“Karaa sobaan darban deebiitti nama dhiba”

17 Mar 2018

Waan hundaa ol tarsiimoon ykn tooftaan itti biyya tokko bulchan murteessaadha. Kana yoo jedhamus, biyya bal’oo ummata miliyoona 90 ol qabdu bulchuu yaa turuutii maatii tokko gaggeessuun ogummaafi beekumsa guddaa kan gaafatu ta’uun kan beekamuudha.
Kunimmoo biyya tokkos ta’u sadarkaa maatiitti wayita ilaalamu gaggeessummaan hubannoofi sodaa ummataa ykn ammoo kabaja yoo hinqabaatiin adeemsa jiruufi jireenyaa keessatti rakkoo kan uumu ta’uusaa mul’isa jechuudha.
Wayita ammaa haala qabatamaa Itoophiyaan keessa jirtu yoo ilaalamu kanuma waliin kan walfakkaatuudha. Kunis, haalli siyaasaa biyyattii keessumaa waggoota shanan darbanirraa hanga har’aatti rakkoo hamaa keessa kan galche yoo ta’u, kana furuuf paartiifi mootummaan biyya bulchaa jiru tarkaanfiiwwan hedduu fudhachaa turaniiru.
Ta’us, tarkaanfiiwwan fudhatamaa turan jajjabeessaa ta’anillee fedhii hawaasni biyyattii barbaadu waliin walsimachuu waan hindandeenyeef bu’uurarraa furuun hindanda’amne.
Kanaaf ammoo hayyuuleen adda addaa, fakkeenyaaf, paartiileen mormitootaa, waldaaleen siivikii, hayyuuleen siyaasaafi kutaaleen hawaasaa gara garaa kallattii isaanitti mul’ateen yaadolee isaanii ibsaa turaniiru; har’as ibsuurratti argamu.
Akka paartiileen mormitootaa ibsanitti, rakkoon siyaasaa biyyattii inni guddaan dirreen siyaasaa dhiphachuudha. Kunis, sirna dimokraasii keessatti lammiileen yaadasaanii kallattii hundumaan dhiibbaa tokko malee ykn bilisaan ibsachuu kan danda’an yoo ta’ellee sirna ammaa keessatti garuu humnaa ol daangeffamuun, yeroodhaa yerootti jiraachuu biyyattii balaarra buusee akka jiruudha kan ibsan.
Kunimmoo keessumaa daraggootni caalaatti dhiibbaa malee yaadasaanii akka hinibsanneef danqaa ta’aa tureera; ammas rakkoo olaanaa uumaa kan jiru ta’uusaa mul’isa jechuudha. Kanarraa kan ka’e daraggootni gaaffii qaban, hojii barbaadaniifi walqixxummaa siyaas-dinagdee fedhan mootummaarraa deebii quufsaa waan dhabaniif, dirree barbaachisaa hintaane keessa seenuu akka danda’an dubbatu.
Mootummaanis gaaffiilee dargaggootni kaasaa jiran kana gara kallattii biraatti fudhachaa waan jiruuf keessumaa waggoota sadii as tarkaanfii madaalawaa hintaaneen lubbuun lammiilee hedduu darbeera; qabeenyi ummataafi dhuunfaas badeera.
Kunimmoo irra caalaatti hanqinoota gaggeessitootni uumaniinidha jechuun komiisaanii dhiyeessaa turaniiru; ammas akkasuma. Adeemsi akkasii fuldurattis kan hinsirroofne yoo ta’e dhimma jiraachuu Itoophiyaaf balaa guddaa qabaachuusaa ammoo gamanumaan tilmaamuun kan rakkisu miti.
Fakkeenyaaf, tarkaanfii suukaneessaan Oromiyaa, Magaalaa Moyyaaleetti miseensota raayyaa ittisa biyyaatiin lammiilee nagayaarratti fudhatame ija seeraan si’a ilaalamu, gonkumaa fudhatama akka hinqabne koomaandi poostinillee ibseera.
Kunis, keessumaa tarkaanfiin gara jabinaa raayyaa ittisaatiin fudhatame gocha yoomiyyuu balaaleffatamuufi sirreeffamuu akka qabu mul'isa. Gocha ummata dararsuufi mirgasaanii mulqu sirreessuu mannaa sababoota dhugaarraa fagaatan dhiyeessuun miliquuf yaaluun ammallee gama raawwachiistotaatiin akkuma itti fufetti jira.
Kunimmoo mootummaan biyyattii bulchaa jiru gaaffilee misoomaa, dimokraasiifi nageenyaa kallattii biraatti jijjiiruun tattaaffii walirraa hincitne gochaa jiraachuudha, kan hubatamu.
Egaa taateewwan yeroo yerootti raawwatamaa jiran gama mootummaatiin hanqinootni ykn rakkooleen hedduu jiraachuu argisiisu. Isaan kunneen ammoo yoosuma osoo hinfuramiin walirra tuulamaa har’a waan gahaniif, kutaaleen hawaasaa gara garaa mootummaarraa waan abdiifi amantaa dhaban fakkaatu.
Yeroo ammaas kan calaqqisaa jiru kanuma waan ta’eef, mootummaan heera biyyattii kabajuun guutummaatti hojiitti hiikuu qaba. Wantootni karooraan qabamaniifi hojjetaman marti ittigaafatamummaa guddaan ta’uu akka qaban hubatamuu mala.
Walumaagalatti, biyyattii bulchaa kan jiran gaggeessitoota sadarkaa sadarkaan jiraniidha. Gaggeessitootni ykn hoggantootni kunneen ammoo ummataaf amanamoo ta’uu qabu malee hawaasarratti shira diinummaa kan xaxan ta’uu hinqaban.
Lammiileen gaaffiilee misoomaafi dimokraasii wayita kaasanitti gara kallattii hintaanetti jijjiiruun jaarraa 21fa kana keessatti fudhatama kan hinqabne ta’uu hubachuun dirqama ta’a.
Humnaan garuu rakkoolee jiran furanii ummata bulchinaan dhugaarraa kan fagaate ta’uusaa ifatti mul’achuu qaba. Ummata gowwoomsuurra ifaan ifatti waliin marii’achuun bilchinaafi qaroominas kan ibsuudha. Sababiinsaas, karaan sobaan darban deebiitti kan rakkisu waan ta'eef.

Takkaalliny Gabayyootiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001117883
Har'a/TodayHar'a/Today4863
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7277
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week13359
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1117883

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.