Hadhaawaa mi’aawu dhamdhamuun haa gahu Featured

31 Mar 2018

Lammiilee qe'eefi qabeenya ofiirraa buqqa'an

Oromoon saba bal’aa muuxannoof mudannoosaa afoolatti fayyadamuun dabarfatu yoo ta’u, haala keessa jiru jalaa of miliqsuufis ta’e hawwii waliif qabu mijeeffachuuf mammaaksaan, eebbaan, durduriifi kkfn haala mi'aayina qabuun ergaa dabarfata.

Saawwan jabbilee malee, okoleen aannan malee, fardi kooraa malee, taphni hiriyyaa malee, dhalli abbaafi haadha malee, maatiin dhala malee, barri omisha malee, iyyi birmannaa malee hinbareedu jedhee walgorsuun baroota lakkoofsiseera.

Sabni Oromoofi Sumaalee hamaa fagootti balaaleffachaa gaarii waliif hawwaa tokkummaadhaan waliin jiraachaa otoo hiyyummaarratti qabsoo olaanaa taasisaa jiranii shira kontorobaandistoonni xaxaniin hamtuun dur fagootti abaaraa turan har’a wayita jilba isaan qabattu uggum, nama jechisiisa.

Barri gommaadha, takkaa namaan deema takka namaa deema. Lammiin Oromoo kaleessa kabajamee qe’eefi qabeenya horatee Naannoo Somaalee Itoophiyaa keessa jiraataa ture shira saamtotaatiin lammiifi firasaarraa addaan gargar bahee foon foonirraa cite ta’uun faffaca’ee jiraachuuf dirqame.

Oromoofi Sumaaleen barootaaf waldandahanii waliin jiraachaa hamaafi gaarii waliin dabarsaafi dhandhamaa turan har’a hadhaa saamtotni facaasaniin rakkoof saaxilamaniiru.

Walitti bu’insa saboota kanneen gidduutti uumameen dhalli abbaafi haadharraa citteetti, daa’imti harma haadhaa hawwitu dhabdeetti, abbaa warraaf haati warraa utubaa tokko jala jiraataa turan addaan bahaniiru, firriifi ollaan kanaan dura laga tokko waraabbatu, malkaa tokko obaafatu, dirree tokkotti bobbaafatu waldheebotaa jira.

Saawwaniifi bushaa'een buqqaatotaa malkaa dur dhudaniifi dirree dur itti bobba'an dhabaniiru.

Sangaan dur bokkisu mar’ate, saawwi dur mar’attu har’a bookisuutti kaatee qe’een abbaasaa dhabee one, lammiileen kunniin dur qe’eesaaniitti ulfinaan jiraataa turan. Jireenya buqqaatummaan qe’eefi qabeenyasaaniirraa akkasumas firoottanirraa adda bahuun jiruufi jireenya hadhaawaa mi’aawu osoo hinjaalatiin dhamdhamuutti jiru.

Ummatoonni Oromoofi Sumaalee kaleessa maatii ta’uurra darbee gaachana waliif ta’uun gaddaafi gammachuutti waliin hiriiraa turan shira saamtotaan xaxameen qe'ee ofii gadilakkisanii jireenya qubannaatiif saaxilamaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas lammiilee naannoo Sumaaleerraa buqqa’an kana simachuun bakkawwan garagaraatti qubsiisaa yoo jiraatellee qe’eefi malkaa keessa turan yaaduun hinoolle.

Sosochiin gama kanaan karaa mootummaa federaalaas ta’e naannoo taasifamaa jiru caalaatti cimuu kan qabu yoo ta’u, saboota akka bishaanii waldheebotaniifi osoo hinjaalatiin adda bahan kanneen bakkatti deebisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba.

Nama miti beeyldni qe’ee dur turerraa godaane sagaleefi amala jijjiirrata. Kan kaleessa ol jedhee adeemu boquu buusuun hinooluutii lammiileen kanniin malkaafi qe’eesaaniitti deebisuuf miirri kutannoo siyaasaa cimaa ta’e ijaaramuu mala.

Hadhaawaan hinmi’aawu garuu haalli hamaan hadhaawaa mi’eessinaan saboonni dur maatii ta’uun waliin jiraataa turan rakkina isaan mudaterraa ka’uun osoo hinjaalatiin rakkinatti madaquun dirqama ta’eera.

Abadan foon foonirraa citee hinhafu, baraafi yeroo eega malee. Rakkoon gamoo Iyyaarikoo fakkaatee saboota kanneen gidduu dhaabate guyyaa inni itti huursee jigu akka jiru abdachuun saboonni kunniin obsaan jireenya hadhaawaa kana keessa darbuuf caalaatti of qopheessuu qabu.

Abbaan malkaa malkaasaatti, abbaan saawwaa saawwasaatti, saawwanis dirree dur dheedaniifi malkaa dur dhuganitti deebihanii dheebuu isaanii itti bahan fagoo akka hintaane jaalala saboonni kunnniin lamaan haga ammaa waliif qabanirraa baruun nidanda’ama.

Kun ta’us tumsi lammiilee kanneen dandamachiisuuf bakkawwan garagaraatti ta’u akkuma jirutti ta’ee jijjiirama waaraa gama kanaan jiru milkeessuuf of kennanii hojjechuun barbaachisaadha.

Walumaagalatti lammiin qe’eef qabeenyasaarraa shira saamtotaafi kontorobaandistootaatiin buqqa’e kun jireenya buqqaatummaas ta’e eeggattummaa filatee osoo hintaane hadhaawaa mi’aawuufi dirqama waan itti ta’eefi. Ta’us lammiileen kunneen qe’eef qabeenyasaaniitti akka deebihaniifi jireenya tasgabbaa'aa akka geggeessaniif miira kutannootiin hojjechuun barbaachisaadha.

Waasihuun Takleetiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001641924
Har'a/TodayHar'a/Today2912
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7153
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week4329
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1641924

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.