Imala haaraa hoggansa haaraa waliin

06 Apr 2018

Itoophiyaan biyya saboonniifi sablammoonni 80 ol keessa jiraatan yoo taatu biyyoota Afrikaa guddinarra jiran keessaa ishee tokkodha. Sirnoota dabarsite gargaraa keessatti biyyittii jijjiiruuf tattaaffiin gargaraa taasifamus olaantummaa saba tokkoo qofaan durfamuusaan bu’aan galmaa'u  madaalwaa ta’ee argamuu hindandeenye.
Kun ammoo sabootaafi sablammoota gidduutti garaagarummaan akka uumamuufi waldhabdeen akka jiraatuuf sababa guddaa ta’ee ture. Saboonnifi sablammoonnii afaan ofiin akka hinbaranne, aadaasaanii akka hingabbifanne, amantii fedhan akka hinhordofneef uggurri cimaa taa’ee ture.
Harqoota gabrummaa olaantummaa abbootii irreen ummatarra taa’e kana cabsuuf fincila diddaa hadhaahaafi obsa nama fixachiisu taasisuun kufaatiin sirna abbaa irree akka ariifatu ta’eera.
Sirni ADWUI aangoo qabachuutiin booda ijaarsi sirna dimokiraasii akka lafa qabatuuf sochiin gargaraa taasifamaa kan ture yoo ta’u, bu’uura buusuun alatti guutummaa guutuutti fedhiin hawaasa bal’aa lafa qabachuu hindandeenye.
Kun kan ta’eefis hoggantoonni garaasaaniif bulaniifi miirri itti gaafatamummaa isaanitti hindhagahamane aangoof olaantummaa isaanii dahoo godhachuun qabeenya hawaasa bal’aa saamaa kan ofii ijaaraa turaniiru.
Hawaasni qabeenyisaa jalaa saamameefi rakkoo bulchiinsa gaariin gaaga’amaa jiru haala kana callisee ofirratti ilaaluu hindandeenye. Sababnisaas “duuti lama hinjiru” jechuun ciisanii du’a eeggachuurra waan qaban qabatanii qabsoo hedduu kallattii afraniin taasisaa turaniiru.
Dhaabni ADWUI dhimma kana gadi taa’ee ilaaluun marii barbaachisaa dhaabbilee afran waliin taasisuun rakkinicha adda baasuun nagaaf tasgabbii buusuuf yaaliin taasise jajjabeessaadha.
Bu’uuruma kanaan komii ummataa furuuf haaromsa gadi fagoo irraa kaasee hanga sadarkaa godaatti taasisuun bakka bu’iinsa garagaraa kan taasise yoo ta’u, namoota aangoo mootummaa dahoo godhachuun sassaabdummaa kiraarratti bobba'anii jiranis seeratti butuuf kutannoon hojjeta.
Haaromsa gadi fagoo taasifameni bu’aan hoggantoota kakuu haaraa kanarraa argamaa jiru hawaasa bal’aa garaa ciibsaa jira.
Hawaasni kanaan dura fayyadamtummaansaa wayita jalaa hubamu daandii cufaafi gabaa lagannaa taasisuun qabsaa'aa ture har’a hogganaa isaaf dhaabbatu akkasumas, isaaf dubbatu argachuusaan abdii horachuu danda'eera.
Abdii qofti fayyadamummaa mirkaneessa jechuun akkuma hindandahamne jijjiirama ijaan mul’atu agarsiisuufis mootummaan ADWUI ministira muummee haaraa filateera.
Ministirri Muummee filataman kun takkaan ija ummataa keessa kan jiran, kabaja ummataa kan qaban, barnootaan kan of gahan, akkasumas, dargaggootaan deggarsa olaanaa kan qaban waan ta’eef hogganaa filannoo ummataa jechuun ni danda'ama.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad gahumsaafi bilchina siyaasaa qabaniin Itoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceessisu jedhamanii kan abdatamanidha. Isa kanaaf ammoo deggarsi hawaasa bal’aa akkasumas, dargaggootaa dudduubasaanii jiru agarsiistuudha.
Kuni ta’us jalqabbii boqonnaa haaraa Itoophiyaa kana qabatamaan mirkaneessuuf kutannoon isaan keessa jiru ol’aanaa ta’uu wayita walharkaa fuudhinsi aangoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti taasifame dubbatanii jiru.
Itoophiyaan biyya sabaafi sablammoonni hedduu keessatti argamtu akkuma taate miira tokkummaafi walqixxummaa sabootaaf sablammootaa qabatamaa taasisuuf faayidaa ummataa seeraan taa’e hojiirra oolchuun dirqama ta’a.
Bulchiinsa sirna federaalizmii kana keessatti olaantummaan saba tokkoo qofa kan itti lallabamu osoo hintaane tokkummaa hedduminarratti bu’uureffatee waqtii itti hojiitti hiikamudha.
Akka kaleessaa maal na dhibdeen qabeenyi ummataa sassaabdoota kiraan yeroon itti saamamuufi rakkoon  bulchiinsa gaarii yeroon itti umriisaa dheereffatu hinjiraatu.
Kana jechuun mootumman filame qofaasaa jijjiirama fiduu kan hindandeenye ta’uu beekuun lammiileen hunduu ergama akka biyyattis ta’e akka dhuunfaatti isaanitti laatame bahachuun mootummaa waliin hiriiruun irra jiraata.
Bu’aan boqonnaa haaraa amma argame kun calaqqee qabsoo ummataa daangaarraa hanga daangaatti taasifamaa ture kan mul’isu waan ta’eef gochota badaarratti qabsaa'uun sassaabdota kiraa saaxiluun Itoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesisuun barbaachisaadha.
Walumaagalatti qabsoo hadhaawaan wareegamaan argamu bu’aa cululuqaa argamsiisuusaa ijaan kan mul’ate yoo ta’u, fayyadamtummaa seeraan taa’e qabatamaan mirkaneeffachuuf miira tokkummaafi dimokiraatawaa ta’een socho’uun yoona.

Waasihuun Takleetiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001117887
Har'a/TodayHar'a/Today4867
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7277
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week13363
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1117887

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.