Riqicha nageenyaa hinraafamne ijaaruuf gaaffii uummataa deebisuu

10 Mar 2018

Nageenyaafi tasgabbii biyya tokkoo qabatamaan mirkaneesuuf qindoominni hawaasaafi mootummaa murteessaa yoo ta’u, waldhageettii dhabuun qaamota kunneenii nageenyi waaraan akka hin mirkanoofne taasisuurra darbee qabeenyaafi lubbuu irra gaaga’amni akka gahu taasisa.
Rakkoolee nageenyaa yeroorraa yerootti bifaaf kallattii isaanii jijjiiruun mudachaa jiran kun akka ka’umsaatti gaaffiilee garagaraa uummatni kaasu of keessatti kan hammatan yoo ta’u, yeroon deebi'uu dhabuusaaniitiin diddaan uummataa akka daran jabaatu ta’aa jira. Diddaa hawaasaa kanaan walqabatee nageenyi amansiisaan dhibuusaan lammiileen kanaan dura oliif gadi socho’anii jiruuf jireenya isaanii mo’achuuf tattaafatan hojii isaanii akka dhaaban ta’aa jiru. Rakkoo uumame kanaan sochiin geejjibaa, hojiileen daldalaa, manneen nyaataa cufamuusaaniitiin jiruuf jireenyi hawaasaa akkasumas dinagdeen biyyaa akka boodatti harkifatu ta’aa jira.
Kun ammoo miidhaa ol’aanaa waan qaqqabsiisuuf itti fufiinsa akka hinqabaanneef gaaffiilee uummatni kaafatuuf deebii quubsaa kennuun barbaachisaadha.
Minnistirri Ittisa Biyya Itoophiyaa Obbo Siraaj Fageessaa ibsa tibbana haala yeroo irratti kennaniin akka jedhanitti, nageenyi biyyaa akka mirkanaa'uuf uummatniifi mootummaan waldhaga'aa deemuu qabu.Yaadaan waldhabuun uummataafi mootummaa garaagarummaan ilaalchaa akka uumamu kan taasisu waan ta’eef uummatni gaaffisaa seeraan dhiyeeffachuu akka qabuufi mootummaanis xiyyeeffannoon deebisuun irra jiraata jedhu.
Haata’uutii bakkeewwan garagaraatti mormii uuammataa mudateen miidhaan lubbuu, barbaadahuun qabeenya dhuunfaafi mootummaa, bahanii galuun, hojjetanii buluun gaaffii keessa yeroo galetti har’a boru jechuun furmaata waan hinfinneef gurri mootummaa uummata dhaga'uun irra jiraata. Hanga kun hintaanetti uummata jiruuf jireenyaan waadameefi siyaasaan bilchaate abdii ija hinqabne itti horaa bara lakkoofsisuun gonkumaa waan yaadamu miti.
Mootummaan gaaffii uummatni gama rakkoo bulchiinsa gaariin kaasaa jiru sirrii akka ta’e amanee fudhatus tarkaanfiin gamakanaan fudhatamaa jiru quubsaa ta’uu dhabuusaan diddaan kun yeroorraa yerootti hammaachaa jira.
Hawaasni sabbatasaarraa hiikee gibira kaffalee jireenya mo’achuuf tattafataa wayita jirutti, sassaabdonni kiraa sirnicha dahoo godhachuun hawaasa waan nyaatee bulu hinqabne sabbata hiikkachiisan heddummaachuun uummatani hadheeffatee akka irratti qabsaa'u taasiseera. Qabsichis karaa nageenyaan ta’uu karaa nageenya hin booressineen ta'uu qaba.
Mootumaan aangoorra jirus fudhatamummaasaa mirkaneessuuf akkasumas aantummaa lammiileef qabu qabatamaan mul’isuuf qaamolee sirna federaalizmii dahoo godhachuun qabeenya hawaasaa saamaa jiran seeratti dhiyeessuu qaba.
Namoonni halkan tokko keessatti abbaa qabeenyaa ta’an wayita heddummaachaa dhufanitti gaaffiin qabeenya kana eessaa fide jedhu ka'uunsaa hin oolu. Hawaasni waliin jiraatu hanga galii waliis nibeeka waan ta'eef namoota karaa qaxxaamuraatiin qabeenya horatan wayita argu bu’a saamichaa ta’uusaa waan beekuuf gara jeequmsaatti akka galu isa taasisa.
Haalota uummata garaa hammeessan kana adda baasuun furmaata kennaa deemuu dhabuun amantaa uummatni mootummaarratti qabau akka hir’atu gochaa waan jiruuf mootummaan ofitti deebi'ee akka of sakatta’u kan isa taasisudha.
Mootummaan haaromsa gadi fagoo taaasisuun haalota tokko tokko fooyyessuuf yaalus si’oomina dhabuusaatiin komiin uummataa akka dabaluuf sababa ta’aa jira. Gaaffiin ka’aa jiruufi deebiin kennamaa jiru hanga wal hinmadaalletti nageenyi amansiisaa qabatamaan mirkaneessuun waan hindanda'amneef mootummaafi uummatni waldhaga'aa deemuun riqicha ngeenyaa hinraafamne ijaaruuf kan gargaarudha.
Walumaagalatti, rakkoo nageenyaa yeroorraa yerootti mudachaa jiru maqsuufi gaaga’ama gama kanaan qaqqabu hambisuuf walitti dhufeenyi mootummaafi hawaasa gidduu jiru cimuun guddina dingdee qonnarra gara indastiriitti taasifamu kan milkeessu yoo ta’u, ijaarsa Itoophiyaa haaraas kan saafisiisu waan ta’eef xiyyeeffannoon irratti hojjetamuu qaba.

Waasihuun Takleetiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001435950
Har'a/TodayHar'a/Today3910
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday5618
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week11170
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month97527
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1435950

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.