hinsaamamiin qabsoo hadhaawaa goototni Itoophiyaa taasisaniin, weerara Xaaliyaaniirratti mo’ichaafi bilisummaa guddaa argachuu dandeenyeerra. Kunimmoo ulfina dhalootaa mirkaneessuurra darbee walabummaa Afrikaanotaas kan mirkanreesse ta’uusaati.
Qabeenyi biyyattii osoo hinsaamamiin har’a gahe kun yeroo har’aallee seeraan yoo hojiirra oole, guddina dinagdee hawwamuun karoorfame milkeessuunis kan danda’amuudha.
Guddinna biyyoota Awurooppaa biroos yoo ilaallee sosochii ofiisaanii taasisaniin kan guddatan hedduu waan ta’aniif, dhiibbaa biyyoota alaa malee guddachuuf tattaafachuun dirqama lammiilee hundaa ta’uunsaa hubatamuu qaba. Aadaa ofii awwaalanii kan biroo leellisuutiin guddinni argama jedhamee yaadamu kan milkaa’u miti.
Dhalootni har’aas injifannoo qabsoo hadhaaawaan abbootiirraa dhaalle eegnee biyya keenya Itoophiyaa tulluu qaroominaatti baasuun murteessaadha. Kunimmoo sirnaan ogganamnaan dhimma tarree biyyoota guddataniirra hinhiriirreef hinqabnu.
Jalqabbiin Itoophiyaa haaraa ijaaruuf taasifamaa jiru kunis fakkeenya gaarii imala daandii guddinaa ta’uunsaa bu’aalee galmaa’aa jiranirraa hubachuun kan danda’amuudha. Caalaatti itti fufiinsaan tattaaffii goonaan gaara hiyyummaa diiguunis salphaa ta’uusaa dhimma hubatamuu qabuudha.
Walumaagalatti, Itoophiyaan sirna kolonii faashistiin osoo bitamteetti ta’ee jijjiiramootni muraasa ta’an jiraachuu malanis mirga abbaa biyyummaafi abbaa qabeenyummaa lammiilee mirkaneessuun kan danda’amu miti, kan yaadamu hinturre. Aadaa, seenaafi afaan keenya har’a itti boonnu kanas dhabuun ykn dagachuun labataa labatatti koloneeffattootaaf ergamaa ta’aa hafna turre, Kunimmoo yaada hawwamuu qabu waan hintaaneef, dhalootni bu’aasaarra miidhaansaa guddaa ta’uu hubachuutu isarraa eegama.

Waasihuun Takleetiin

 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001435946
Har'a/TodayHar'a/Today3906
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday5618
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week11166
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month97523
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1435946

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.